bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 10
Acts 10
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Namichi Qorneelewoos jedhamu tokko biyya Qisaariya'aa keessa jiraata'aa ture. Inni kun kutaa woraanaa worra Rooma'aa ka Ixaalqaa jedhamee waamamuuf ajajaa loltuu dhibbaati.
2
Inni nama maatii ufii maraa woliin Rabbiin waaqeffatu, ka Rabbiin sodaatu, ka hiyyeeyyi'ii waa kennuu fi nama hennaa maraa Rabbiin kadhatu ture.
3
Gaaf tokko guyyaa keessa gara sa'aatii sagaliititti maleekkaan Rabbii «Qorneelewoos» jedha'aa hennaa manaabaan gara isaa dhufu addaata'aatti arge.
4
Innillee hennaa guuttatee isa laalu nayee, «Gooftaa'a! maali'i?» jedhe. Maleekkaanillee akkana jedheen, «Rabbiin kadhatuun keetii fi hiyyeeyyii gargaaruun kee Rabbiin afo'otti yaadatameera.
5
Ammallee gara worra Iyyoophe'ee namoota ergiitii nama Pheexroos jedhamu Simooniin fijjisiis.
6
Inni keessummummaa mana namicha gogaa duuguu ka manni isaa qarqara galaanaa jiruu taa'eera. Inni waan ati gootu sitti himaa.»
7
Maleekkaan isatti dubbate sun haga isa biraa deeme garboota mana isaa keessaa nama lamaan worra loltuu isaaf amanaman keessaa nama Rabbiin waaqeffatu tokko waamee,
8
Waa maraa isaanitti himee gara Iyyoophe'ee isaan erge.
9
Isaanillee bariisaa deemanii gara qacha'aa hennaa dhiyaatan, Pheexroos gara sa'aatii jahaatitti Rabbiin kadhachu'uuf gara gamo'oo ol baye.
10
Hennaa san Pheexroos beelayee waan nyaatu barbaadee uduu waan nyaataa qopheessa'aafii jiran manaabaan,
11
Samiin banamtee kallattii arfaniinuu waan woyaa fakkaatu ka wol qabateeru gara lafaa yoo bu'u arge.
12
Achitti bineensoonni luka afur qaban, worri lafa irra sosocho'an maruu, Simbirroonni sami'iillee keessa turan.
13
Hennaa san laagaa, «Pheexroos ka'iitii goorra'ii nyaadhu!» jedhu dhagaye.
14
Pheexroos ammo, «Gooftaa kiyya! hin ta'u! waan battii tuffatame tokko sirimaa nyaadhee hin beeku» jedhe.
15
Deebi'eellee lammeessoo laagaa, «Waan Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin» jedhu dhagaye.
16
Wonti akkanaa kun hennaa sadihi ta'e; yoma san woyaan sun gara sami'ii ol fudhatame.
17
Pheexroosillee waan mudhata argee hiikkaa isaatiif uduu garaa ufii keessatti dhudhuma'aaru namoonni Qorneelewoos erge mana Simoonii barbaadanii haga arganiin maayessa dhufanii balbala irra dhaabatan.
18
Isaan laagaa ufii ol qabatanii, «Keessummaan Simoon Pheexroos jedhame as jiraa?» jedhanii gaafatan.
19
Pheexroos uduu waan manaabaa yaada'aa jiru Ayyaanni, «Kunoo! Namoonni sadihii si soqa'aaran.
20
Ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan ta'eef uduu hin mamin isaan woliin deemi» jedheen.
21
Pheexroos gara namootaa gad bu'ee, «Namni soqa'aartan anaa; maaf dhuftan?» isaaniin jedhe.
22
Isaanillee, «Nu ajajaa dhibbaa ka Qorneelewoos jedhamu biraa dhufne; inni qajeela'aa fi nama Rabbiin sodaatu ka Yihuudota maraa biratti kabajjama'aa fi ka maqaa mishaa qabu; inni gara mana ufii si waamsisee waan ati jettu akka dhagayu, maleekkaan woyyuun isatti dubbate» jedhanii deebisaniif.
23
Innillee mana seensisee isaan keessummeesse. Bariisaa ka'ee isaan woliin deeme; amantoota Iyyoophee jiran keessaallee gariin isa woliin deeman.
24
Guyyaa itti aanullee qachaa Qisaariya'aatitti galan; Qorneelewoos firtoota ufiitii fi goshoota ufii wolitti waamee isaan eega'aa ture.
