bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 19
Genesis 19
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 20 →
1
Ergantooti Waaqaa lamaan galgaluma san gara Sodoomii dhutte; Yennaa san Loox karra qacha'aa bira tee'eeraayyu. Inni yennaa isaan dhagge, isaan qophatiisaaf itti dhaqee lafatti gad gombifamee,
2
«Goottota tiyya, maganne'ee, gara mana tajaajilaa keessanii kowa'a. Miila keessan dhiqa'aatii bula'a; barii ganama deemuu dandeettan» jedhe. Isaan ammoo, «Waawwo'o; nuuti asuma badhinna qacha'aa bulla» jedhane.
3
Inni ammoo jabeessee isaan waan kadhateef, isa woliin gara mana isaa dhaqane. Loox daabboo bilcheessanee, sagalee galgalaa dansaa akka isaaniif qopheessanu tajaajiltoota ifii ajaje. Yennaa sagaleen qophootte isaan nyaatane.
4
Isaan adoo hin rafiniin dura, namooti qachaa Sodoomii, dargaggeeyyi'ii fi jaarsoleen dhiirti qachaa sanii marti mana san marsane.
5
Isaan Loox waamanee, «Namooti galgala kana gara keeti buliisaaf dhufane meet? Akka isaan bukkoonsinu gad nutti baasi» jedhane.
6
Loox gara isaanii gad bayee, balbala ifi duubaan cufatee,
7
«Maganne'ee Obboleeyyan tiyya, waan daba akkasii hin hujina'a!
8
Kunoo, ani durra lamaan ta dhiirti ijjumaa bira hin geyin qaba; isaan gad isiniif baasaa akka feetane godha'a. Namoota kana waan tokkolle hin godhina'a; isaan keessummoota tiyya waan te'aneef, ani isaan eeguu qaba» jedhe.
9
Isaan ammoo deebisanee, «Namicha alagaa kana, asii badi! Waan nuuti goonu ka nutti hintu, ati eennuu? Hantuu namoota san irratti goonu caalaa hin goona» jedhane. Isaan Loox duubatti darbanee, balbala cassiisaaf bira geyane.
10
Namooti keessummooti sun ammoo harka ifii gad baafatanee, Loox gara manaa ol seensisanee, balbala cufane.
11
Achiin duuba isaan worra balbala manaa duraa san diqqa'aa haga gudda'aatitti ila sipheessanee, isaan balbala dhagguu dadhabane.
12
Achiin duuba worri keessummootaa sun Looxiin, «Qachaa kana keessaa ilmaanii fi ijoollee durraa, worra durra teeti kadhateeru yookiin fira dhibii yoo qabaatte as keessaa baasi.
13
Nuuti addee tana balleessaarra; iyyati worra addee tanaa irratti gara Mootii Waan Maraa dhikaate guddaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa qachaa kana akka balleessinuuf nu ergeera» jedhane.
14
Achiin duuba Loox gara worra durra isaa kadhateeruu dhaqee, «Ariifadha'a, addee tana keessaa baya'a; Mootiin Waan Maraa addee tana waan balleessaaruuf qachaa kana keessaa baya'a» jedheen. Worri durra isaa kadhateeru ammoo waan taphatu itti fakkaatte.
15
Boruyyaa barii ganama ergantooti Waaqaa sun Looxiin, «Ariifadhuu, qachaan kun yennaa badu woliin akka hin banneef, niitii teeti, ijoollee teeti ta durraa lamaan fudhadhuutii addee tanaa bayi» jedhanee Loox ariifachiisane.
16
Loox ammoo mame; te'ulle Mootiin Waan Maraa waan isa marareef, namooti lamaan sun isa, niitii isaa, ijoollee isaa ta durraa lamaan harka qabanee qachaa keessaa akka baasanu godhe.
17
Qachaa keessaa isaan baasaneen duuba, ergamaa Waaqaa keessaa tokkochi, «Jiruu teessan hamburatiisaaf baqadha'a; ifiin duuba hin ilaalina'a! Dhooqa keessatti eessalle'etti hin dhaabbatina'a! Akka hin duuneef gara gaaraa baqadha'a!» jedhe.
