bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 15
Acts 15
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
1
Namoonni gari gariin Yihuuda'aa gad bu'anii, «Akka seera Muuse'eetitti yoo hin gadoomne fayyuu hin dandeettan» jedha'aa obboleewwan barsiisan.
2
Hennaa Phaawuloosii fi Baarnaabaas isaan jiddu'utti mormiin ka'e, waan wol mormii Phaawuloosii fi Baarnaabasiitiif isaan keessaa gari gariin namoonni biraallee gara ergamtootaa fi gara manguddootaa gara Yerusaalemii akka bayan murtaaye.
3
Woldeenni kiristaanaa karaa irratti isaan gargaara'aa, isaanillee akka worri Yihuudii hin taane gara Rabbii deebi'an isaanitti hima'aa, Finiqe'ee fi Samaariyaa keessa lufan obboleewwan maruu guddisanii gammadan.
4
Hennaa Yerusaalemiin gayan woldaan Kiristaanaatii fi ergamtoonni, manguddoonnillee isaan simatanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa odeessan.
5
Gosa Fariisotaa keessaa worri amanan gari gariin ka'anii, «Akka gadoomanii fi akka seera Muuse'ee eegan isaan ajajuu barbaachisa» jedhan.
6
Ergamtoonninii fi manguddoonni waan kana mari'achu'uuf wol gayan.
7
Haga guddisanii wol mormaniin maayessa Pheexroos ka'ee akkana isaaniin jedhe, «Obboleewwan tiyya! worri Yihuudii hin taane afaan kiyya irraa Dubbii Nagayaa dhagayanii akka amanan Rabbi bara hago'oon dura isin keessaa akka ana file isinuu hin beettan.
8
Waandhi yaada namaa beeku akkuma Ayyaana Woyyuu nuu kenne isaaniillee kennu'uun ragaa isaanii baye.
9
Qalbii isaaniillee amanti'iin hennaa qulqulleessu nu'uu fi isaan wol hin caalchifne.
10
Eeganaa waan nu'u fi abbootiin teenna baadhatuu hin dandeenne qambaraa gurmuu darasootaa irratti fe'u'uun amma maaf haga Rabbii laaltan?
11
Haa ta'uu ammo badhaadhummaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin akkuma isaanii akka fayyinu hin amanna.»
12
Hennaa kana baniin maruu hin cadhise. Baarnaabaasii fi Phaawuloosillee waan Rabbi harka isaaniititti worra Yihuudii hin taane jiddu'utti malkataa fi maalalee godhe maraa hennaa isaanitti himan dhagaya'aa turan.
13
Haga isaan cadhisaniin maayessa Yaaqoob akkana jedhee deebise, «Obboleewwan tiyya! na dhagayaa'a!
14
Rabbi worra maqaa isaatiif ta'u worra Yihuudii hin taane keessaa fooyatu'uun dura attamitti akka isaan laale Simoon dubbateera.
15
Waan kana woliin akkuma dubbiin raattotaa wol ta'a jedhame barreeffame,
16
‹Achiin maayii namoonni hafanii fi worri maqaa kiyyaan waamaman; worri Yihuudii hin taane maruu Gooftaa soqu'uuf hin deebi'an.
17
Daasee Daawitii ta kuftellee deebisee ijaara; ka diiggamellee deebisee ijaara; deebisee dhaaba; jedha Gooftaan kana godhu.
18
Dur irraa jalqabee hujiin maruu Rabbiin afo'otti ka beekkame.›
19
«Kanaafuu worri worra Yihuudii hin taane irraa gara Rabbii deebi'an akka isaan hin rakkifne;
20
waaqolee tolfamaa, battummaa, seebaruu, horii ufiin du'ee fi dhiiga irraa akka fagaatan isaanii barreessu'uuf kutadheera.
21
Muuseen dhaloota duraa irraa jalqabee Sambata Sambata mana sagada Yihuudotaatitti hennaa dubbisan qachaa maraa keessattuu worra seera isaa lallaban» hin qaba.
22
Hennaa san ergamtoonninii fi manguddoonni woldaa kiristaanaa maraa woliin, isaan keessaa namoonni filataman Phaawuloosii fi Baarnaabaasiin woliin gara Anxookiya'aa akka ergaman hoffolchan. Isaanillee obboleewwan jiddu'utti worri ijoo ta'an Yihuudaa Beersiyaan jedhamuu fi Sillaasiin fa'a.
23
Akkanatti barreessanii isaan irraan ergan. Ergamtoonninii fi manguddoonni obboleewwanillee worra Anxookiyaa, Sooriya'aa fi Kiliqiyaa jiran obboleewwan gosa Yihuudii hin taaneef nagaya dhaamaniiru.
24
Namoonni uduu nu isaan hin ajanye nu biraa ka'anii, «gadoomtanii seera Muuse'ee eegu'utu isin barbaachisa» jedha'aa yaada keessan booreessa'aa dubbi'iin akka isin raasan waan dhageenneef,
25
Waan Goofta'aa, waan maqaa Yesuus Kiristoosiitii fi worra lubbuu ufii kennan worra jaalannu Baarnaabaasii fi namoota Phaawuloosiin woliin filataman,
26
gara keessan erguu yaada tokkoon wolii galle.
27
Isaanillee akkasuma afaanuma ufiitiin woma san akka isinitti himan Yihuuda'aa fi Sillaasiin ergineerra.
28
Ciincaa waaqa tolfama'aa, dhiiga horii ufiin du'eetii fi seebaruu irraa akka fagaattan; ka barbaachisu kana malee fe'aa biraa akka isinitti hin feene nu'uu fi Ayyaanni Woyyuun waan hin eeyyamneef waan kana maraa irraa yoo uf eeddan waan mishaa gootan; nagayaan jiraadhaa'a.»
30
Isaanillee nagayatti isaaniin jedhanii gara Anxookiya'aa bu'an; baniillee wolitti qabanii xalayaa isaanitti kennan.
31
Hennaa dubbisan waan gorsa isaatiif gammadan.
32
Yihuudaanii fi Sillaasillee raattota waan ta'aniif guddisanii amantoota gorsanii jabeessan.
33
Haga guyyaa hedduu taa'aniin maayessa obboleeyyanitti nagaya dhaamatanii gara ergamootaa deeman.
34
Sillaas ammo achi jiraatuu fedhe.
35
Phaawuloosii fi Baarnaabaasillee namoota kaawwan heddu woliin akkasuma dubbii Goofta'aa barsiisa'aa, Dubbii Nagayaa lallaba'aa Anxookiyaa keessa jiraatan.
36
Guyyaa hago'oon maayii Phaawuloos Baarnaabaasiin, «Deebinee bakka dubbii Goofta'aa itti lallabne qachaa marattuu attamitti akka jiran akka beennu obboleeyyan haa tooyannuu» jedheen.
37
Baarnaabaasillee Yohaannisiin Maarqoos jedhamu deebi'ee isaan woliin akka deemu yaade.
38
Phaawuloos ammo inni isaan woliin akka deemu hin hoffolchineen; isaan biraa Phinfiliya'atti fooyamee waan tureef gara huji'ii isaan woliin hin dhufne.
39
Kanaafuu Phaawuloosii fi Baarnaabaas wol dhabanii adda bayan. Baarnaabaas Maarqoosiin fudhatee markabaan gara Qophiroosii deeme.
40
Phaawuloos ammo Sillaasiin filate; haga obboleewwan badhaadha Rabbiitiif yaboo kennaniin maayii hin baye.
41
Woldaa kiristaanaa jajjabeessa'aa Sooriya'aa fi Kiliqiyaa keessa deddeeme.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28