bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 46
Genesis 46
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 47 →
1
Maarre Yaaqoob waan qabu mara fudhatee gara biyya Gibxi'ii dhaqiisaaf ka'ee, Bersheebaa yennaa geye, Waaqa Yisihaqii abbaa ifiitiif ciincaa dhikeesse.
2
Halkan Waaqi mudhi'iin, «Yaaqoob, Yaaqoob!» jedhee waame. Yaaqoobille, «Ani kunoo as jira» jedhe.
3
Achiin duuba Waaqi, «Ani Waaqa; Waaqa abbaa keetii ti; ani achitti gosa guddoo waan si godhuuf, gara biyya Gibxi'ii dhaqiisa hin sodaatin.
4
Ani si woliin gara biyya Gibxi'ii hin dhaqa; sanyii teeti gara lafa tanaa deebisee hin fida. Yennaa ati duutu Yoseef harka ifiitiin ila teeti wolitti siif hin qaba» jedhe.
5
Achiin duuba Yaaqoob Bersheeba'aa ka'e. Ilmaan isaalle abbaa ifii Yaaqoob, ilme'ee fi ibidda ifii garreettaa geejjibaa ka mootichi Gibxi'ii akka ittiin dhufanuuf ergetti yaassisane.
6
Isaan horii ifiitii fi waan lafa Kana'aaniititti horatane mara fudhatanee gara biyya Gibxi'ii dhaqane. Akka kanaan Yaaqoob sanyii ifii mara woliin,
7
ilmaan ifiitii fi ilmaan ilmaan ifii woliin, ijoollee durraa ta ilmaan ifiitii fi maatii ifii mara woliin gara biyya Gibxi'ii dhaqe.
8
Israa'elooti gara biyya Gibxi'ii dhaqane, sanyiin Yaaqoobii ta asii gad jirtu. Ilma angaficha Yaaqoobii Ruubenii
9
fi ilmaan Ruubenii: Henok, Faluu, Hezronii fi Karmi.
10
Ilmaan Shimi'oonii: Yimu'el, Yaamiin, Ohad, Yaakiin, Zohaarii fi Shaawul; Shaawul dubartii worra Kana'aaniititti deye.
11
Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar.
12
Ilmaan Yihuda'aa: Eer, Onaan, Shelaa, Faaresii fi Zaara'a (Eerii fi Onaan ammoo lafa Kana'aanii keessatti du'ane). Ilmaan Faaresii: Hezronii fi Hamul.
13
Ilmaan Yisaakorii: Tolaa, Fuwaa, Yobii fi Shimroon.
14
Ilmaan Zebuloonii: Sered, Eloonii fi Yaahile'el.
15
Ilmaan Yaaqoobii ta Liyaan niitii isaa phaadaan-Aaramitti deetteef, intala isaa Dinaalle dabalatee, wolumatti ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa soddomii sad.
16
Ilmaan Gaadii: Ziifiyon, Haagii, shunii, Esbon, Erii, Arodii, Ar'eli.
17
Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaanii Sera'a; ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el.
18
Isaan kudhanii jaa kun, ta Laabaan intala ifii Liya'aaf garbumma'aan kenne, Zilfaa irraa ka dhalatane, ilmaan ilmaan Yaaqoobii ti.
19
Ilmaan Raahelii niitii Yaaqoobii Yoseefii fi Beniyaamin.
20
Biyya Gibxi'iititti Yoseef intala Phoxii-Feraa hayyicha Onii, Asenaati irraa Minaase'ee fi Efreem uumate.
21
Ilmaan Beniyaaminii: Bel'aa, Beker, Ashbel, Geraa, Na'amaan, Ehii, Roshi, Mufiim, Hufiimii fi Ardi'i.
22
Ilmaan Yaaqoobii worri Raahel deetteef kun ijoollee isaanii woliin wolumatti nama kudhanii afur.
23
Ilmi Daanii Hushiim.
24
Ilmaan Naftaalemii: Yaahize'el, Gunii, Yezerii fi Shiilem.
25
Isaan torbaan kun, ta Laabaan intala ifii Raaheliif garbumma'aan kenne, Bilhaa irraa ka dhalatane, ilmaan ilmaan Yaaqoobii ti.
26
Namooti Yaaqoob woliin gara biyya Gibxi'ii dhaqane, dubartoota ilmaan isaa adoo itti hin dabalin, sanyii isaa ka te'ane callaan namoota jaatamii jaa.
27
Ilmaan lama ta biyya Gibxi'ii keessatti Yoseefiif dhalatte woliin laakkossi maatii Yaaqoobii torbaatama.
28
Yaaqoob akka Yoseef Gooshen keessatti isa dhagguuf Yihudaa ifiin dura gara isaa erge. Yaaqoobii fi kolbaan isaa yennaa lafa Gooshenii geyane,
29
Yoseef abbaa ifii Yaaqoob qophatiisaaf garreettaa fardaa qopheeffatee, Gooshen dhaqe. Yoseef akkuma abbaa ifii dhaggeen, morma isaatitti maratee, yennaa dheertu'uuf bowe.
30
Yaaqoob Yoseefiin, «Haga ammaa akka ati lubbu'uun jirtu waan dhaggeef, ani amma du'ulle hin qoru!» jedhe.
31
Achiin Yoseef obboleeyyan ifiitii fi maatii abbaa ifiitiin, «Ani ol deemee mootichaan, ‹Obboleeyyan tiyyaa fi maatiin abbaa kiyyaa ka lafa Kana'aanii turane gara kiyya dhufaneeran.
32
Isaan worra horii tissu; isaan duruuyyuu horii horsiisaa turane. Ammalle hoole'ee fi re'ee ifii, loon ifiitii fi waan qabanu maraayyuu fidatanee dhufaneeran› jedhaan.
33
Mootichi isin waamee, ‹Hujiin teessan maan?› jedhee yennaa isin hin gaafate,
34
isin, ‹Nuuti garbooti teeti akkuma abbootii teenna ta durii, ijoollummaa teennaa jalqannee tissitoota hori'ii ti› jedha'aan. Tana yennaa jettane, worri Gibxi'ii tissitoota waan tuffatanuuf, lafa Gooshenii keessa le'iisaaf eeyyama hin dhaggatan» jedhe.
← Chapter 45
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 47 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50