bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 44
Genesis 44
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 45 →
1
Yoseef toowataa mana ifii ajajee, «Namoota kanaaf midhaan haga qalqalluun isaanii qabatuu dandu'utti itti guutiif; beesee tokko tokkoo isaaniille afaan qalqalluu isaanii keessa keyi.
2
Muduunuu tiyya ta meetii irraa hujante, beesee inni midhaaniin bitate woliin afaan qalqalluu mucaa maandhichaa keessa keyi» jedhe; toowataalle akkuma Yoseef itti hime godhe.
3
Barii ganamaan obboleeyyan sun harreelee ifii fudhatanee akka deemanu godhane.
4
Adoo isaan qachaa irraa hin fagaatin, Yoseef toowataa mana ifiitiin, «Ka'ii namoota hordof! Yennaa isaan dhaqqadde, ‹Nuuti waan dansaa isiniif goone; isin maaf hantuu nu'uuf gootane?
5
Muduunuun isin hattane ta goottaan kiyya itti uniisaa fi oojjuu hiikiisaaf itti fayyadamuu motii ree? Yakkaan isin hujjane tun guddo'o› jedhiin» jedhe.
6
Toowataan sun yennaa jara dhaqqabe, akkuma Yoseef jedhe isaanitti hime.
7
Isaan toowataa saniin, «Ati goottaa keenna, maaf waan akkanaa dubbatta? Nuuti waan akkasii tokkolle hunyee hin jirru!
8
Nuuti beesee qalqalluu keenna keessatti dhaggineeyyuu biyya Kana'aaniitii finnee si'iif deebinneerra. Maarre nuuti mana goottaa keetii keessaa meetii yookiin worqii maaf hanna ree?
9
Ati yoo nu keessaa qalqalluu nama tokkochaa keessatti muduunuu meeti'ii san dhaggite, inni du'uu ti; nuuti worri hafelle garboolee teeti hin teena» jedhane.
10
Toowataan sun, «Akkuma isin jettane teetuu ti; teetuu malee, nama muduunuu hate qofatti garbicha kiyya te'a. Isin worri hafe ammoo bilisaan deemuu dandeettan» jedhe.
11
Achiin duuba isaan martinuu ariifatanee qalqalluu ifii lafatti gad buusanee hiikane.
12
Toowataan mana Yoseefii sun qalqalluu angafichaa irraa jalqabee haga qalqalluu maandhichaatitti findigee keessa barbaadee, qalqalluu Beniyaaminii keessatti muduunuu dhagge.
13
Obboleeyyan yennaa tana dhaggite woyaa ifii tarsaatte. Achiin duuba qalqalluu ifii harre'etti fe'attee gara qacha'aa deebite.
14
Yihuda'aa fi obboleeyyan isaa yennaa gara Yoseefii deebi'anee dhufane, Yoseef ammalle achuma jiraayyu; tanaaf obboleeyyan isa duratti fuulaan lafatti gad jedhane.
15
Yoseef isaaniin, «Wonni isin gootane kun maan? Nami akka kiyyaa beekkumsa addaatiin woy qorqoree akka beeku hin beettanuu?» jedhe.
16
Yihudaan deebisee, «Nuuti goottaa kiyyaan maan jenna ree? Yakkaameyyii akka hin te'in attamiin ifi mudhisuu dandeenna ree? Waaqi yakkaa teenna mudhiseera; nama muduunuun irratti mudhatte qofa adoo hin te'in, nuuti martinuu garboota teeti hin teenna» jedhe.
17
Yoseef ammoo, «Ani ijjumaa tana hin godhu! Nama muduunuun irratti dhaggame qofatti garbicha kiyya te'a. Isin worri hafe nageyaan gara abbaa keessanii deebi'a'a» jedhe.
18
Achiin duuba Yihudaan gara Yoseefii dhaqee, «Maganne'ee, goottaa kiyya, dubbii takka sitti dubbadha; ati qixxee mooticha Gibxi'ii teetulle natti hin mufatin.
19
Goottaa kiyya, ati tanaan qara, ‹Abbaa yookiin obboleeyyan qaddanii?› jettee nu gaafatte.
20
Nuutille, ‹Abbaa jaarsa qanna. Obboleessa maandhicha abbaan keenna dulluu keessa uumate qanna. Obboleessi ilma maandhicha kanaa du'eera; ijoollee haati isaa dheette keessaa ka jiru isa qofa waan te'eef, abbaan keenna guddoo isa jaalata› jenneerraayyu.
21
Achiin duuba ati, nu'uun, ‹Akka ani ila tiyyaan isa dhaggu, isa gara kiyya fida'a. Ani isa dhagguu barbaada› jette.
22
Nuuti, ‹Mucaan abbaa ifii lakkisee dhufuu hin dande'u; yoo isa lakkisee dhufe, abbaan isaa hin du'a› si goottaa keennaan jenneerraayyu.
23
Ati ammoo, ‹Isin yoo obboleessa keessan maandhicha hin fidin, deebitanee fuula kiyya hin dhaggitanu› nu'uun jetteerta.
24
«Maarre nuuti gara abbaa keennaa deebinee gallee, waan ati jette isatti hinneerra.
25
Achiin duuba, abbaan keenna, ‹Ammalle deebi'a'aatii midhaan diqqaa isaa nuu bita'a› jedhe.
26
Nuuti abbaa keennaan, ‹Obboleessi keenna maandhichi yoo nu woliin hin deemin, fuula namichaa dhagguu hin dandeennu; tanaaf Obboleessi keenna maandhich yoo nu woliin deeme malee, deemuu hin dandeennu› jenneen.
27
Abbaan kiyyalle nu'uun, ‹Niitiin tiyya Raahel ilmaan lama akka naaf deette hin beettan.
28
Isaan keessaa tokkochi na biraa haga bayee jalqabee, ani waan isa hin dhagginiif, dhugumaan bineensatti isa kukkutatee nyaateera jedhee yaade.
29
Isin amma ilma kanalle na duraa fudhatanee, wonni hantuun yoo isa dhaqqadde, akka ani dulluu tiyya keessa gaddaan boolla seenu gootan› jedhe.
30
«Maarre amma, gootta'a, ani obboleessa kiyya maandhicha woliin malee, gara abbaa kiyya tajaajilaa keetii yoo deebi'e, inni akka malee waan isa jaalatuuf,
31
akka inni nu woliin hin jirre yennaa dhagge hin du'a. Nuuti tajaajiltooti teetille abbaa keenna tajaajilaa keeti dulluu keessa gaddaan akka boolla seenu goona.
32
Kana caalaalle ani abbaa kiyya duratti fayyaa muca'aatiif wobii te'ee, abbaa kiyyaan, ‹Ani mucaa keeti deebisee gara keeti yoo hin fidin, bara le'ii tiyyaa mara na komadhu› jedheera.
33
Tanaaf maganne'ee, ani tajaajilaan keeti, addee muca'aa si goottaa kiyyaaf garbicha te'ee, asitti hafuu ti; mucaan ammoo obboleeyyan ifii woliin deebi'uu ti.
34
Mucaan yoo na woliin hin jiraatin, ani attam gara abbaa kiyyaa deebi'uu dande'a ree? Ani gadda abbaa kiyya irratti dhufu san ossatiisa hin dande'u» jedhe.
← Chapter 43
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 45 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50