bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 25
Genesis 25
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 26 →
1
Abrahaam niitii dhibii ta, «Qexuuraa» jedhantu fuudhe.
2
Isiin Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwaa isaaf deette.
3
Yokshaan Sheeba'aa fi Dedaan uumate; sanyii Dedaanii Ashuriim, Letushiimii fi Le'umiim.
4
Ilmaan Miidiyaanii Efaa, Efer, Henok, Abiidaa fi Elda'a. Isaan kun martinuu ilmaan Qexuura'aa ti.
5
Abrahaam waan qabu mara Yisihaqiif kenne.
6
Ammoo adoo jiruu, ilmaan dubartooti dhibiin isaa deetteef kennansa kenneefii, gara lafa baya adu'uu Yisihaq irraa akka isaan fagaatanu godhe.
7
Barri Abrahaam le'e woggaa dhibbaa fi torbaatamii shan.
8
Abrahaam guddoo dulloomee, baralle quufee, gara worra isaa ka addee dhuga'aa jiruu gale.
9
Ilmaan isaa Yisihaqii fi Ishimaa'el goda Makfela'aa fichaa Efronii ilma Zohaarii Heetichaa, ka Mamree irraa gara aduun baatuu san keessatti isa awwaalane.
10
Abrahaam fichaa san worra Heetotaa irraa bitate; inni niitii ifii Saaraa biratti achitti awwaalame.
11
Abrahaam du'een duuba Waaqi ilma isaa Yisihaq eebbise. Yisihaqille «Be'er-Lahaayi-Ro'i» addee jedhantu baleessa bisaanii bira le'e.
12
Hiddi dhaloota sanyii Ishimaa'elii, ta Aggaariin nama biyya Gibxi'ii, tajaajiltuun Saara'aa, Abrahaamiif deette,
13
ilmaan Ishimaa'el uumate, akka gogeessa dhaloota isaaniititti asii gaditti galmowaneeran. Isaanille ilma Ishimaa'elii angaficha Nabaayoot, Qedaar, Adbi'el, Miibsaam,
14
Miishimaa, Dumaa, Maasaa,
15
Hadaad, Temaa, Yetuur, Nafiishii fi Qedimaas.
16
Ilmaan Ishimaa'elii tun, abbootii gosa kudhanii lamaa ti; maqaan isaanii ollootaa fi addee quttuma isaaniitiin waamama.
17
Ishimaa'el woggaa dhibbaa fi soddomii torba le'ee du'e.
18
Sanyiin Ishimaa'elii biyya Gibxii irraa gara aduun baatu, karaa Asoor geessu, Awiila'aa fi Shuur odduu le'ane; isaan sanyii Abrahaamii dhibii woliin diinumma'aan wol irraa fagaatanee le'aniiyyu.
19
Hiddi dhaloota sanyii Yisihaqii ilma Abrahaamii kana: Abrahaam Yisihaq uumate.
20
Yisihaqille nama woggaa afurtamaa yennaa te'e, Ribqaa fuudhe; isiin intala Batu'elii, obboleettii Laabaanii worra Sooriya'aa ka Aaram biyya bisaan lama oddu'uu keessa le'uu ti.
21
Ribqaan maseena waan teeteef, Yisihaq marroo isi'iitiif Mootii Waan Maraa daadimate. Mootiin Waan Maraalle daadimata isaa dhage'ee, niitiin isaa Ribqaan ulfootte.
22
Isiin lakkuu waan ulfootteef, Annoolleen gadhaa isi'ii keessatti wol dhiibane; isiille, «Wonni akkasii maaf na irratti teete?» jettee, Mootii Waan Maraa gaafatte.
23
Mootiin Waan Maraa si'iin, «Gosa biyya adda addaa lamatti gadaamessa keeti keessa jira; isaan woliif diina hin te'an. Gosi takkaan taan caalaa hin jabaatti; angafi maandhicha hin tajaajila» jedhe.
24
Yennaan isiin deettu geennaan, Rebqaan lakkuu deette.
25
Ka dura dhalate diimaa, nafi isaa duudiin woyaa dabbasittii waan fakkaattuuf, maqaa isaa, «Esaawuu » jedhane.
26
Annuun lammeesso'oo yennaa dhalate, jimuu Esaawuu waan qabateeruuf, maqaa isaa, «Yaaqoob » jedhane. Yennaa isaan dhalatane san Yisihaq nama woggaa jaatamaa ti.
27
Ijoolleen yennaa guddatte, Esaawu nama adamoo beeku, ka ala oolu te'e; Yaaqoob ammoo nama cadhisaa qe'ee oolu te'e.
28
Yisihaq, bineensa Esaawu adamsee ijjeesu waan nyaatuuf isa jaalate; Ribqaan ammoo Yaaqoob jaalatte.
29
Gaafa tokko Yaaqoob unata bilcheeffatuun, Esaawu guddoo beelowee adamoo irraa dhufee, ol seenee,
30
Yaaqoobiin, «Ani waan gaggabeeruuf, unata diimaa kana irraa naa kenni» jedhe. Tanaaf inni, «Edoom » jedhame.
31
Yaaqoob deebisee, «Ati dursii angafummaa teeti natti gurgur» jedheen.
32
Esaawulle, «Kunoo, ani amma beelaan du'aara; angafummaan tun maan naa gooti» jedheen.
33
Yaaqoob ammoo, «Dursii naa kakadhu» jedhe. Maarre inni isaaf kakatee angafummaa ifii Yaaqoobitti gurgurate.
34
Achiin duuba Yaaqoob daabbo'oo fi ittoo san kenneefii, inni nyaatee unee, ka'ee deeme. Akka kanaan Esaawu angafummaa ifii tuffate.
← Chapter 24
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 26 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→