bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 8
Acts 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
1
Guyyaa san woldaa Kiristaanaa ta Yerusaalemiin jirtutti baqa gudda'atu ta'e. Ergamtoota malee maruu gara Yihuuda'aatii fi gara biyya Samaariya'aa faca'an.
2
Namoonni Rabbiin kadhachu'uun jabaatan Isxifaanosii guddisanii booya'aa awwaalan.
3
Saa'ol ammo woldaa Kiristaanaa diiga'aa ture. Mana maraa seena'aa dhiiraa fi dubartootallee harkisa'aa gara mana hidha'aatitti dabarsa'aa isaan kenna'aa ture.
4
Worri faca'an dubbii lallaba'aa deeman.
5
Filiphoosillee gara qachaa Samaariya'aa dhaqee waan Kiristoosii isaanitti lallabe.
6
Baniinillee hennaa dubbii Filiphoosii dhagayanii fi malkata inni godhe hennaa argan waan inni jedhe yaada tokkoon dhagayaniin.
7
Ayyaanni hamaan laagaa gudda'aan iyya'aa namoota heddu keessaa baya'aa waan tureef naafataan hedduu fi worri hokkolullee hin fayyan.
8
Qachaa san keessatti gammachuu gudda'atu ta'e.
9
Namni Simoon jedhamu tokko ammo «ani gudda'a!» jedhee mora'aa namoota Samaariya'aa maalalchiisa'aa nama qachaa san keessa jiraate.
10
Namoota didiqqaa irraa jalqabee haga namoota gugurda'aa hunni Rabbii kana jedha'aa martinuu isa caqasan.
11
Bara dheeraa irraa jalqabee waan moru'uun isaan maalalchiiseef isa jalaa caqasan.
12
Haa ta'uu ammo waan jeennata Rabbiitii fi waan Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti lallabe. Isaanillee hennaa waan Filiphoos jedhe dhagayan dhiirtinii fi dubartiinillee amananii cuuphaman.
13
Simoonillee akkasuma amanee cuuphamee Filiphoosiin wol ta'e. Hennaa malkataa fi maalaleen guddaan ta'e argee ajaa'ibsiifate.
14
Ergamtoonni Yerusaalemiin jiran akka namoonni Samaariya'aa dubbii Rabbii fudhatan dhagayanii Pheexroosii fi Yohaannisiin isaanii ergan.
15
Isaanillee hennaa gara isaanii dhaqan akka Ayyaana Woyyuu argataniif Rabbiin isaanii kadhatan.
16
Maqaa Gooftaa Yesuusiitiin cuuphaman malee, isaan keessaa tokko irrattillee Ayyaanni Woyyuun waan hin buuneef.
17
Hennaa san harka ufii isaan irra kaayanii Ayyaana Woyyu'uun guuttaman.
18
Simoonillee harka nama irra kaayuu ergamtootaatiin Ayyaanni Woyyuun akka kennamu haga arge birrii isaanii fidee,
19
«Ka ani harka irra kaayu maruu Ayyaana Woyyu'uun akka guuttamu baalli kana naallee kennaa'a» jedhe.
20
Pheexroos ammo akkana jedheen, «Waan kennaa Rabbii birri'iin argatuu yaaddeef birriin kee si woliin haa badu.
21
Garaan kee Rabbiin afo'otti qajeelaa waan hin taaneef waan kana irraa hiree yookaan gayee hin qabdu.
22
Eegaasuu badooma kee kanaaf aagii gali; maal laataa yaada garaa keetii yoo ka sii dhiisu ta'e Rabbiin kadhadhu.
23
Summii hadhaaya'aa fi hammeenna keessa akka jirtu waan arga'aaruuf.»
24
Simoonillee deebisee, «Wonti hamaan kun tokkollee akka na irra hin geenne isinumti Gooftaa naa kadhadhaa'a» isaaniin jedhe.
25
Isaanillee haga raganii fi haga dubbii Goofta'aallee himaniin maayessa gara Yerusaalemii deebi'an; Samaariya'attillee ganda hedduu keessatti Dubbii Nagayaa lallaban.
26
Maleekkaan Goofta'aa Filiphoosiin, «Ka'iitii gara kibbaatitti gara karaa Yerusaalemii gammoojjii Gaaza'aatitti gad geessu dhaqi» jedheen. Innillee ka'ee deeme.
27
Ajajaan hojjattoota mootittii Itoophiya'aa ta «Hindakee» jedhamtuu, ka qabeenna isi'ii horatu namni kun sagadu'uuf gara Yerusaalemii deeme.
28
Achii yoo deebi'u konkolaataa fardaa irra taa'ee kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisa'aa ture.
29
Ayyaanni Woyyuun Filiphoosiin, «Gara konkolaataa fardaa kana siiqiitii isaan wol gayi» jedheen.
30
Filiphoosillee gara isaa hennaa fiige uduu inni kitaaba raatticha Isaayyaasii dubbisu dhagayee, «Waan dubbisa'aartu kana hubattaa?» jedheen.
31
Innillee, «Uduu nama naa ibsu hin arganne attamitti naa gala ree?» jedheen. Akka Filiphoos konkolaataa fardaa irra bayee isa woliin taa'u isa kadhate.
32
Huleen inni barreeffama kutaa kitaabaa keessaa dubbisa'aa ture sun, «Inni akka hoolaa qalmaaf oofama'aartuu, akkuma ilmoolee hoola'aa hennaa namni rifeensa isii irraa muru cadhiftu; Innillee akkasuma waan tokkollee hin dubbanne.
33
Inni uf salphise; murtiin dhuga'aa hin kennamneef. Jireenni isaa lafa irraa waan fudhatameeruuf, eennutu dhala isaatitti himuu danda'a ree?»
34
Ajajaan hojjattootaa sunillee Filiphoositti deebisee, «Yabo'oo si wogee raattichi waan eennuu dubbata? Waan ufiiti mo'o waan nama biraati?» jedheen.
35
Filiphoosillee afaan baqaffatee kitaaba kana irraa jalqabee waan Dubbii Nagayaa ka Yesuusii itti hime.
36
Uduu karaa irra deeman gara bisaanii gayan. Ajajaan hojjattootaa, «Ani amma bisaaniin akka hin cuuphamnee wonti na dhooggu maali'i?» jedheen.
37
Filiphoosillee, «Garaa kee guutu'uun yoo amante hin danda'ama» jedheen. Ammallee, «Yesuus Kiristoos Ilma Rabbii akka ta'e hin amana» jedhe.
38
Konkolaataan fardaa akka dhaabatu ajajee ajajaan hojjattootaa sunii fi Filiphoos gara bisaanii bu'an. Innillee hin cuupheen.
39
Bisaan keessaa haga bayaniin maayessa Ayyaanni Goofta'aa Filiphoosiin hin fudhateen. Ajajaan hojjattootaa sun deebi'ee isa hin argine; gammada'aa karaa ufii deeme.
40
Filiphoos ammo Azaaxoonitti argame. Haga Qisaariya'aallee dhaqu'uuf deddeebi'a'aa qachaa marattuu Dubbii Nagayaa lallabe.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28