bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 20
Acts 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
Haga wolitti bu'iinsi qabbanaayeen maayii Phaawuloos darasoota waamsisee isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqedooniya'aa deemu'uuf baye.
2
Biyya san keessa hennaa lufe, dubbii Rabbiitiin haga guddisee isaan gorseen maayii gara biyya Giriikii dhaqe.
3
Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqedooniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate.
4
Worri isa geegessan, Susiphaxiroosii Beeriya'aa, namoota Tasolonqee keessaa, Arsixirookoosii fi Sikonduus, Gaayiyyoosii Darbe'ee, Ximootewoos, Tikiqoosii fi Xirofimoos fa'a godina Isiya'aa keessaa isa woliin deeman.
5
Isaan sunniin nu afoo lufanii Xiro'aada'atti nu eegan.
6
Nu ammo guyyaa ayyaana faasika'aatiin maayii Filiphisiyuusii markabaan kaanee, guyyaa shanitti gara Xiro'aada'aa isaan bira geennee guyyaa torbaa achi teenne.
7
Guyyaa jalqaba torbaanii uduu xoroshoo nyaachu'uuf teenneerru Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.
8
Mana mana gubba'aa ka itti wol geennee turretti ifa gudda'atu ture.
9
Dargaggeessi Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee ture; Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni isa qabeef mugee mana mana gubba'aa ka sadeesso'oo irraa kufee du'ee reeffa kaasan.
10
Phaawuloos gad bu'ee irratti kufee ammateenii, «Lubbu'uun jiraa hin wocinaa'a» isaaniin jedhe.
11
Bayee xoroshoo cabsee nyaatee haga bari'uuf haga isaan woliin qaaqa'aa tureen maayessa ka'ee deeme.
12
Namoonni dargaggeessa san fayyinaan fudhatanii gara manaa geessanii waan kanaaf guddisanii gammadanii jajjabaatan.
13
Nu ammo Phaawuloosiin simachuun waan nu barbaachisuuf firrifnee gara markabaa deemnee gara Asoonii deemu'uuf kaane; inni lafoo deemuu waan yaadeef akkana nuun jedhe.
14
Asoonitti haga isa argine simannee gara Milixiinii dhufne.
15
Bariisaa lamu'uu achii kaanee garba biraan afoo Kiyyu'uutiin achi geenne; Bariisaa gara Saamoonii ceenee Tiroogiliyooniin bulle; bariisaa gara Milixiinii dhufne.
16
Phaawuloos akka guddisee Isiyaa keessa hin turreef Efesooniin gad dhiisu'uuf waan muratee jiruuf, yoo danda'ameef ayyaana shantameesso'oo Yerusaalemiin keessa oolu'uuf ariifate.
17
Phaawuloos Milixiinii gara Efesoonii namoota ergee manguddoota woldaa kiristaanaa waamsise.
18
Hennaa gara isaa dhufan inni akkana isaaniin jedhe. «Urga Isiyaa seenee jalqabee gara laafummaa maraan imimmaaniin mala Yihuudonni natti dhayaniin rakkadhullee Goofta'aa ajajama'aa bara maraa attamitti akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan.
20
Rabbiin dhiifamsa gaafata'aa Gooftaa Yesuus Kiristoosiin amanu'uun Yihuudotaa fi namoota Giriikotaatii ragaa baya'aa hulee gumi'iitii fi mana isaanii keessatti isinitti hima'aa isin barsiise malee waan isin fayyadu keessaa woma tokkollee isin irraa hin hambifanne.
22
Ammallee ani Ayyaana Woyyu'uu ajajamee gara Yerusaalemii deema. Achittillee maaltu akka na irra gayu hin beeku.
23
Haa ta'uu ammo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.
24
Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.
25
Ammallee kunoo ani jeennata Rabbii hima'aa wonti isin jidduu deddeebi'eef isin maruu ammaa achi akka na hin argine hin beeka.
26
Kanaafuu ani dhiiga nama maraa irraa qulqulluu akka ta'e guyyaa adhaa kanatti ragaa isinii baya.
27
Gorsa Rabbii maraa isinitti himeera. Womaa isin jalaa hin hambifanne.
28
Isin uf eeggadhaa'a; woldaa Kiristaanaa ta Rabbi dhiiga ilma ufiitiin bitateellee tissee ta'aa'a. Hoolota Rabbii ta Rabbi akka eeddaniif Ayyaana Woyyu'uun isin muude maraa fi ufillee eegaa'a.
29
Haga ani deemeen maayii worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar jabeeyyiin akka isin keessa seenan,
30
darasootallee duubatti harkisu'uuf namoonni waan micciiramaa qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.
31
Kanaafuu woggaa sadihii halkanii fi guyyaa imimmaaniin isin maraa gorsuu akka addaan hin kunne yaadata'aa jabaadhaa'a.
32
Ammallee Rabbiif akka jabaattan woyyoota maraa jiddu'utti Rabbii ristii akka argattan godhuu danda'uuf dubbii badhaadhummaa isaatitti yaboo isin kenneera.
33
Eennuun irraallee birrii, yookaan worqii, yookaan uffata hin hawwine.
34
Harki kiyya kunniin waan barbaachisu anaa fi worra ana woliin jiraniif akka tajaajileen isinuu hin beettan.
35
Akkanuma dadhaba'aa akka dhibamtoota gargaartan, inninuu ‹ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame› akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.
36
Kana jedhee jilbiiffatee isaan maraa woliin Rabbiin kadhate.
37
Martinuu guddisanii booyanii morma Phaawuloosiititti rarra'anii dhungata'aa turan.
38
Keessaayyuu «Ammaa achi fuula kiyya hin argitan» waan jedheef, guddisanii gaddanii haga markabaa isa geegessan.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28