bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 14
Acts 14
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
1
Iqooniyo'otti Baarnaabaasii fi Phaawuloos woliin gara mana sagada Yihuudotaa seenanii achittillee sirri'itti waan barsiisaniif Yihuudotaa fi Giriikota keessaa namoonni hedduu amanan.
2
Yihuudonni hin amanne ammo worra Yihuudota hin taane worra amanan irratti kakkaasanii akka jibban godhan.
3
Malkataa fi maalaleen akka harka isaaniititti ta'u isaanii kenna'aa, waan dubbii badhaadhummaa Goofta'aa raga'aa ji'a hedduu achi taa'an.
4
Baniin qacha'aallee gar gar qoodamanii wodhakkaan isaanii Yihuudota woliin, wodhakkaan isaanii ergamtoota woliin taa'an.
5
Worri Yihuudota hin taanee fi Yihuudonni ammo bulchoota isaanii woliin isaan rakkisu'uu fi isaan tumuu yaadan;
6
isaan ammo beekkatanii gara qachoota Liqa'ooniya'aa ka Lisxira'aa fi Darbeen jedhamtuu gara biyya naannoo isaanii dheessan.
7
Achittillee Dubbii Nagayaa lallaban.
8
Lisxiraa keessatti namicha lutti isaa naafate ka urga dhalate irraa jalqabee hokkolu ka horomaa luka ufiitiin deemee hin beennetu achi taa'a'aa ture.
9
Namni kunillee hennaa Phaawuloos dubbatu caqasa'aa ture. Innillee fayyu'uuf akka inni amantaa qabu hennaa arge,
10
Guuttatee ija keessaa laalee laagaa ol qabatee «Qajeelii luka keetiin dhaabadhu» jedheen. Innillee ol jedhee ka'ee deddeeme.
11
Baniin hennaa waan Phaawuloos godhe argan laagaa ufii ol qabatanii afaan Liqa'ooniya'aatiin, «Maleekka'atu nama fakkaatee gara keenna bu'eera» jedhan.
12
Baarnaabaasiin, «Diyaa» jedhaniin. Phaawuloosillee inni dubbataa ijoo waan ta'eef, «Hermeen» jedhaniin.
13
Gadichi Diyaan mana woyyuu ka afoo qacha'aa jiru keessatti korommi'ii fi abaaboo bareechifamee marame banii woliin gara balbalaa fidee kennaa ciinca'aa godhee kennuu barbaade.
14
Ergamtoonni Baarnaabaasii fi Phaawuloos ammo henna kana dhagayan uffata ufii tarsaasanii gara bani'ii fiiganii iyya'aa akkana jedhan,
15
«Isin namoota nana! maaf kana gootan? Nullee ammo namuma akka keessaniiti waan duwwaa kana irraa gara Rabbii jiraataa ardii, samii, galaanaa fi waan galaana keessa jiraatu mara uumee akka deebitaniif Dubbii Nagayaa isinitti lallabna.
16
Inni dhaloota darbe keessatti worra Yihuudii hin taane maraa gara karaa ufii fedhanii akka deeman dhiise.
17
Hujii mishaa hojjata'aa samii irraa roobni roobee ji'a daraaraan daraaru nuu kennee, garaa keenna nyaataa fi gammachu'uun guute; kanniin maraan akka Rabbiin ta'e mudhise.»
18
Kana jedhanii akka ciincaa isaaniif hin goone banii giddi'iin dhooggan.
19
Yihuudonni Anxookiya'aa fi Iqooniyooniin keessaa dhufan ammo banii sossobanii Phaawuloosiin tumanii waan du'e isaanitti fakkaatee qacha'aa gara raasa'aa harkisaniin.
20
Ta'ullee uduma darasoonni isa marsaniiran ka'ee gara qacha'aa seene. Bariisaa san Baarnaabaasiin woliin gara Darbe'ee dhaqe.
21
Qachaa sanitti Dubbii Nagayaa lallabanii darasoota heddu haga taasisaniin maayii garaa darasootaa jabeessa'aa akka amanti'iin jabaatanii jiraatan gorsa'aa, «gara jeennata Rabbii rakkoo guddaa keessa lufnee galuu nu barbaachisa» jedha'aa gara Lisxira'aa, Iqooniyoonii fi Anxookiya'aa deebi'an.
23
Haga woldaa kiristaanaatitti manguddoota muudaniin maayessa soomanii Rabbiin kadhatanii Gooftaa itti amananitti yaboo isaan kennan.
24
Phisidiyaa keessa lufanii gara Phinfiliya'aa dhaqan.
25
Phergeenittillee haga dubbii himaniin maayii gara Ixaaliya'aa bu'an.
26
Achiillee hujii raawwatanii gara hulee Ayyaana Rabbiititti yaboo kennanii gara Anxookiya'aa markabaan deeman.
27
Hennaa achi gayan woldaa kiristaanaa wolitti qabanii waan Rabbi isaan irraan godhe maraa worra Yihuudii hin taaneefillee Rabbi balbala amanti'ii akka isaanii bane himan.
28
Darasoota woliinillee guyyaa heddu taa'an.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28