bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 21
Acts 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Haga isaan biraa gar gar fooyamneen maayessa markabaan gara Qoosii deemne; bariisaa gara Ruudii, achii gara Phaanxoosii qajeelle.
2
Markaba gara Finiqe'ee ceeyu argannee seennee achii kaane.
3
Qophiroosiin bitaa keennatti dhiifnee gara Sooriya'aa deemne; achii gara Xiroosii geenne; markabni waan fe'aa achitti buusuuf darasoota achitti arginee guyyaa torbaa teenne.
4
Isaanillee Phaawuloos gara Yerusaalemii akka hin baane Ayyaana Woyyu'uun kadhatan.
5
Hennaan achi turru dhumannaan baanee deemne; isaan maruu haadha manaatii fi ijoollee ufii woliin haga qacha'aa baanuuf nu geegessanii maddii galaanaatitti jilbiiffannee Rabbiin kadhanne.
6
Kanaan maayessa nagaya wolitti dhaamannee markaba keessa seenne. Isaanillee gara mana ufii deebi'an.
7
Nullee deemsa galaana irraa fixannee Xiroosii gara Pitoolemaasii geenne. Obboleewwan nagaya gaafannee guyyaa tokko isaan bira oolle.
8
Bariisaa baanee gara Qisaariya'aa dhandhe. Mana namoota Dubbii Nagayaa lallaban torban keessaa mana Filiphoosiititti hara baafanne.
9
Inni ijoollee durbaa ta raaga dubbatan afur qaba.
10
Uduu guyyaa hedduu achi teennee jirru, namichi raagu ka Agaaboos jedhamu tokko Yihuudi'ii gad dhufe.
11
Gara keennallee dhufee, sabbata Phaawuloosii fudhatee harkaa fi luka uf hidhee, akkasuma «Ayyaanni Woyyuun abbaan sabbata kanaa Yihuudonni Yerusaalemii akkanatti hidhanii harka worra Yihuudii hin taaneetitti dabarsanii kennaniin» jedhaa'a jedhe.
12
Hennaa kana dhageenne nu'uu fi worri achi jiranillee gara Yerusaalemii akka hin baane kadhanneen.
13
Phaawuloos ammo deebisee, «Booya'aa qalbii tiyya shukulsiisuun keessan maali'i? Ani waan Goofta'aatii fi waan maqaa Yesuusiitiif Yerusaalemitti du'u'uuf qophaayeera; hidhamuu calla'aafii miti» jedhe.
14
Hennaa inni gorsallee fudhachuu dide; «fedhiin Goofta'aa haa ta'u» jennee cadhifne.
15
Guyyaa kanaan maayessa qophoofnee gara Yerusaalemii baane.
16
Darasoota Qisaariyaa jiraatan keessaa gariin ammo nu woliin dhufan. Isaanillee gara hulee bulluu gara mana darasicha Qophiroosii Minaasoon jedhamuu nuun deeman.
17
Haga Yerusaalem geenne obboleewwan gammachu'uun nu simatan.
18
Haga bari'e Phaawuloos gara mana Yaaqoobii seene. Manguddoonni maruu achi dhufan.
19
Haga nagaya gaafateen maayii tajaajila Rabbi isaan jiddu'utti godhe worra Yihuudota hin taanetti tokko tokkoon hime.
20
Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; «Obboleessa keenna! worri Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkobsa hin qabne meeqa akka ta'an arga'aartan; isaan maruu worra seeraaf hinaafan.
21
Ijoolleen isaanii akka hin gadoomne, seeraan akka hin jiraanne, Yihuudonni worra Yihuudota hin taane jidduu jiran maruu akka Muusee ganan akka waan ati barsiiftuu waan kee isaanitti himaniiran.
22
Kanaafuu maal ta'inna? dhufa kee waan dhagayaniif namoonni hedduu wol gayuun isaanii hin hafu; eegasuu ka nu siin jennu kana godhi.
