bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 27
Acts 27
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
1
Haga gara Ixaaliya'aa markabaan akka deemnu murtaaye, Phaawuloosii fi worri hidhaa keessaa ka biraallee kutaa woraana Awugisxoosii keessatti ajajaa loltuu dhibbaa ka Yuuliwoos jedhamutti dabarsanii isaan kennan.
2
Markaba gara Adiraamixiisii daangaa Isiya'aatiin deemu'uuf ta'u keessa seennee achii kaane. Namichi Maqedooniya'aa Arixirokoosiin Tasolonqe'eellee nu woliin ture.
3
Bariisaa yoo gara Siidoona'aa geennu Yuuliyoos Phaawuloosiif garaa laafee akka inni gara firtoota ufii dhaqee waan isa barbaachisu akka isaa fidaniif hoffolcheen.
4
Achii kaanee waan bubbeen afoo keennaan turteef Qophiroositti daadayannee deemne.
5
Haga galaana Kiliqiya'aa fi Phinfiliyaa bira jiru ceeneen maayessa gara muraa Luuqiyaa keessa jiruu geenne.
6
Ajajaan loltuu dhibbaa markaba Iskindiriya'aa dhuftee gara Ixaaliya'aa deemtu argee isii nu yaabbise.
7
Guyyaa hedduu suuta jedha'aa deemnee rakkinnaan gara kolba Qeendoosii geenne. Bubbeen waan nu dhooggeef Qerxeesitti daadayannee kolba Seelmuna'aatiin deemne.
8
Rakkinnaan qaccee irra lufnee gara qachaa michuu jedhamtuu ta qachaa Lalisiya'aatitti dhiyaattutti dhufne.
9
Hennaa dheera'aan maayessa hennaan soomaa amma waan lufeeruuf markabaan deemuun waan nama sodaachisuuf,
10
Phaawuloos akkana jedhee isaan seere, «Namoota nana! deemsa kana keessa miidha'aa fi badiin guddaan akka ta'u arga'aara; badiinillee jireenna mataa keennaa callaa uduu hin ta'in, fe'a'aa fi markaba irratti.»
11
Ajajaan loltuu dhibbaa ammo ka Phaawuloos dubbate caalaa ka markaba oofuu fi abbaa markabaa amana ture.
12
Buufata san irra turuun waan isaanii hin tolleef garri caalaan yoo isaanii danda'ame dhiya irraa kibba dhiyaatii fi kaaba dhiyaatitti gara galanii gara kolba Finiqee jedhamtuutiin gara buufata Qarxeesii gayanii achi turanii achii ka'u'uuf mari'atan.
13
Hennaa qilleensi haphiin kibbaa bubbise akka yaada isaanii waan ta'e isaanitti fakkaatee ka'anii qaccee Qarxeesiitiin lufan.
14
Haa ta'uu ammo uduu guddaa hin turin dambaliin Awuraaqis jedhamu achitti markaba isaaniititti bu'e.
15
Markabnillee fudhatamee bubbee injifatee deemuu waan hin dandeenneef gad dhiifnee oofamne.
16
Hulee bisaaniin marfamte ta Qeedaa jedhamtutti daadayannee markabattii hunnaan tooyanne.
17
Haga gara goobaa baasaniin maayii markaba haadaan hidhanii jabeessanii gara hulee xindhacha sirtiis jedhamtuu akka hin kufne sharaa buusanii qilleensaan oofaman.
18
Bubbeenillee jabaatee nu dhiphifnaan bariisaa lamu'uu fe'aa irraa gara galaanaa darban.
19
Guyyaa sadeesso'oo meeshaa markaba keessaa harka keennaan daddarbine.
20
Guyyaa heddu uduu adu'uu fi addeessa hin argine hennaa bubbeen guddisee nutti jabaatu sirimaa abdiin hin hafna jedhu maruu nu keessaa dhumate.
21
Uduu hin nyaatin guyyaa heddu haga turaniin maayii, Phaawuloos jidduu isaanii dhaabatee akkana jedhe, «isin namoota nana! uduu na dhageettaniirtan ta'ee Qarxeesii kaatanii rakkoon kun martii silaa isin irra hin gayu ture.
