bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 16
Acts 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
1
Phaawuloos gara Darbe'ee fi Lisxira'aa gaye; Lisxiraa keessa darasaa Ximootewoos jedhamu ka haati isaa saba Yihuudi'ii, ka abbaan isaa ammo nama Giriikii ta'etu ture.
2
Waan isaa, obboleewwan Lisxiraanii fi Iqooniyoon jiran ragaa ta'aniif.
3
Phaawuloos isa qabatee bayuu fedhe; Yihuudota hulee san jiraniif jedhee akka abbaan isaa nama Giriikii ta'e waan beekaniif qabee gadoomseen.
4
Hennaa qachoota keessa deddeeman ergamtoonninii fi manguddoonni Yerusaalemiin jiran seera muratan akka eegan isaanii kennan.
5
Woldoonni Kiristaanaa amanti'iin jabaatan. Laakkobsi isaanii guyya guyya'aan eda'ama'aa ture.
6
Isiya'attillee dubbii Rabbii akka hin dubbanne Ayyaanni Woyyuun waan isaan dhooggeef Firgiya'aa fi biyya Galaatiya'aa keessa lufan.
7
Hennaa kolba Misiya'aatiin gayan gara Bitaaniya'aa deemu'uuf yaalan Ayyaanni Yesuusii isaan hin hoffolchine.
8
Cinaa Misiya'aatiin lufanii gara Xiro'aada'aa bu'an.
9
Eebju'uun halkan Phaawuloositti mudhatee namni Maqedooniya'aa tokko, «Gara Maqedooniya'aa ceeyiitii nu gargaari» jedha'aa dhaabatee isa kadhata'aa ture.
10
Haga eebjuu argeen maayii Dubbii Nagayaa akka lallabnuuf Rabbi waan nu waame waan nutti fakkaateef yoma san gara Maqedooniya'aa bu'uu barbaanne.
11
Xiro'aada'aallee kaanee qajeellee Samootraaqee dhandhe; bariisaa gara Naaphule'ee markabaan deemne.
12
Achiillee gara Filiphisiyuusii geenne; isiin qachaa Maqedooniya'aa taatee ta qachaa guddittii aanaa jala jirtu; hennaa garii qachaa tana turra.
13
Guyyaa Sambataa balbala qachatti'ii saniin alatti bakki Rabbiin kadhachu'uuf tolu achi waan jiru waan nutti fakkaateef gara cinaa lagaatiin baanee, teennee dubartoota wol gayanitti dubbanne.
14
Dubartoota nu caqasa'aaran keessaa dubartiin qachaa Tiyaaxirooniitii dhufte ta uffata diimaa haphii gurgurattu takkatu jira. Maqaan isi'ii Liidiyaa jedhama. Isiin dubartii Rabbiin waaqeffattu waan taateef dubbii Phaawuloos dubbatu akka caqaftuuf Gooftaan qalbii isi'ii bane.
15
Isiinillee maatii mana isi'ii woliin haga cuuphamteen maayii «Goofta'atti akka amanu yoo feetan gara mana kiyyaa seena'aatii jiraadhaa'a» jettee nu kadhate.
16
Hennaa hulee Rabbiin itti kadhatan dhandhu dubartiin ayyaanni mortu'uu keessa jiru ta gooftota ufiitiif mora'aa bu'aa guddaa fida'aa turte hojjattuun takka nu argitee,
17
Isiin nu faanaa deema'aa, «Namoonni karaa fayyiinsaa isinitti himan kunniin garboota Rabbii maraa oliiti!» jedha'aa iyya'aa turte.
18
Waan kana guyyaa heddu goote. Phaawuloos ammo rakkatee uf duuba midhatee akka ayyaanni hamaan isii keessaa bayu, «Maqaa Yesuus Kiristoosiitiin akka isii keessaa baatuuf si ajaja» jedhe; Yoma san isii keessaa baye.
19
Gooftonni isi'ii akka abdii bu'aa ufii dhaban haga argan Phaawuloosii fi Sillaasiin qabanii gara gabaya'aa harkisaniinii,
20
bulchoota afo'otti dhiyeessanii, «Namoonni kunniin Yihuudota ta'anii qachaa keenna guddisanii raasa'aaran.
21
Nu namoota Rooma'aa waan taaneef waan akka goonuuf nuuf hin eeyyamamne dubbatan» jedhan.
22
Baniinillee wol ta'anii isaanitti ka'an; bulchoonni uffata isaanii irraa mulqanii ule'een akka isaan dhaanan ajajan.
23
Haga guddisanii isaan tumaniin maayii gara mana hidha'aa isaan galchan; ka mana hidha'aa eegullee sirri'itti akka eegu ajajaniin.
24
Innillee ajaja kana fudhatee gara mana hidha'aa ka keessaatitti isaan galchee, luka isaanii gudeelcha lamaan jiddu'utti galchanii hidhan.
25
Halkan qixxee ammo Phaawuloosii fi Sillaas Rabbiin kadhata'aa faaru'uun Rabbiin galatoonfata'aa turan. Worri hidhamanillee caqasa'aa turan.
26
Dimmaa hundeen mana hidha'aa haga raafamutti lafti sochoote. Hennama san balballi maruu banamee hidhaan nama maraa hiikkame.
27
Ka mana hidha'aa eegu hirribaa dammaqee balbalti mana hidha'aa banamtee hennaa arge, waan worri hidhaman jalaa badan seeyee uf ajjeesu'uuf yaadee guraadee luqqifate.
28
Phaawuloos ammo laagaa gudda'an, «Nu maruu asuma jirraa uf irratti waan hamtuu hin godhin» jedhee itti lallabe.
29
Hennaa kana eedduun balbala eegu ibsaa kadhatee gara keessaa ol fiigee hollata'aa Phaawuloosii fi Sillaasiin afo'otti kufe.
30
Jara gara diidaa gad baasee, «Gooftota tiyya! fayyu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» isaaniin jedhe.
31
Isaanillee, «Gooftaa Yesuus Kiristoositti amani atii fi maatiin mana keetiillee hin fayyitanii» jedhaniin.
32
Isaa fi worra mana isaa jiran maraaf dubbii Rabbii isaanitti himan.
33
Halkanuma san sa'aatii sanitti fuudhee madaa isaanii miicee, hennama san inni maatii ufii maraa woliin cuuphame.
34
Gara mana ufii isaan fidee hurbaata dhiyeesseef; inni waan Rabbitti amaneef maatii ufii maraa woliin gammade.
35
Haga lafti bariite bulchoonni, «Namoota sanniin hiikaa'a!» jedhanii garboota ufii ergan.
36
Eedduun mana hidha'aa, «Akka hiikkamtan bulchoonni nama erganiiru; eeganaa amma baya'aatii nagayaan deemaa'a» jedhee dubbii kana Phaawuloositti hime.
37
Phaawuloos ammo, «Nu namoota Rooma'aa taanee murtee malee banii afo'otti nu tumanii mana hidha'aatitti nu galchan. Amma dhossa'aan gad nu dhiisanii? Hin ta'u! ufumaa dhufanii nu haa baasanii» isaaniin jedhe.
38
Garboonni isaallee waan kana bulchootatti himan. Isaan namoota Rooma'aa ta'uu isaanii hennaa dhagayan, sodaatanii dhufanii isaan kadhatan.
39
Mana hidha'aatii isaan baasanii qachaa san keessaa akka bayan isaan kadhatan.
40
Phaawuloosii fi Sillaas mana hidha'aatii bayanii gara mana Liidiya'aa seenan. Obboleewwanillee haga argan isaan jajjabeessanii achii deeman.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28