23
Namoota woreega uf irraa qaban arfan nu bira jiran kanniin qabadhuu isaan woliin qulqullaayi.
24
Rifeensa isaanii akka haadatan birrii kenniif; isaan maruu waan kee ka dhagayan duwwaa akka ta'e, atillee akkasuma nama seera eega'aa jiraatu akka taate hin beekan.
25
Worra Yihuudii hin taane nyaata waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhanii dhiyeessan, dhiigaa fi horii ufiin du'e akka hin nyaanne, akkasuma seebaru'uun battaayuu irraa akka uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra.
26
Hennaa san Phaawuloos namoota qabatee deeme; bariisaa isaan woliin seera qulqullaayu'uu raawwate; achii seerri qulqullaayu'uu yoom akka raawwatuu fi ciincaan isaan maraatuu yoom akka dhiyaatu beessisu'uuf gara mana woyyu'uu seene.
27
Hennaa guyyaan torbaa raawwatamu'uuf dhiyaatu, Yihuudonni Isiyaa irraa dhufan waan Phaawuloosiin mana woyyuu keessatti arganiif banii maraa itti kakkaasanii qabsiisan.
28
«Namoota Israa'elii! nu gargaaraa'a! Namichi hulee gaye maratti banii keennaa fi seera keenna, akkasuma hulee tanallee akka jibban taasisa'aa namoota barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin.
29
Wonti kana jedhaniif waan Phaawuloos namicha Efesoonii ka Xiroofimoos jedhamu woliin hennaa qachaa seenu arganiif Phaawuloos isa mana Woyyumma'aa waan seensise seeyaniiti.
30
Qachaan maruu booroftee baniin maruu wol gayee, Phaawuloosiin qabanii mana woyyuu keessaa gara diidaa isa harkisan; yoma san balballi cufame.
31
Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, oduun «Yerusaalem guddiftee boorofteerti» jedhu gara ajajaa loltuu kumaa gaye.
32
Innillee hennama san loltoota ajajaa dhibbaa woliin qabatee fiiga'aa gara isaanii dhaqe; isaanillee hennaa ajajaa loltoota kumaa argan Phaawuloosiin tumuu dhiisan.
33
Hennaa san ajajaan loltuu kumaa itti dhufee qabee haada sibiilaa lamaan akka hidhamu ajajee, «Inni eennuun akka ta'ee fi maal akka godhe» gaafate.
34
Baniin gariin akkanaa fi akkas jedhanii iyya'aa turan; hennaa woca isaaniitiin waan dhugaa ta'e beekuu dadhabe gara loltootaa akka gara gandaa isa fidan ajaje.
35
Sababaa baay'inna bani'iitiif Phaawuloos yoo gara balbala bayaniin bira gayu loltoonni isa baadhatanii deemaniin.
36
Baniin duubaan deemu, «Balleessiin!» jedha'aa woca'aa turan.
37
Hennaa gara gandaa isa dhiyeessan Phaawuloos ajajaa loltuu kumaatiin, «Waan tokko akka sitti himu naa eeyyamtaa?» jedhe. Innillee, «Afaan Giriikii hin beettaa? jedheen.
38
Ati nama Misirii ka kanaan dura worra lubbuu ajjeesan namoota kuma afurii akka shiftan gootee gammoojji'itti baafte» jedheen.
39
Phaawuloos ammo, «Ani nama Yihuudi'ii ka qachaa beekkamtuu Xeersiis jedhamtu ta Kiliqiiyaa keessa jirtuuti; akka bani'itti dubbadhu na hoffolchi» jedheen.
40
Phaawuloos haga ajajaan loltootaa eeyyameef gooba irra dhaabatanii dubbatan irra dhaabatee, harkaan gara bani'ii akeekee, haga baniin cadhise afaan Ibraayisxiitiin akkana jedhee dubbate.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28