bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Acts 19
Acts 19
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Uduu Aphiloos Qorontoosiin jiru Phaawuloos biyya gaaraa keessa lufee gara Efesoonii dhufe.
2
Darasoota gari garii argee, «Isin hennaa amantan, Ayyaana woyyuu fudhattaniirtuu?» isaaniin jedhe. Isaanillee, «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyuun jiru horomaa hin dhageenne» jedhaniin.
3
«Eegasuu maali'iin cuuphamtan ree?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Cuuphaa Yohaannisiiti» jedhaniin.
4
Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan bani'itti hima'aa cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe.
5
Hennaa waan kana dhagayan maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphaman.
6
Phaawuloosillee hennaa harka ufii isaan irra kaaye Ayyaanni Woyyuun isaan irra bu'e; laagaa haarawaa fi raagallee dubbatan.
7
Isaan haga namoota kudha lamaa turan.
8
Gara mana sagada Yihuudotaa seenee waan jeennata Rabbii dubbata'aa isaan hubachiisa'aa haga ji'a sadihii addaataa dubbata'aa ture.
9
Isaan keessaa gari gariin ammo banii afo'otti morkatanii barumsa amantii Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture.
10
Worri Isiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.
11
Rabbillee harka Phaawuloosiititti baasa nama maalalchiisu godhe.
12
Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii worra dhibamaniin hennaa tuqan isaan hin fayyan ture; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baya'aa ture.
13
Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, maqaa Yesuusii ka Phaawuloos lallabuun akka baatan isin ajanya» jedha'aa maqaa Gooftaa Yesuusii namoota hafuurri hamaan qabe isaanitti waamuu yaalan.
14
Ijoolleen torban namicha Asiqewwaa jedhamuu ka bulchaa gadoota Yihuudi'ii tokko woma kana godhu'uuf barbaadan turan.
15
Ayyaanni hamaan ammo deebisee, «Yesuusiin hin beeka; Phaawuloosiinillee hin beeka; isin hoo eennu fa'a?» isaaniin jedhe.
16
Namichi ayyanni hamaan keessa jiru isaanitti utaalee isaan madeessee mooyate; isaanillee qullaa mana san keessaa bayanii dheessan.
17
Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan; maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame.
18
Worra amanan keessaa namoonni hedduu dhufanii cubbuu ufii ifa baasanii himata'aa turan.
19
Worra asmaa kataban keessaa namoonni hedduu kitaabban wolitti qabanii nama maraa afo'otti guban. Gatiin isaa yoo bikkamu birrii kuma shantamaa ta'e.
20
Akka kanaan dubbiin Goofta'aa hunnaan mooyata'aa guddata'aa ture.
21
Haga wonti kun ta'een maayessa Phaawuloos karaa Maqedooniya'aatii fi Akaayiyya'aatiin lufee Yerusaalemiin deemu'uuf Ayyaanaan murteeffatee, «Yoo achi gaye Roomaallee gayuu na barbaachisa» jedhe.
22
Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximootewoosii fi Erxoosiin gara Maqedooniya'aa ergee, ufii ammo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture.
23
Hennaa san waan karaa Goofta'aa kanaaf, lolli guddaan ka'e.
24
Namichi Dimeexiroos jedhamu ka meetii bassu fakii mana woyyuu Arxemsii meetii irraa hojjata'aa worra meetii bassuu bu'aa guddaa argamsiisa'aa ture.
25
Worra hujii kana fakkaatu hojjatan wolitti qabee akkana isaaniin jedhe, «Namoota nana! Bu'aan keenna hujii kanaan akka ta'e hin beettan.
26
Waan kana Phaawuloos, ‹fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti› jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e.
27
Akka kanaan hujiin keenna hin tuffatama'aara; manni woyyummaa Arxeemisii guddo'o; ta guutuun Isiya'aatii fi adunyaan marti isii itti waaqeffatu ka gatii hin qabne ta'eera.»
28
Namoonni hennaa kana dhagayan aaranii, «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa iyyan.
29
Yoma san qachaan maruu raafamte. Namoonni banii Maqedooniya'aa, hiriyyoota Phaawuloosii Gaayiyyoosii fi Arsixirookoosiin fa'a qabatanii gara hulee tapha itti mudhisanii gad fiiganii seenan.
30
Phaawuloosillee banii keessa seenuu barbaannaan darasoonni isa dhooggan.
31
Bulchoota Isiya'aa keessaa goshoonni Phaawuloosii gariin nama gara isaa erganii, akka bakka taphaa hin dhandhe isa kadhatan.
32
Yaa'iin asii achi jedha'aa iyya'aa wolitti bu'e. Garri caalaan isaanii ammo waan achitti wol gayaniifillee hin beenne.
33
Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee akka isaanii falmu godhan.
34
Isaanillee akka inni nama Yihuudi'ii ta'e haga beekan martinuu laagaa tokkoon «Arxeemisiin Efesoonii guddo'o» jedha'aa haga sa'aatii lamaa wocan.
35
Barreessaan qachaa sanii banii cadhisiisee akkana jedhe, «Isin namoota Efesoonii! manni woyyuun Arxeemisii guddittiinii fi fakii isi'ii ka sami'ii bu'e eegu banii qachaa Efesoonii akka ta'e ka hin beenne jiraa?
36
Kanaafuu ka waan kana waakkatu yoo hin jiraanne, akka cadhiftaniif; waan tokkollee ariiti'iin akka hin goone barbaachisa.
37
Namoonni kunniin uduu mana woyyuu hin saamne, yookaan uduu waaqa teenna tana hin arrabsine qabdanii haga asii fiddaniirtan.
38
Eeganaa Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii.
39
Yoo waan biraa barbaaddan ammo yaa'ii gumi'iitiin hiikkama.
40
Raafama adha ta'e kanaaf jedhanii akka nu hin himanne, waan sodaachisuuf, waan sababaa hin qabneef gumii tanaa deebii kennuu hin dandeennu»
41
Kana jedhee gumii gar gar kaase.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28