bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 12
Genesis 12
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 13 →
1
Mootiin Waan Maraa, Abraamiin, «Biyya teeti, gosa teeti, maatii abbaa keetiille lakkisiitii, gara lafa ani sitti mudhisuu dhaqi.
2
«Ani gosa guddoo si hin godha; si hin eebbisa. Gurra keeti hin guddisa; worra dhibi'iifille eebba hin teeta.
3
Ani worra si eebbisu hin eebbisa; worra si abaaru hin abaara. Kolbaan lafa irraa duudiin karaa keetiin ta eebbifante hin teeti» jedhe.
4
Maarre Abraam akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime deeme; Looxille isa woliin deeme. Abraam biyya Kaaraaniitii yennaa baye san, woggaan isaa torbaatamii shan.
5
Abraam niitii ifii Saaraayii fi ilma obboleessa ifii Loox, waan qabanu maraa fi hojjattoota Kaaraanitti dhaggatanelle fudhatanee, gara lafa Kana'aanii deemiisaaf ka'ane. Isaan lafa Kana'aanii yennaa geyane,
6
Abraam lafa san keessa dabaree, addee, «Sheekem» jedhantu, haga qilxaa woyyicha Moree deeme. Yennaa san worri Kana'aanotaa lafa san keessa jiraniiyyu.
7
Yennaa san Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani lafa tana sanyii teetiif hin kenna» jedhe; Abraamille addee sanitti, Mootii Waan Maraa ka isatti mudhateef addee ciinca'aa ijaare.
8
Achii ka'ee gara lafa koobittii ta Bet'el irraa gara baya adu'uutitti dhaggantuu dhaqe; dunkaanii ifiille Beti'el irraa gara seensa adu'uutitti, Aayin irraa gara baya adu'uutitti dhaabate; achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate.
9
Achiin duuba, Abraam gara kibba Kana'aanii garuma duraa deeme.
10
Biyya kibba Kana'aaniititti beelti hantuun waan buuteef, Abraam yennaa beelaa san achitti dabarsiisaaf, gara biyya Gibxi'ii gad bu'e.
11
Inni Biyya Gibxi'ii seeniisaaf yennaa dhikaate, niitii ifii Saaraayiin, «Ani akka ati dubartii dansitti'ii hin beeka;
12
Worri Gibxi'ii yennaa si dhagge, ‹Tun niitii isaa ti› jedhanee na hin ijjeesan; si ammoo hin lakkisan.
13
Marroo teetiif akka naaf tolu, sababa keetiif akka jiraadhuuf, ‹Ani obboleettii isaa ti› jedhi» jedhe.
14
Abraam biyya Gibxi'ii yennaa seene, worri Gibxi'ii niitiin isaa guddoo dansittii akka teete dhaggane.
15
Qondaaltoti mootii Gibxi'ii yennaa isii dhaggane, dansummaa isi'ii mooticha Gibxi'iititti jajane. Gara mana mootichaalle isii geessane.
16
Mootichille isi'iif jedhee Abraamitti tole; inni hoolee, loon, harree, gaalota, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii isaaf kenne.
17
Ammoo sababa Saaraayii niitii Abraamiitiif, Mootiin Waan Maraa mootichaa fi kolbaa mana mootichaa keessa jirtutti dhukkuba hamaa buuse.
18
Maarre mootichi biyya Gibxi'ii Abraam waamee, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Akka isiin niitii teeti teete maaf natti hin himin?
19
Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette? Tanaaf ani niitii isii godhadhee fuudhe. Amma niitiin teeti kunoo ti; fudhadhuu deemi!» Jedheen.
20
Mootichi marroo Abraamiitiif namoota ajajee, isaan niitii isaatii fi waan inni qabu mara woliin biyya Gibxiitii isa baasane.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→