bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 35
Genesis 35
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 36 →
1
Waaqi Yaaqoobiin, «Ka'ii gara Bet'elii ol bayii, achi le'i! Yennaa ati obboleessa keeti Esaawu duraa baqatte ana Waaqa sitti mudhateef, addee ciinca'aa ijaar!» jedhe.
2
Tanaaf Yaaqoob maatii ifiitii fi worra isa woliin jiruun, «Waaqota orma odduu teessanii qaddanu baasa'a; nafa keessan qulqulleeffadha'a; woyaa teessanille jijjiiradha'a.
3
Kowaa gara Bet'elii deenna. Waaqa yennaa rakkoo tiyyaa na qarqaaree, addee maratti na woliin jiraateef, addee ciinca'aa achitti hin ijaara» jedhe.
4
Maarre isaan waaqota orma odduu ifiitii qabanu mara, qubee gurraalle Yaaqoobitti kennanee, inni qilxaa guddaa qachaa Sheekemii biraa jalatti awwaale.
5
Yennaa Yaaqoobii fi maatiin isaa achii deemiisaaf ka'ane, Waaqi kolbaa adaala qachootaa irratti sodaa guddoo waan buuseef, isaan hin hordonne.
6
Yaaqoob worra isa woliin jiru mara woliin gara Luzii, lafa Kana'aan keessaa, ta amma Bet'el jedhantuu dhaqane.
7
Yaaqoob achitti addee ciinca'aa ijaare; yennaa inni obboleessa ifii duraa baqatee ideeme, Waaqi achitti waan isatti mudhateeruuf, addee san, «El-Bet'el » jedhee maqaa baase.
8
Yennaa san Deboraan Ribqaa gudditte duutee, qilxaa Bet'el irraa gara kibbaa jiru tokko jalatti awwaalante; tanaaf qilxaan sun, «Qilxaa bowaa » jedhame.
9
Yennaa Yaaqoob phaadaan-Aaramii deebi'ee dhufe, Waaqi ammalle isatti mudhatee, isa eebbise.
10
Waaqi, «Maqaan keeti Yaaqoob; haganaa achi ammoo maqaan keeti, ‹Israa'el› jedhama malee, ‹Yaaqoob› hin jedhamu» jedheen. Tanaaf akkuma Waaqi maqaa isa moggaasetti maqaan isaa, «Israa'el» jedhame.
11
Waaqi isaan, «Ani Waaqa waan mara dande'u. Hori, bacadhu! Gosi biyya adda addaa si irraa hin dhaggaman; moototille si irraa hin dhalatan.
12
Lafuma Abrahaamii fi Yisihaqiif kenne, si'ii fi sanyii teetiifille hin kenna» jedhe.
13
Achiin duuba Waaqi addee isatti dubbate sanitti isa lakkisee biraa ol baye.
14
Yaaqoob addee Waaqi isatti dubbate sanitti soodduu dhaabee, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa irratti dhangalaase.
15
Tanaaf Yaaqoob maqaa addee Waaqi isatti dubbatee san, «Bet'el» jedhee baase.
16
Yaaqoobii fi maatiin isaa Bet'elii ka'anee, biyya Efraataa geyaaranuun, Raahel ciniinsuu jadduu ciniinsifatte.
17
Ciniinsuun yennaa itti jabaatte, dubartiin deessittuu isi'ii, «Raahel, ati ilma dhibii waan deyaartuuf hin sodaatin!» jetteen.
18
Raahel ammoo du'iisaaf lubbuun keessaa bayaartuun, maqaa muca'aa, «Ben-Onii » jettee baatte. Abbaan isaa ammoo, «Beniyaamin » jedhee baase.
19
Achiin duuba Raahel duutee, karaa Efraataa dhaqu, ka amma Betlihem jedhamu cina'atti awwaalante.
20
Yaaqoob irreensa Raahelii irratti soodduu dhaabe. Soodduun sun haga adhaa achi jirti.
21
Israa'el achii deemee, xelleephoo Edariitiin gara kaanitti qubate.
22
Yaaqoob lafa san adoo le'iisatti jiruu, Ruuben niitii abbaa ifii Bilhaa gursumeettii woliin rafe; Yaaqoobille waan kana dhage'e. Yaaqoob ilmaan kudhanii lama qabaayyu.
23
Ilmaan Liyaan Yaaqoobiif deette: Ruuben ilma angaficha, Shimi'oon, Lewwii, Yihudaa, Yisaakor, Zebuloon.
24
Ilmaan Raahel Yaaqoobiif deette: Yoseefii fi Beniyaamin.
25
Ilmaan garbittiin Raahelii Bilbaan Yaaqoobiif deette: Daanii fi Naftaalem.
26
Ilmaan garbittii Liya'aa Zilfaan Yaaqoobiif deette: Gaadii fi Asheer. Ilmaan Yaaqoobii worri phaadaan-Aaramitti dhalatane isaan kana.
27
Yaaqoob qachaa Mamre'eetitti Kebroon bira, addee Abrahaamii fi Yisihaq le'ane gara abbaa ifii Yisihaqii dhaqe.
28
Yisihaq woggaa dhibbaa fi saddeettama le'e.
29
Yisihaq guddoo dulloomee, baralle quufee du'e; ilmaan isaa Esaawu'uu fi Yaaqoob isa awwaalane.
← Chapter 34
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 36 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50