bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 23
Acts 23
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
1
Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe.
2
Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje.
3
Hennaa san Phaawuloos, «Ati bada ka mana nooraa adi'iin dibame fakkaatu! Rabbi si dhaya! Ati seeraan natti murteessu'uuf achi teetteerta; ufii ammo seera malee akka na dhayaniif ajajjaa?» jedheen.
4
Worri Phaawuloosiin bira dhaabataniiran, «Ati gadicha hayyicha Rabbii arrabsitaa?» jedhaniin.
5
Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! ‹Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin beenneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin› jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe.
6
Phaawuloos ammo gariin isaanii Saduuqoota; gariin ammo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya! ani nama Fariisii ilma Fariisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.
7
Hennaa inni waan kana jedhe Fariisotaa fi Saduuqoota jiddu'utti lolli ka'e; yaa'iin murti'iillee adda fooyame.
8
Saduuqoonni, worra «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookaan ayyaannillee hin jiru jedhan waan ta'aniif Fariisonni ammo lamaanuu hin amanan.»
9
Hennaa kana guddisanii iyyan; worri gosa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'anii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookaan maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman.
10
Hennaa lolli guddaan ka'e ajajaan loltuu kumaa Phaawuloosiin akka hin caccabsine sodaatee loltoonni bu'anii jiddu'uu akka isa fuudhan gara ganda loltootaa akka galaniin ajaje.
11
Halkan lammeesso'oo Gooftaan maddii isaa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya! Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'attillee akka ragaa baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen.
12
Haga bari'e Yihuudonni wol gayan Phaawuloosiin haga ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan.
13
Namoonni seera wolii galte'ee kana godhan afurtamaa ol ta'an.
14
Isaanillee gara bulchoota gadootaatii fi gara manguddootaa dhufanii, «Phaawuloosiin haga ajjeefnutti womaa akka hin tundhe jabeessinee wolii kakanneerra.
15
Eegasuu isin amma gumii woliin taatanii akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkaadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a; nullee uduu hin dhiyaatin ajjeesu'uuf qophoofneerraa» isaaniin jedhan.
16
Ilmi obboleettii Phaawuloosii ammo hennaa dhara isaanii dhagaye dhufee gara ganda loltootaa seenee Phaawuloositti hime.
17
Phaawuloosillee ajajaa loltuu dhibbaa keessa tokko waamee, «Mucaa kana gara ajajaa loltuu kumaa geessi waan isatti himu qabaa» jedheen.
18
Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen.
19
Ajajaan loltuu kumaa harka qabee achiin siiqee hojja isaatitti, «Waan natti himtu qabdaa?» jedhee gaafateen.
20
Innillee, «Yihuudonni waan Phaawuloosii haga duraanii irra jabeessitee akka waan qoratuu fakkaattee boru gara yaa'ii murti'ii akka baaftu si kadhachu'uuf wolii galaniiran.
21
Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataniiranii; isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen.
22
Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennuttillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse.
23
Ajajoota loltuu dhibbaa keessaa lamaan waamee, «Gara Qisaariya'aa akka deeman loltuu dhibba lamaa, worra faradoo torbaatamaatii fi loltuu dhibba lamaa, worra eboo lolaa qaban halkan keessa sa'aatii sadihitti qopheessaa'a» isaaniin jedhe.
24
Phaawuloosiin gara bulchaa biyyaa gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje.
25
Xalayaa akkana jedhullee barreesse;
26
«Qelaawudewoos Luusiyoosiin irraa bulchaa kabajjamaa Filiksiitiif nageenni siif haa ta'u!
27
Nama kana Yihuudonni qabanii ajjeesu'uuf hennaa yaadan akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen.
28
Sababaa himatameef beekuu yaadee gara yaa'ii murti'ii baaseen.
29
Waan seera isaanii mormeef akka isa himatan arge malee waan ajjeechaa yookaan hidha'aaf isa geessuu miti.
30
Nama kana Yihuudonni akka itti muratan hennaa natti himan, yoma san gara kee erge himattootallee ammo afoo keetitti akka himatan ajajeera» nagayaan taa'i.
31
Loltoonnillee akkuma ajajaman Phaawuloosiin qabanii halkaniin gara Antiphaaxirisii geessaniin.
32
Bariisaa akka worri fardaa isa woliin deemu godhanii isaan gara gandaa deebi'an.
33
Isaanillee gara Qisaariya'aa seenanii xalayaa bulchaa biyyaatitti kennanii, Phaawuloosiin afoo isaa dhaabsisaniin.
34
Haga dubbiseen maayii godina kamiin keessaa akka ta'e gaafateen; nama Kiliqiya'aa ta'uu isaa haga beeke,
35
«Worri si himatan yoo dhufan hennaa san si dhagaya» jedhee dallawa Heroodisii keessatti akka isa eegan godhe.
← Chapter 22
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 24 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28