bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 22
Acts 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
«Isin obboleewwanii fi abboonni! amma yoo yaada kiyya isinii ibsu na dhagayaa'a!»
2
Hennaa inni afaan Ibraayisxiitiin dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Inni akkana jedhe,
3
«Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xerseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti; ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyya Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture.
4
Dhiiraa fi dubartootallee qabee dabarsee gara mana hidha'aa kenna'aatti worra amantaa kana hordofan ajjeesu'uuf ari'a'aa ture.
5
Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture.
6
Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe yoo guyyaa wodhakkaa ta'u dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife.
7
Hennaa san ani hin kufe; laagaa, ‹Saa'ol! Saa'ol! maaf na ariita?› jedhu dhagaye.
8
Anillee deebisee, ‹Gooftaa kiyya! Ati eennu?› jedheen. Innillee, ‹Ani Yesuusii Naazireeti'ii ka ati ariitu san› naan jedhe.
9
Worri na woliin jiran ifa arganii sodaatan; haa ta'uu ammo isaan laagaa inni natti dubbatu hin dhageenne.
10
‹Gooftaa kiyya! Maal godhuu?› jedheen. Gooftaanillee, ‹Ka'iitii gara Damaasqo'oo deemi; waan gootu maraa achitti sitti himanii› naan jedhe.
11
Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye.
12
Achi namichi Hannaaniyaa jedhamu na gargaaru'uuf gara kiyya dhufe; inni nama seera sirri'itti eeguu fi Yihuudota achi jiraatan maraa biratti kabajjamaa ture.
13
Inni na bira dhaabatee, ‹Obboleessa kiyya Saa'ol! ijji tee sii haa argitu!› naan jedhe. Anillee hennaa san isa arge.
14
Inni akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa akka fedha isaa beettuuf, akka qajeellummaa argituuf akka afaan isaatii dubbii dhageettuuf, durumaa si filateera.
15
Waan argitee fi waan dhageette nama maraa afo'otti ragaa taataaf.
16
Eegasuu amma maaf turta? dafii ka'iitii maqaa isaa waama'aa cuuphami, cubbuu keellee dhiqadhu.›
17
«Haga gara Yerusaalemii deebi'een maayii mana woyyuu Rabbii keessatti uduu Rabbiin kadhadhu yaada Hafuuraa keessa gale.
18
Uduu Gooftaan natti dubbatu arge; Inni, ‹Ammuma ariiti'iin ragaa kee waan hin fudhanneef dafii Yerusaalemiin keessaa bayi› naan jedhe.
19
Ani akkana jedheen, ‹Gooftaa kiyya! ani namoota sitti amanan hidhu'uuf tuma'aa mana sagada Yihuudotaa irra akka naannaya'aa ture namoonni keenniin hin beekan;
20
Akkasuma dhiiga Isxifaanosii woreegamaa keetii hennaa jissan, waan isaan hojjataniin wolii galee achuma dhaabadhee uffata worra isa ajjeesanii eega'aa ture.›
21
Innillee ‹deemi ani gara worra Yihuudii hin taanee ka biyya fago'oo si ergaa› naan jedhe.»
22
Haga sagalee kana maraa dhagaya'aa turaniin maayessa ammo qoonqa isaanii ol qabatanii, «Nama akkanaa kana lafa irraa balleessi! Inni lubbu'uun hin jiraatin!» jedhan.
23
Iyyanii uffata ufii mulqatanii daddarbanii daaraa ol facaasan.
24
Ajajaan loltoota kumaa gara gandaa akka isa galchan ajaje; baniin maaf akka isatti iyya'aaru, tuma'aa gaafadhaa'a» jedhee isaan ajaje.
25
Teephaan duudhatanii hennaa Phaawuloosiin hidhan ajajaan loltuu dhibbaa ka isa bira dhaabateeruun, «Nama Rooma'aa murtii malee akka tumtan isinii eeyyamameeraa?» jedheen.
26
Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime.
27
Ajajaan loltuu kumaallee itti dhiyaatee, «Ati nama Rooma'aa tii? Natti himi» jedheen. Innillee, «Ee» jedheen.
28
Ajajaan loltuu kumaallee deebisee, «Ani lammummaa kana birrii hedduun argadhe» jedhe. Phaawuloos, «Ani ammo isii keessatti dhaladhe» jedheen.
29
Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isa irraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma hennaa akka inni nama Rooma'aa ta'e beeke waan hiisiseeniif hin sodaate.
30
Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee Phaawuloosiin gad buusee isaan afoo dhaabsise.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28