22
Ammallee jabaadhaa'a jedhee isin gorsa. Markaba kana malee isin keessaa lubbuun tokkollee hin baddu.
23
Halkan edaa Maleekkaan Waaqaa ka ani ka isaa ta'ee fi ka ani waaqeffadhuu na bira dhaabatee,
24
‹Phaawuloos! hin sodaatin! Qeesaariin afoo hin dhaabatta. Rabbi kunoo namoota si woliin deeman maraa sii kenneeraa› naan jedhe.
25
Kanaafuu isin namoota kiyya jabaadhaa'a; akkuma natti dubbate akkasuma akka ta'u Rabbiin waan amanuuf.
26
Haa ta'uu ammo gara lafa bisaaniin marfamtee gayuu nu barbaachisa.
27
Halkan kudha arfeesso'ootitti galaana Adriiya'aatitti hennaa garanaa fi garas oofamnu worri markaba oofan halkan qixxee gara lafa woyii waan dhiyaatan isaanitti fakkaate.
28
Haada bikkanii yoo gad dhiisan akka hojjaa namaatiin diddama akka ta'e arganii, diqqoo turanii lammeessoo yoo darban hojjaa namaatiin kudha shan akka ta'e argan.
29
Gara hulee dhagaa qabuu akka hin kufne sodaatanii markaba duubaan sibiila ulfaataa gad buusanii uduu guyyaa ta'ee jedhanii hawwan.
30
Worri markaba oofan markaba keessaa dheessuu barbaadanii sibiila ulfaataa markaba afo'oon gad buusanii isa irraan yabala gara galaanaa hennaa buusan,
31
Phaawuloos ajajaa loltuu dhibbaatii fi loltootaan, «Kunniin markaba keessa yoo hin turre, isin hafuu hin dandeettan» isaaniin jedhe.
32
Hennaa san loltoonni haada yabalatti'ii muranii akka kuftu gad dhiisan.
33
Hennaa lafti bari'e Phaawuloos akka hurbaata nyaatan isaan maraa kadhata'aa ture. Akkana isaaniin jedhe, «uduu eeddan uduu hin nyaatin qooqa haga teettan adhi guyyaa kudha arfeesso'o.
34
Kanaafuu akka hurbaata nyaattan isin kadhadha; kunillee akka jiraattaniif isinii ta'a; isin keessaa rifeensi mataa nama tokkollee hin badu.»
35
Kana jedhee buddeenallee fuudhee isaan maraa afo'otti Rabbiin galatoonfatee kutatee nyaatuu jalqabe.
36
Maruu jajjabaatanii ufumaa hurbaata fudhatanii nyaatan.
37
Namoonni markaba keessa jiran nama dhibba lamaa fi torbaatamii jaha.
38
Haga nyaatanii quufaniin maayessa qamadii gara galaanaa darbanii markaba irraa salphifatan.
39
Haga lafti bariite huleen sun eessa akka taate hin beenne; Haa ta'uu ammo lafa lolaan seenu ka xindhachaa arganii garas dhiibu'uuf kutatan.
40
Sibiila ulfaataa san hiikanii galaana keessatti gad dhiisan; hennama san haada muka markabaa hiikanii sharaa diqqoo qilleensaaf ol bananii gara qacce'ee laalanii deemuu jalqaban.
41
Haa ta'uu ammo markabni lafa tuqee xidhacha keessa seenee socho'oo dide.
42
Loltoonni worra hidhaman keessaa tokkollee daakee akka isaan jalaa hin baane ajjeesu'uuf mari'atan.
43
Ajajaan loltuu dhibbaa ammo Phaawuloosiin hambisuu yaadee marii isaanii dhoogge. Worri daakkaa beekan ammo markaba irraa gad uf dhiisa'aa, dursanii gara lafaa akka bayan,
44
Worri hafan wodhakkaan saanqa'aan, gariin ammo markaba cabeen akka bayan ajaje. Akka kanaan maruu nagayaan gara lafaa gayan.
← Chapter 26
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 28 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28