18
Loox ammoo deebisee, «Waawwo'o, Goottota tiyya;
19
ani tajaajilaan keessan isin duratti fudhatama dhaggadheera; jiruu tiyyalle fayyisiisaaf arjummaa guddoo naaf gootaneertan. Ani ammoo gara gaaraa baqadhee jalaa bayuu waan hin dandeenneef, badiin tun kara'atti na dhaqqaddee, ani hin du'a.
20
Kunoo, qachaan sun itti baqatiisaaf dhikoo jira, qachaa diqqaalle'e. Akkuma isin dhaggitanu qachaa diqqa'aa motii ree? Ani achitti baqadhee jiruun tiyya akka fayyitu naaf godhi» jedheen.
21
Ergamaan Waaqaa deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetu; qachaa jette sanille hin balleessu.
22
Haga ati achi geettutti, ani womaa godhee waan hin dandeenneef, ariifadhuu, achi baqadhu» jedheen. Qachaan sun diqqaa waan te'eef, maqaan isaa, «Zo'aar » jedhame.
23
Yennaa Loox Zo'aar gewu, aduun bayiisatti jirtiiyyu.
24
Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhakaa bobe'uu fi ibidda qachoota Sodoomii fi Gomora'aa irratti ol-gubbaa irraa akka gad roobu godhe.
25
Inni qachoota san, dhooqa san mara, namoota qachaa san keessaa maraa fi waan lafa san irratti lateeru mara balleesse.
26
Niitiin Looxii ammoo, gara duubaa ilaaltee, soodduu sooddaa teete.
27
Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, addee dur Mootii Waan Maraa dura dhaabbate dhaqe.
28
Inni gara qachaa Sodoomiitii fi Gomora'aa, gara dhooqa Yordaanosii duudii gad ilaalee, aarri akka aara barbada ibiddaa ol ka'uun dhagge.
29
Waaqi ammoo yennaa qachoota dhooqa Yordaanosii addee Loox le'aa ture balleesse, Abrahaam yaadatee, Loox badii hantuu san jalaa fayyise.
30
Loox Zo'aar keessa le'uu waan sodaateef, ijoollee durraa ta ifii lamaan fudhatee, gaaratti ol bayee goda keessa le'e.
31
Gaafa tokko intalti isaa angafittiin maandhitti'iin, «Abbaan keenna dulloomaara; akka ijoollee qabaannu, nami nu fuudhu tokkolle biyya tana hin jiru.
32
Koy, abbaa keenna daadhii woyni'ii obaannee macheessinee, isa irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, isa woliin rannaa» jette.
33
Galgala san isaan abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessanee, intalti angafittiin ol seentee abbaa ifii woliin ratte; inni yennaa isiin seentee ratte yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne.
34
Guyyaa lammeesso'oo, intalti angafittiin intala maandhitti'iin, «Kunoo, ani eda abbaa kiyya woliin rafeera; galgala adhaalle daadhii woyni'ii isa obaannee macheessinuu ti; abbaa keenna irraa sanyii lafa irratti hattu akka dhaggannu, atille seeniitii isa woliin rafi» jette.
35
Isaan galgala sanille abbaa ifii daadhii woyni'ii obaasanee macheessane; intalti maandhittiille kaatee, isa woliin ratte; inni yennaa isiin seente yookiin yennaa isiin kaatelle hin beenne.
36
Akka kanaan ijoolleen durraa ta Looxii lamaanuu abbaa ifiitiif ulfootte.
37
Intalti angafittiin ilma deettee, maqaa isaa, «Mo'aab » jettee baafatte; inni abbaa sanyii Mo'aabota ammaa ti.
38
Intalti maandhittiille ilma deettee, maqaa isaa, «Ben-Amii » jettee baafatte; inni abbaa sanyii Amoonota ammaa ti.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50
Recommended Reading
Commentary
Genesis Commentaries
→
Devotional
Genesis Devotional Guide
→
Get This Bible
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year Study Bible
→