bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 9
Acts 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
1
Saa'ol ammo darasoota Goofta'aa ajjeesu'uuf dhaadata'aa gara bulchaa gadootaa dhaqe.
2
Dhiiraa fi dubartoota worra Goofta'atti amanan yoo arge hidhee akka fiduuf xalayaa gara mana sagada Yihuudota Damaasqo'ootitti akka isaaf barreessu bulchaa gadootaa gaafate.
3
Uduu deemu hennaa gara Damaasqo'oo dhiyaatu; dimmaa naannoo isaatitti sami'ii ifti falaqqifnaan kufe.
4
Uduu inni hulee kufe jiru laagaa, «Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariitaa?» jedhu dhagaye.
5
Saa'ol, «Gooftaa kiyya! Ati eennu?» jedheen. Innillee, «Ani Yesuusii ati ariitu; woraana kana yoo mormite sitti jabaata» jedheen.
6
Hollata'aa maalalfatee, «Gooftaa kiyya! Akka maal godhu feeta?» jedheen. Gooftaanillee, «Amma ka'iitii gara qachatti'ii seeni; achitti waan gootu sitti himamaa» jedheen.
7
Namoonni Saa'oliin woliin karaa deema'aa turan laagaa malee waan biraa ijaan arguu dadhabanii cadhisanii dhaabatan.
8
Saa'ol hennaa lafaa ka'e ijji isaa womaa waan hin argineef namoonni harka isaa qabanii masakka'aa gara Damaasqo'oo seensisaniin.
9
Ijji isaa uduu hin argine guyyaa sadihii ture. Hin nyaanne; hin dhunnelle'e.
10
Damaasqoo keessa darasaa Hanaaniyaa jedhamu tokkotu ture. Gooftaanillee mudhataan, «Hanaaniyaa!» jedheen. Innillee «Yaa! Gooftaa kiyya» jedhee jalaa awwaate.
11
Gooftaanillee, «Ka'iitii gara karaa, ‹Qajeelaa› jedhamu sanii deemii mana Yihuudotaa keessaa nama Saa'ol jedhamu ka biyya Xerseesii tokko soqi. Inni achitti waan Rabbiin kadhata'aaruuf.
12
Saa'ol namni Hannaaniyaa jedhamu seenee ijji isaa akka argituuf hennaa harka isa irra kaayu manaabaan argeera» jedheen.
13
Hannaaniyaan deebisee, «Gooftaa kiyya! Yerusaalem keessaa woyyoota irratti waan hamaa meeqaa akka godhe waan namicha kanaa namoota heddu irraa dhagayeera.
14
Asittillee worra maqaa kee waaman maraa hidhu'uuf bulchoota gadootaatiin muudameera» jedhe.
15
Gooftaanillee, «Inni kun worra Yihuudii hin taane, moototaa fi ijoollee Israa'elootaa afo'otti akka maqaa kiyya baadhatuuf meeshaa naaf filatame waan ta'eef deemi.
16
Akka inni maqaa kiyya baadhatu'uuf jedhee rakkatu aninuu isatti mudhisa» jedheen.
17
Hannaaniyaanillee deemee mana isaa seenee harka ufii irra kaayee, «Obboleessa kiyya Saa'ol! Gooftaan ka karaa ati deemtutti sitti mudhate Yesuus, akka ati argituu fi akkasuma akka Ayyaana Woyyu'uun guuttamtuuf na erge» jedhe.
18
Yoosuu qolli akka cim'a'aa ija isaatii bu'e; inni hin arge; ka'ee cuuphamee hurbaata nyaatee jabaate.
19
Darasoota Damaasqoo jiran woliin guyyaa hagoo taa'e.
20
Yoosuu waan Yesuus Kiristoosii akka inni Ilma Rabbii ta'e mana sagadaa Yihuudotaa keessatti lallabe.
21
Worri dhagayan maruu maalalfatanii, «Namni kun ka Yerusaalemiin keessatti worra maqaa Yesuusii waamu balleessa'aa tureemii? Ammallee hidhee gara bulchoota gadootaatitti isaan fidu'uuf dhufee?» jedhan.
