bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 42
Genesis 42
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 43 →
1
Yaaqoob midhaan biyya Gibxi'ii akka jiru yennaa beeke, ilmaan ifiitiin, «Maaf cadhittanee woli ilaaltan?
2
Ani biyya Gibxi'ii midhaan akka jiru dhage'eera; nuuti akka hin duuneef, midhaan achii nuuf bita'a» jedhe.
3
Maarre obboleeyyan Yoseefii kudhan biyya Gibxi'iitii midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane.
4
Yaaqoob wonni hantuun isa irra dhaqqaddi jedhee waan sodaateef, Beniyaaminii tiruu Yoseefii, obboleeyyan isaa worra kaan woliin hin ergine.
5
Lafa Kana'aaniititti beelti waan buuteef, ilmaan Israa'elii kolbaa dhibii hedduu woliin midhaan bitatiisaaf gara biyya Gibxi'ii dhaqane.
6
Yoseef bulchaa biyya Gibxi'ii waan te'eef, inni worra midhaan bitatiisa dhufuuf midhaan gurgursiisaayyu. Maarre obboleeyyan isaa gara isaa yennaa dhufane, isa duratti fuulaan lafatti gad jedhaneef.
7
Yoseef yennaa obboleeyyan ifii dhagge, isaan eennu akka te'ane beeke; ammoo akka isaan hin beennee te'ee, aari'iin, «Eessaa dhuttane?» jedhee gaafate. Isaan deebisanee, «Nuuti midhaan bitatiisaaf biyya Kana'aaniitii dhunne» jedhane.
8
Yoseef obboleeyyan ifii beekulle, isaan isa hin beenneeyyu.
9
Achiin duuba Yoseef oojjuu ifii marroo isaanii oojjate qaabatee, isaaniin, «Isin worra woy dooyu; biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttane» jedhe.
10
Obboleeyyan isaa ammoo, «Lakkii, gootta'a. Nuuti tajaajiltooti teeti midhaan bitatiisaaf dhunne.
11
Nuuti martinuu ilmaan abbaa tokkoo ti; nuuti worra addatama'a malee, worra dooyuu moti» jedhane.
12
Yoseef, isaaniin, «Lakkii! Isin biyyi teenna eessa gulaan dadhabbii akka qaddu ilaaliisaaf dhuttaneertan» jedhe.
13
Isaan deebisanee, «Nuuti tajaajiltooti teeti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo, ka lafa Kana'aanii keessa le'uu ti. Obboleessi keenna maandhichi amma abbaa keenna bira jira. Tokkochi du'eera» jedhane.
14
Yoseef ammoo isaaniin, «Akkuma ani isiniin jedhe: isin worra dooyu.
15
Isin amma tanaan qorqorantan: obboleessi keessan maandhichi haga as dhufutti, ani maqaa mootichaatiin kakadhaa, asii hin baatanu.
16
Isin keessaa nami tokko deemee obboleessa keessan fiduu ti. Wonni isin jettane dhugaa te'uu isi'ii haga qorqorantutti isin worri hafe hin hidhantan. Dubbiin teessan soba yoo teete, maqaa mootichaatiin kakadhaa, isin worra dooyu» jedhe.
17
Achiin duuba Yoseef guyyaa sadiif isaan hiisise.
18
Guyyaa sadeesso'ootitti, Yoseef, isaaniin, «Ani nama Waaqa sodaatu waan te'eef, hin leetaniitii waan ani isinitti himu kana godha'a:
19
Isin namoota addatamu yoo teetane, obboleeyyan teessan keessaa tokkochi as hidhaa keessatti hafuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan ba'atee deemuu ti.
20
Achiin duuba obboleessa keessan maandhicha as naa fida'a. Kanaan akka isin dhugaa dubbatiisatti jirtanu ani hin beeka, isinille hin duutanu» jedhe.
21
Isaan wol woliin, «Nuuti yakkaa obboleessa keenna irratti hunyeef, amma rakkatiisatti jirra; nuuti rakkoo isaa dhagginee, innille akka nuuti isa fayyinnuuf nu kadhatee, nuuti ammoo isa dhage'uu didanne. Nuuti amma sababa kanaaf rakkoo tana keessa jirra» jedhane.