25
Hennaa Pheexroos ol seene Qorneelewoos argeenii luka isaa jalatti kufee sagadeef.
26
Pheexroos ammo, «Ka'i! Anillee namuma akka keetiitii» jedhee isa kaase.
27
Isa woliin qaaqa'aa mana seene; namoonni hedduu ka wol gayaniiran argee,
28
«Namni Yihuudi'ii gosa biraa woliin taa'uu'u, yookaan itti dhiyaachuun akka seera hin taane isinuu hin beettan; anatti ammo Rabbi nama kamiinuu battaaya'aa fi ka tuffatame akka hin jenne natti mudhise.
29
Kanaafuu isin na waamnaan uduu hin mamin dhufe; ammallee maaf na fiddan? jedhee isin gaafadha» isaaniin jedhe.
30
Qorneelewoos akkana jedhe, «Guyyaa afuriin dura gara sa'aatii sagaliititti ani uduu mana kiyyatti Rabbiin kadhata'aaru namni uffata calanqisu uffate tokko na afoo dhaabatee,
31
‹Qorneelewoos! Rabbiin kadhachuun kee Rabbiin afo'otti sii dhagayameera; kennaan ati hiyyeeyyi'ii kennitullee sii yaadatameera.
32
Eeganaa gara Iyyoophe'ee ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsis; inni mana namicha gogaa duuguu ka Simoon jedhamuu ka manni isaa qarqara galaanaa jiru keessummummaa dhaqeeraa› naan jedhe.
33
Kanaafuu hennaa san gara kee erge; atillee dhufuu keetiif mishaa goote; eeganaa waan Rabbiin biraa dhageette maraa si irraa dhagayu'uuf nu martinuu amma as Rabbiin afoo jirra.»
34
Pheexroos akkana jedhee dubbate, «Dhugamaan Rabbi nama akka nama wol hin caalchifne hubadheera.
35
Nama biyya kamiillee yoo ta'e nama Rabbiin sodaatuu fi nama waan qajeelaa hojjatu Inni hin simataan.
36
Yesuus Kiristoosii Gooftaa maraa ta'een nagaya isaa lallaba'aa dubbii kana gara ijoollee Israa'elii erge.
37
Cuuphaa Yohaannis lallabeen maayii waan biyya Galiila'aatii haga Yihuudaa maraa keessatti ta'e isinuu hin beettan.
38
Rabbi Yesuusii nama Naazireeti'ii Ayyaana Woyyu'uu fi hunnaan muude. Rabbi waan isa woliin jiruuf Yesuus waan mishaa godha'aa, worra daabiloosii bitaman maraa fayyisa'aa olii gad deeme.
39
Nullee waan inni biyya Yihuudotaatii fi Yerusaalemitti godhe maraaf raga'a; isa muka irratti fannisanii ajjeesan.
40
Isa Rabbi guyyaa sadeesso'ootitti du'aa kaasee akka inni mudhatu godhe.
41
Kunillee banii maraafii miti; haa ta'uu ammo nu worra firrisa Rabbiif filatamnee ragaa isaa taaneef malee; haga inni worra du'an keessaa ka'een maayii worri isa woliin nyaatee dhuge nu'u.
42
Bani'ii akka lallaabnuuf, worra jiranii fi worra du'an irrattillee akka inni murtii kennu Rabbiin ka murtaaye ta'uu kana akka ragaa baanu nu ajaje.
43
Ka isatti amanu maruu maqaa isaatiin akka dhiifamsa cubbu'uu argatuuf raattonni maruu hin raganiif.»
44
Pheexroos akkuma waan kana dubbateen worra dubbii isa dhagayan maraa irratti Ayyaanni Woyyuun bu'e.
45
Worri Pheexroosiin woliin dhufan maruu amantoonni gara worra gadoomanii ta'anii worra Yihuudota hin taane irratti kennaan Ayyaana Woyyu'uu waan bu'eef maalalan.
46
Wonti amantoonni Yihuudotaa maalalaniif waan Ayyaanni Woyyuun worra Yihuudota hin taane irrattillee bu'ee laagaa haarawaan dubbata'aa hennaa Rabbiin kabajjan dhagayaniif.
47
Hennaa san Pheexroos deebisee, «Kunniin ammo akkuma keenna worri Ayyaana Woyyuu fudhatan akka bisaaniin hin cuuphamne ka isaan dhooggu eennu?» jedhe.
48
Akka maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman isaan ajaje. Kanaan maayii akka inni guyyaa hagoo taa'u kadhataniin.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28