bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 20
Genesis 20
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 21 →
1
Abrahaam lafa le'aa ture Mamre'ee ka'ee, Qaadeshii fi Shuur wodhakkaa qubate. Qachaa Geraarii keessa alagaa te'ee yennaa le'e,
2
Abrahaam niitii ifii Saaraa, «Isiin Obboleettii tiyya» jedhe. Abiimelekiin mootiin Geraarii tana dhage'ee, itti ergee Saaraa fudhate.
3
Waaqi ammoo halkan oojju'uun gara Abiimelekii dhufee, «Ati sababa dubartii dhirsa qaddu fudhatteef, ati du'aarta» jedheen.
4
Abiimelek ammoo isii bira geyee hin jiruuyyu; maarre inni, «Goottaa kiyya, ani dhugumaan yakkaa hujee hin jiru! Anaa fi kolbaa tiyya hin balleessitaa?
5
Abrahaamittuu, anaan, ‹Isiin obboleettii tiyya›, isi'ittuu, anaan, ‹Inni obboleessa kiyya› hin jennee? Ani wodanaa qulqullu'uun waan kana godheera; ani yakkaa hin qabu» jedhe.
6
Achiin duuba Waaqi, oojju'uun deebisee, «Ee, akka ati wodanaa qulqullu'uun waan kana goote beekeera; tanaaf isii bira geettee akka ati na hin yakkine ka si dhoogge ana.
7
Amma ammoo niitii namichaa isaaf deebisi. Inni raagaa waan te'eef, akka ati hin duune, si'iif hin daadimata. Yoo isii hin deebisin ammoo, dhugumaan atii fi kolbaan teeti duudiille akka duutanu beeki» jedheen.
8
Maarre Abiimelek barii ganamaan ka'ee, qondaaltota ifii mara wolitti waamee, waan kana mara isaanitti hime; isaanille guddoo sodaatane.
9
Achiin duuba Abiimelek Abrahaam waamee, «Ati maaf akkas nu goote? Ani maan si yakkinaan anaa fi mootummaa tiyya irratti cubbuu guddoo akkasii fidde? Ati waan hujamu'uuf hin malle na irratti hujje» jedheen.
10
Ammalle Abiimelek, Abrahaamiin, «Ati maan yaaddee, waan kana goote?» jedhe.
11
Abrahaam deebisee, «Addee tana keessa nami Waaqa sodaatu ijjumaa hin jiru; isaan niitii tiyyaaf jedhanee na ijjeesan jedhee waan yaadeef tana godhe.
12
Karaa tokkoon, isiin dhugumaan obboleettii tiyya. Haati tiyya hin deenne malee, isiin intala abbaa kiyyaa ti; anille isii fuudhe.
13
Yennaa Waaqi akka ani mana abbaa kiyyaatii bayee gara lafa ormaa akka ideemuu na tolche, ani isi'iin, addee dhandhe maratti, ‹Inni obboleessa kiyya› jedhiisaan waan dansaa naaf godhi» jedheeraayyu.
14
Achiin duuba Abiimelek hoolota, loon, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubartootaa fuudhee Abrahaamiif kenne; niitii isaa Saaraalle isaaf deebisee,
15
«Kunoo, latti tiyya duudiin si dura jirti; addee jaalatte qubadhu» jedheen.
16
Saaraalle'een, «Kunoo, fuula worra si woliin jiruu mara duratti akka ati yakkaa hin qanne mirkaneessiisaaf, obboleessa keetiif meetii kuma tokko kenneera» jedhe.
17
Achiin duuba Abrahaam Waaqa daadimate; Waaqille Abiimelekii fi niitii isaa, tajaajiltoota isaa worra dubartootaalle fayyisee, akka isaan ijoollee deyanu godhe.
18
Sababa Saaraa niitii Abrahaamiitiif, Mootiin Waan Maraa gadaamessa dubartoota mana Abiimelekii keessaa mara cufeeraayyu.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→