bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 26
Genesis 26
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 27 →
1
Beela bara Abrahaamii biyyatti buute malee, beelti dhibiin biyyatti buute. Yisihaqille gara Abiimelekii mootii Filisxeemotaa, qachaa Geraarii dhaqe.
2
Mootiin Waan Maraa Yisihaqitti mudhatee, «Lafa ani akka ati keessa leetu sitti himu keessa le'i malee, gara biyya Gibxi'ii gad hin bu'in.
3
Lafuma tana keessa turi! Anille si woliin hin jiraadha; si'ille hin eebbisa. Ani lafa tana mara si'ii fi sanyii teetii kennee, kakuu abbaa keeti Abrahaamiif kakadhe hin muummessa.
4
Ani sanyii teeti akka urjoota gubba'aa baceessee, lafa tana maralle isaanii hin kenna; gosi adda addaa ta lafa irraa martinuu karaa sanyii teetiitiin hin eebbifanti.
5
Sababa Abrahaam naaf ajajamee, ajaja kiyya, seerata kiyyaa fi seera kiyya eegateef, ani si hin eebbisa» jedhe.
6
Maarre Yisihaq Geraar keessa le'e.
7
Namooti addee sanii marroo niitii isaa yennaa isa gaafatane, «Isiin obboleettii tiyya» jedhe; isiin dansittii waan teeteef, namooti addee sanii Ribqa'aaf jedhanee na ijjeesan jedhee, «Isiin niitii tiyya» jedhuu sodaate.
8
Yisihaq yennaa hedduu achi tureen duuba, gaafa tokko mootiin Filisxeemotaa Abiimelek foddaa manaatiin gad ilaalee, Yisihaq niitii ifii Ribqa'atti riiqatuun dhagge.
9
Tanaaf Abiimelek isa waansisee, «Dhugumaan isiin niitii teeti! Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette ree?» jedhee isa gaafate. Inni deebisee, «Sababa isi'iitiif na ijjeesan jedhee yaadee ti» jedhe.
10
Abiimelekille, «Wonni ati nu irratti hujje kun maan? Namoota keessaa tokko niitii teeti woliin silaa diqquma hin rafin hafe; nu'ulle yakkaameyyii gootee dhadde» jedhe
11
Achiin duuba Abiimelek, ajaja baasee, «Eennulle namicha kana yookiin niitii isaalle yoo tuqe ijjeefamuu ti» jedhee namoota mara ifi eeggachiise.
12
Yisihaq lafa sanitti midhaan facaasee, wogguma san dachaa dhibba galfate; Mootiin Waan Maraa waan isa eebbiseef,
13
inni dureessa te'ee, haga guddoo tujaara te'utti tujaarummaan isaa ittuma guddataa ideente.
14
Inni loon, hoolota, re'ootaa fi tajaajiltoota hedduu waan qabuuf, worri Filisxeemotaa isa hinaafe.
15
Tanaaf isaan boolla bisaanii ta adoo abbaan Yisihaqii Abrahaam jiruu, tajaajiltooti Abrahaamii qotane mara biyyee itti guutanee duuchane.
16
Achiin duuba Abiimelek, Yisihaqiin, «Ati nu caalaa guddoo hunnaamessa teeteerta, nu irraa deem» jedheen.
17
Maarre Yisihaq achii deemee, dhooqa Geraarii keessa qubatee, achi le'e.
18
Yisihaq boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abrahaamii abbaa isaa qotaneeranu, ta worri Filisxeemotaa Abrahaam du'een duuba duuchane, deebisee qochisiisee, maquma abbaan isaa dur baase innille itti baase.
19
Tajaajiltooti Yisihaqii dhooqa san keessa qotanee madda bisaanii dhaggatane.
20
Tissitooti worra Geraarii, «Bisaan kun keenna» jedhanee, tissitoota Yisihaqii woliin wol falmane. Waan isaan bisaan wol falmaneef, Yisihaq maqaa boolla bisaanii san, «Eseeq» jedhee baase.
21
Achiin duuba tissitooti Yisihaqii boolla bisaanii dhibii qotanee, isii irralle'etti falmii kaasane; maarre Yisihaq boolla bisaanii san, «Sixinaa » jedhee, maqaa baase.
22
Inni achi irra dabaree boolla bisaanii dhibii qochisiise; isii irratti isaan wol falmii hin kaanne. Maarre inni boolla bisaanii san, «Amma Mootiin Waan Maraa addee badhoo nuu kenneera; nuutille lafa tana keessatti hin horra» jedhee, maqaa boolla bisaanii san, «Rehobot» jedhee baase.
23
Yisihaq achii ka'ee, gara qachaa Bersheeba'aatitti ol baye.
24
Mootiin Waan Maraa gaafuma san halkan, isatti mudhatee, «Ani Waaqa abbaa keeti Abrahaamii ti; ani si woliin waan jiruuf, hin sodaatin. Tajaajilaa kiyya Abrahaamiif jedhee si hin eebbisa; sanyii teetille hin baceessa» jedhe.
25
Maarre Yisihaq achitti addee ciinca'aa ijaaree, maqaa Mootii Waan Maraa waammate; inni achitti qubatee, tajaajiltooti isaalle boolla bisaanii achitti qotane.
26
Achiin duuba Abiimelek, gorsaa ifii Ahuzaatii fi ajajaa loltoota ifii Fikool woliin qachaa Geraariitii bayee gara Yisihaqii dhufe.
27
Yisihaq isaaniin, «Ana jibbitanee eega na ariitane, isin maaf gara kiyya dhuttane ree?» jedhe.
28
Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa akka si woliin jiru qulleeffannee dhaggineerra; tanaaf kaku'uun wolii galtee godhatuu barbaanna. Gondooroon si woliin nuuti godhuu barbaannu
29
akkuma nuuti adoo si hin tuqin, waan dansaa sii goonee, nageyaan si lakkinne, akka atille nu hin miine. Amma Mootiin Waan Maraa si eebbiseera» jedhane.
30
Achiin duuba Yisihaq sagalee isaaniif qopheessee, isaanille nyaatanee unane.
31
Boruyyaa bari'iin ganama ka'anee, woliif kakatane; Yisihaqille isaan geegessee, nageyaan isa biraa deemane.
32
Guyyuma san tajaajiltooti Yisihaqii dhufanee, marroo boolla bisaanii ta qotane sanii isatti himanee, «Bisaan dhaggineerra» jedhane.
33
Inni boolla bisaanii san, «Sheebaa » jedhee maqaa baase. Maqaan qachaa sanii tanaaf haga adhaa, «Bersheebaa» jedhamee waamama.
34
Esaawu yennaa woggaa afurtama geye, Yoditii intala Berii nama gosa Heetiitii fi Basmaatii intala Eloonii nama gosa Heetii fuudhe.
35
Dubartooti tun Yisihaqii fi Ribqa'atti gadda guddaa fidane.
← Chapter 25
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 27 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→