bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 11
Genesis 11
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 12 →
1
Bara san kolbaan biyya lafaa duudiin afaan tokkocha dubbatti.
2
Isaan gara aduun baatu irraa yennaa godaanane, dirree takka lafa Shiinaariititti dhaqanee achitti qubatane.
3
Isaan, «Kowa'a, faara loonnee, akka jabaatu gunnaa» woliin jedhane; addee dhaka'aa faara looba'aa, addee siminto'oo leyyaa biyyee keessaa dhaggamutti fayyadamane.
4
Achiin duuba isaan, «Kowa'a, qachaa qacceen xelleephoo isaa ol-gubbaa gewu ijaarrannee, lafa duudii irratti akka hin bittinnoonneef, worra gurraa teena!» jedhane.
5
Mootiin Waan Maraa qacha'aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu'e.
6
Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu.
7
Kowa'a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle, afaan isaanii wol keessa akka makamu goona» jedhe.
8
Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane.
9
Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel» jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.
10
Sanyiin Seemii isaan kana: Bisaan badi'iitiin duuba woggaa lama turee, Seem dhalatee woggaa dhibbatti, ilma ifii Arfaaksaad uumate.
11
Arfaaksaad uumateen duuba, Seem woggaa dhibba shan le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
12
Arfaaksaad dhalatee woggaa soddomii shanitti, Shalaa uumate;
13
Shalaan dhalateen duuba, Arfaaksaad woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
14
Shalaan dhalatee woggaa soddomatti, Ebeer uumate;
15
Ebeer dhalateen duuba, Shalaan woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
16
Ebeer dhalatee woggaa soddomii afuritti, Feleg uumate;
17
Feleg dhalateen duuba, Ebeer woggaa dhibba afurii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
18
Feleg dhalatee woggaa soddomatti, Re'uu uumate;
19
Re'uun dhalateen duuba, Feleg woggaa dhibba lamaa fi sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
20
Re'uun dhalatee woggaa soddomii lamatti, Seruug uumate;
21
Seruug dhalateen duuba, Re'uun woggaa dhibba lamaa fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
22
Seruug dhalatee woggaa soddomatti, Naahor uumate;
23
Naahor dhalateen duuba, Seruug woggaa dhibba lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
24
Naahor dhalatee woggaa diddamii sagalitti, Taaraa uumate;
25
Taaraan dhalateen duuba, Naahor woggaa dhibba tokkoo fi kudhanii sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
26
Taaraan dhalatee woggaa torbaatamatti, Abraam, Naahorii fi Kaaraan uumate.
27
Sanyiin Taara'aa isaan kana: Taaraan abbaa Abraamii, Naahoriitii fi Kaaraanii ti; Kaaraan abbaa Looxii ti.
28
Kaaraan abbaan isaa Taaraan adoo jiruu addee itti dhalatetti, lafa Kaldootaa, Ur keessatti du'e.
29
Abraamii fi Naahor niitii fuudhane; maqaan niitii Abraamii Saaraayi; maqaan niitii Naahoriille Miilka'a. Isiin intala Kaaraanii ti; Kaaraan Miilka'aa fi Yiiska'aafille abba'a.
30
Saaraan maseena; isiin ijoollee hin qaddu.
31
Taaraan ilma ifii Abraam, akaakoo ifii Looxii ilma Kaaraanii, Saaraayii niitii ilmaa ifii Abraamii, fudhatee isaan woliin, biyya Kaldootaa Ur irraa ka'anee gara lafa Kana'aanii dhaqanee achi qubatane.
32
Taaraan woggaa dhibba lamaa fi shan le'ee, achiin duuba Kaaraan keessatti du'e.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→