bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 24
Acts 24
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
1
Guyyaa shaniin maayii gadichi hayyichi Hannaaniyaan manguddootaa fi beekaa seeraa ka Xarxaluus jedhamu tokko woliin gad dhufee isaan waan Phaawuloosii bulchaa biyyaatitti iyyatan.
2
Hennaa waamame Xarxaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe.
3
«Kabajjamaa Filiksi! waan karaa keetiin nagaya guddaa argannuuf, banii kanaafillee yaada keetii fi dubbii keetiin biyya maraaf bakka marattillee wonti mishaan waan ta'uuf galata guutu'uun fudhanna.
4
Haa ta'uu ammo kana caalaa guddisee si hin tursiisu; hennama diqqoo gara laafumma'aan akka nu dhageettu si kadhadha.
5
Namni kun akka dhibe'ee ta'ee Yihuudota adunyaa irra jiran maraa booreessa'aa, worra barumsa sobaa barsiisaniif gosa worra filatameetiif masakkaa ta'ee waan argineef.
6
Hennaa mana woyyuu xureessu'uuf yaalu qabneen; [akka seera keennaatitti itti murteessuu yaannee turre.
7
Haa ta'uu ammo Luusiyoos ajajaan loltuu kumaa dhufee hunnaan nu harkaa fudhate.
8
Worra isa himatanillee akka gara kee dhufan ajaje.] Atuu isa qorattee waan nu isa himannu maraa beekuu dandeetta.
9
Yihuudonnillee ammo, «wonti kun akkasuma» jedhanii wolii galan.
10
Bulchaan ijaan dhoofnaan Phaawuloos akkana jedhe, «Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aa waan naan jedhan kanaa deebii deebifadha.
11
Sagadu'uuf gara Yerusaalemii haga baye guyyaa kudha lamaa akka ta'e atuu beekuu dandeetta.
12
Nama tokkollee yookaan ummata wolitti qabee mana woyyu'utitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'attillee na hin argine.
13
Ammallee waan na himataniif sitti himuu hin danda'an.
14
Haa ta'uu ammo waan kana ragaa sii baya; waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa waaqeffatan.
15
Worri qajeelaanii fi ka qajeelaa hin taanellee akka du'aa ka'an akkuma isaan Rabbiin abdatan; anillee Rabbiin irraa abdii qaba.
16
Ani ammo kanaaf Rabbii fi nama afo'otti hennaa maraa ka mudaa hin qabne, sammuu qulqullaayaa akka qabaadhuuf jabaadha.
17
Woggaa hedduun maayii banii kiyyaa kenna'aa fi ciincaa godhu'uuf dhufe.
18
Uduu kana godha'aa jiru, baniin uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan.
19
Haa ta'uu ammo Yihuudonni gariin waan na himataniin waan qabaniif Isiya'aa dhufaniiran.
20
Wodhakkaa isaanii dhaabadhee laagaa ol qabadhee, ‹Worri du'an hin ka'an› waan jedheef adha murtii yaa'i'ii afoo dhaabadhe;
21
waan hamaa tokko yoo na irratti arganiiran ta'e, mee isaan kunniin haa dubbatanii.»
22
Filiksi ammo dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef hennaa ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos gad dhufe dubbii teessanii murtee kenna jedhee haagana'aan tursiise.
23
Achiin maayessa inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eeddoo itti furi; worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookaan yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje.
24
Guyyaa hago'oon maayessa Filiksi haadha manaa ufii ta Diruusillaa jedhamtu ta gosa Yihuudi'ii woliin dhufee Phaawuloosiin waamsisee waan Yesuus Kiristoositti amanu'uu hennaa Phaawuloos dubbatu dhagaye.
25
Inni uduu waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aaru Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.
26
Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture.
27
Woggaa lamaan maayii Phorikiyoos Fisxoos bakka Filiksii bulchaa ta'e. Filiksi Yihuudota gammachiisu'uuf jedhee Phaawuloosiin hidhaa keessatti dhiise.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 25 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28