22
Saa'ol ammo itti jabaata'aa deeme. Yihuudota Damaasqoo taa'an Yesuus Kiristoosiin akka ta'e isaanitti hima'aa, waan isaa deebisan dhabsiise.
23
Haga guyyaa hedduu bubbuleen maayessa Yihuudonni isa ajjeesu'uuf mari'atan; Saa'ol ammo yaada isaanii beeke.
24
Inni garuu karoora isaanii beekee ture; isaan isa ajjeesu'uuf halkanii fi guyyaa balbala qachaa maraa eega'aa turan.
25
Darasoonni ammo halkaniin fuudhanii foddaa dallawa naannaya qachatti'iitiin keeshe'een isa buusan.
26
Saa'ol hennaa Yerusaalemiin gaye darasootatti eda'amu'uuf yaale. Martinuu darasaa ta'uu isaa waan hin amanneef sodaataniin.
27
Barnaabaas ammo fuudhee ergamtoota bira seensisee attamitti akka Gooftaan isa argee fi attamitti akka itti mudhate, Damaasqo'ottillee maqaa Yesuusiitiin attamitti uggee akka dubbate isaanitti odeesse.
28
Maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin uggee dubbata'aa Yerusaalemitti isaan woliin baya'aa gala'aa ture.
29
Yihuudota biyya Giriikiitii dhufan woliin qaaqa'aa isaaniin wol morma'aa ture. Isaan ammo isa ajjeesu'uuf barbaadan.
30
Obboleeyyan haga kana beekaniin maayessa gara Qisaariya'aa fidaniinii achillee gara Xeerseesii erganiin.
31
Tokkummaan woldaa kiristaana Yihuuda'aa, Galiila'aa fi Samaariyaa jiran maruu nagayaan jiraata'aa, cima'aa, sodaa Rabbiitii fi Ayyaana Woyyu'uun jajjabaata'aa baay'innaan guddata'aa deeman.
32
Pheexroosillee hennaa hulee maraa deemu akkasuma gara woyyoota Liidaa jiraatanii gad bu'e.
33
Achitti nama woggaa saddeetaaf laamshayee siree irra ciisa'aa ture ka Eniyaa jedhamu tokko arge.
34
Pheexroosillee, «Eniyaa! Yesuus Kiristoos si fayyisaa ol ka'ii ufumaa siree tee afadhu» jedhe. Innillee Yoma san ka'e.
35
Worri Balda'aa fi Saroonaa keessa jiraatan maruu isa arganii Goofta'atti amanan.
36
Iyyoopheellee darasaa Xabbitaa jedhamtu takkatu jira; afaan Giriikiitiin maqaan isi'ii «Dorqa'a» Dorqaa jechuun, «Kuruphee» jechu'u; isiin ta waan mishaa uf keessaa qabduu fi ta kennaallee kennitu turte.
37
Isiin ji'uma sanniin keessa dhibamtee duute; reeffa isi'ii dhiqanii kutaa gamo'oo tokko keessa kaayan.
38
Liidaan Iyyoophe'etti dhiyoo waan taateef darasoonni akka Pheexroos achi jiru dhagayanii nama lamaa isatti erganii, «Maal dafii nutti koottu» jedhanii kadhataniin.
39
Pheexroosillee ka'ee isaan woliin dhaqee hennaa inni achi gaye gara gamo'oo ol baasanii haawwotiin hiyyeessaa maruu booya'aa waan Dorqaan hennaa isaan woliin jirtu gooteef Shinshini'ii fi uffata isiin uffattu maraa isatti mudhisa'aa afoo isaa dhaabatanii booyan.
40
Pheexroosillee isaan maraa gara diidaa baasee, jilbiiffatee Rabbiin kadhata'aa gara reeffaa laalee, «Xabbitaa, ka'i!» jedheen. Isiinillee ija ufii banattee hennaa Pheexroosiin argite ol kaatee teette.
41
Hiixatee harka isi'ii ol isii qabee kaase haawwota hiyyeeyyi'iitii fi woyyoota waamee isii jirtuu afoo isaanii dhaabsise.
42
Wonti kun Iyyoophee maraa keessatti waan beekkame ta'e; namoonni hedduullee Goofta'atti amanan.
43
Iyyoophe'ettillee namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko bira guyyaa hedduu taa'e.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28