bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 11
Acts 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
1
Ergamtoonniinii fi obboleeyyan Yihuudaa jiran akkasuma worri Yihuudota hin taane akka dubbii Rabbii fudhatan dhagayan.
2
Pheexroos hennaa gara Yerusaalemii dhufe worri gara worra gadoomanii isaan wol mormanii,
3
«Ati mana worra hin gadoomnee seentee isaan woliin nyaatte» jedhaniin.
4
Pheexroos ammo jalqabaa kaasee duraa duubaan akkana jedhee isaanii ibse;
5
«Ani uduu qachaa Iyyoophe'eetitti Rabbiin kadhata'aaru yaada keessa ta'ee manaaba arge; meeshaan guddaan woccuu fakkaatu kallattii arfaniinuu wol qabatee sami'ii bu'ee gara kiyya dhufe.
6
Yoo waan san guuttadhee laalu beelladoota luka afurii, bineensota bosonaa, uumama lafa irra looyanii fi simbirroota sami'iillee arge.
7
Laagaa, ‹Pheexroos! ka'ii goorra'ii nyaadhu!› jedhu dhagaye.
8
Anillee, ‹Gooftaa kiyya! Hin ta'u! waan battaaya'aa fi ka tuffatame horomaa afaaniin qabee waan hin beenneef› jedhe.
9
Ammallee hennaa lammeesso'oo laagaa, ‹Ka Rabbi qulqulleesse ati hin batteessin› jedhu sami'ii naa dhufe.
10
Wonti kun hennaa sadihi ta'e; deebi'ee maruu gara sami'ii fudhatame.
11
Hennaa san namoonni sadihii Qisaariya'aa gara kiyya ergamanii gara mana ani jiruu dhufan.
12
Ayyaanni uduu hin mamin isaan woliin akka deemu natti hime; obboleeyyan jahan kunniin ammo na woliin dhufanii gara mana nama sanii seenne.
13
Innillee akka Maleekkaan mana isaa keessa dhaabate arge, Maleekkaanillee gara Iyyoophe'ee namoota ergiitii Simoonii Pheexroos jedhamu waamsis;
14
innillee atii fi namoonni mana keetii maruu waan ittiin fayyitan isinitti hima akka jedheen nutti hime.
15
Akkuma ani dubbachuu jalqabeen Ayyaanni Woyyuun akkuma duraan nu irratti bu'e isaan irrattillee hin bu'e.
16
Hennaa san dubbii Goofta'aa ka, ‹Yohaannis bisaaniin cuuphe; isin ammo Ayyaana Woyyu'uun cuuphamtan› jedhu qaabadhe.
17
Eeganaa Rabbi nu worra Gooftaa Yesuus Kiristoositti amanne kanaa akkana yoo kenne, isaaniillee akkasuma yoo kenne, waan kana Rabbiin dhooggu'uuf ani dandeettii qabaa?»
18
Isaan hennaa kana dhagayan cadhisanii, «Rabbi worra Yihuudota hin ta'inillee akka cubbuu irraa deebi'anii jiraatan hiree aagii galiiti'ii isaanii kenneera» jedhanii Rabbiin galatoonfatan.
19
Sababaa rakkinna Isxifaanosiin irra gayeetiin worri bittinnaayan Finiqee, Qophiroosii fi haga Anxookiya'aa deemanii dubbii Rabbii Yihuudota calla'atti himan malee, ka biraa eennuttuu hin himne.
20
Isaan keessaa ammo namoonni Qophiroosiitii fi Qareenaa taa'an tokko tokko gara Anxookiya'aa dhufanii Dubbii Nagayaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii lallaba'aa namoota Giriikiitittillee himan.
21
Harki Goofta'aallee isaan woliin ture; namoonni hedduu amananii gara Goofta'aa deebi'an.
22
Oduun kun Woldaa kiristaanaa ta Yerusaalemiin keessa jirtutti dhagayame; Barnaabaasiinillee gara Anxookiya'aa ergan.
23
Innillee achi dhaqee haga badhaadhummaa Rabbii arge hin gammade; isaan maruu fedha garaa isaaniitiin Goofta'aan jabaatanii akka jiraatan gorse.
24
Inni waan nama mishaa, ka Ayyaana Woyyu'uu fi ka amantii qabu tureef baniin hedduu Goofta'atti amanan.
25
Barnaabaasillee Saa'oliin soqu'uuf gara Xeerseesii dhaqe; hennaa isa arge gara Anxookiya'aa isa fide.
26
Woldaa kiristaanaatitti woggaa tokko guutuu wolitti qabamanii banii hedduu barsiisan. Darasoonnillee hennaa jalqabaatiif Anxookiya'atti, «Kiristaana» jedhamanii waamaman.
27
Ji'ootuma sanniin keessa raattonni Yerusaalemiin irraa gara Anxookiya'aa dhaqan.
28
Isaan keessaa namichi Agaabos jedhamu tokko ka'ee akka adunyaa maraa irratti beelli dhufu Ayyaana Woyyu'uun isaanitti hime; wonti kun bara Qelaawudeewoos Qeesarichaa ta'e.
29
Darasoonni marti isaanii akkuma dandeettii isaaniitiin waa wolitti baasanii obboleeyyan Yihuudaa keessa jiraataniif gargaarsa ergu'uuf murteeffatan.
30
Isaanillee akkasuma godhan. Barnaabaasii fi Saa'olitti kennanii gara manguddoota woldaa Kiristaanaatitti ergan.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28