22
Achiin duuba Ruuben, isaaniin, «Ani akka isin mucaa hin miine isinitti himeeraayyu; isin ammoo na dhage'uu diddane. Maarre nuuti amma waan isa irratti hunyeef gatii dhaggatiisatti jirra» jedhe.
23
Yoseef waan isaan jedhanu hin beekaayyu; isaan ammoo karaa nama afaan hiikuutiin isa woliin waan dubbatiisatti jiranuuf, akka inni dubbii isaanii beeku hin beenne.
24
Yoseef isaan biraa deemee bowe; achiin duuba gara isaanii deebi'ee isaanitti dubbate. Isaan keessaa Shimi'oon fuudhee adoo isaan dhagganuu hiisise.
25
Yoseef akka qalqalluu isaanii midhaaniin guutanee, beesee isaan midhaaniif kaffalaneeranu deebisanee, subba tokko tokkoo isaanii keessa keyanee, galaalle galaasanuuf tajaajiltoota ifii ajaje.
26
Obboleeyyan Yoseefii midhaan harree ifiititti fe'atanee achii deemane.
27
Addee halkan bulanetti, isaan keessaa tokkochi harree ifiitiif midhaan kenniisaaf, qalqalluu ifii yennaa hiikee, afaan qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhagge.
28
Inni obboleeyyan ifii waamee, «Beeseen ani midhaaniif kaffale naaf deebiteerti. Kunoo, qalqalluu kiyya keessa jirti!» jedhe. Isaan sodaatanee hollatanee, wol woliin, «Waaqi maan nutti fide?» jedhane.
29
Isaan lafa Kana'aanii gara abbaa ifii Yaaqoobii yennaa dhufane, waan isaan irra dhaqqabe mara isatti himane.
30
Isaan, «Bulchaan biyya Gibxi'ii, aari'iin nutti dubbatee, ‹Biyya tiyya dooyiisa dhuttane› jedhee, nu himate.
31
Nuuti ammoo, ‹Nuuti namoota addatamu malee, worra dooyuu moti.
32
Nuuti obboleeyyan kudhanii lama, ilmaan abbaa tokkoo ti. Obboleessi keenna tokkochi du'eera; tokkochi lafa kana'aanii abbaa keenna woliin jira› jenneen.
33
Achiin duuba bulchaan biyya Gibxi'ii sun, ‹Namoota addatamu te'uu keessan akka ani ittiin beeku, isin keessaa tokko na woliin turuu ti; worri hafe maatii teessan ta beelowiisatti jirtu saniif midhaan fuudha'aa deema'a.
34
Obboleessa keessan maandhicha san as na bira fida'a. Akka kanaan isin namoota addatamu malee, worra dooyu akka isin hin te'in hin beeka; achiin duuba obboleessa keessan ka isin na biratti lakkittane isiniif hin deebisa; isinille as turtanee daldalatuu hin dandeettan› nuun jedhe» jedhane.
35
Isaan qalqalluu ifii keessaa yennaa midhaan baasanu, tokko tokkoon isaaniituu qalqalluu ifii keessatti beesee ifii dhaggane. Isaanii fi abbaan isaanii Yaaqoob yennaa beesee dhaggane sodaatane.
36
Abbaan isaanii Yaaqoob, isaaniin, «Isin akka ani ijoollee tiyya mara dhabu barbaaddanii? Yoseef hin jiru; Shimi'oonille hin jiru; amma Beniyaaminille fudhatanee deemuu barbaaddan. Tun martinuu anuma irratti teete» jedhe.
37
Achiin duuba Ruuben abbaa ifiitiin, «Ani yoo Beniyaamin deebisee gara keeti fiduu dhabe, ilmaan tiyya lamaan ijjeesi; Beniyaamin harka kiyyatti kenni, anille deebisee isa sii fida» jedhe.
38
Yaaqoob ammoo, «Ani Beniyaamin akka si woliin deemu hin lakkisu. Obboleessi isaa waan du'eef, isa qofatti hafe. Yennaa isin gara biyya Gibxi'ii deentanu, rakkinni tokko yoo isa irra dhaqqabe, dulluu tiyya keessa gaddaan akka boolla seenu gootan» jedhe.
← Chapter 41
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 43 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→