bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 28
Genesis 28
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 29 →
1
Yisihaq Yaaqoob waamee, eebbisee, isa ajajee, «Dubartoota worra Kana'aanii hin fuudhin.
2
Gara biyya phaadaan-Aaramii, mana Batu'elii abbaa haadha teetii dhaqiitii, durroota Laabaanii obboleessa haadha teetii keessaa takkattii achii fuudhi.
3
Waaqi waan mara dande'u si eebbisuu ti! Akka ati abbaa gosa biyya adda addaa heddu'uu teetu, ijoollee hedduu sii kennuu ti!
4
Inni akkuma Abrahaam eebbise, si'ii fi sanyii teetille eebbisuu ti! Lafa Abrahaamii kenne, ta ati amma akka alaga'aa teetee leetu, si'iif kennuu ti» jedhe.
5
Akka kanaan Yisihaq Yaaqoob erge; innille gara biyya phaadaan-Aaramii, gara Laabaanii ilma Batu'elii nama biyya Aaramii dhaqe. Inni obboleessa Ribqaa haadha Esaawu'uutii fi Yaaqoobii ti.
6
Yisihaq akka Yaaqoob eebbisee, niitii akka achii fuudhu, gara biyya phaadaan-Aaramii akka erge Esaawu hubate; Yisihaq yennaa Yaaqoob eebbise, «Dubartii worra Kana'aanii hin fuudhin» jedhee akka isa ajajelle hubate.
7
Yaaqoob abba'aa fi haadha ifiitiif ajajamee, gara biyya phaadaan-Aaramii akka dhaqeerulle hubate.
8
Maarre abbaan isaa Yisihaq dubartoota worra kana'aanii akka hin jaalanne Esaawu yennaa dhagge,
9
maarre inni gara Ishimaa'elii ilma Abrahaamii dhaqee, intala isaa Mahilaati, obboleettii Nabaayootii, dubartoota dur fuudheeru irratti ede'ee fuudhe.
10
Yaaqoob Bersheeba'aa bayee gara Kaaraanii dhaqe.
11
Inni addee takka geyee, aduun waan seenteef, achi bule. Dhakaa addee sanii keessaa tokko fuudhee, boraafatee rafe.
12
Inni achitti oojjatee, riqaa lafa irratti ijjatee qacceen isaa ol-gubbaa geettu, ergantooti Waaqaa isa irra ol bayaa, gad bu'anuun oojju'uun dhagge.
13
Mootiin Waan Maraa qaccee riqa'aa gubbaa dhaabbatee, «Ani Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii akaakoo keetiitii fi Yisihaqii abbaa keetii ti. Ani lafa ati irra irkatteertu tana sanyii teetiif hin kenna.
14
Sanyiin teeti akka maansa lafaa hin bacatti; isaan gara aduun seentuu fi baatu, gara kaabaa fi kibbaa hin babadhatan; kolbaan biyya lafaa duudiin si'ii fi sanyii teetiin hin eebbifaman.
15
Ani si woliin hin jiraadha; addee ati dhaxxu maratti ani si hin eega; gara lafa tanaalle si hin deebisa. Waan waadaa sii gale mara haga sii godhutti ani si hin lakkisu» jedhe.
16
Achiin duuba Yaaqoob hirriibaa dammaqee, «Mootiin Waan Maraa dhugumaan addee tana jira! Ani ammoo hin beenne» jedhe.
17
Inni sodaatee, «Addeen tun attam attam sodaachitti! Isiin mana Waaqaa ti; balbala ol-gubba'aa ti» jedhe.
18
Yaaqoob boruyyaa barii ganama ka'ee, dhakaa boraafate san fuudhee, akka sooddu'uu dhaabee, qaccee isaa irratti zayitii ejersaa cosse.
19
Inni maqaa addee sanii, «Bet'el » jedhee moggaase. Dur maqaan addee sanii, «Luz» jedhamaayyu.
20
Yaaqoob Mootii Waan Maraatiif waadaa galee, «Yoo ati na woliin jiraatee, karaa ani deemu kana irratti na eedde, sagalee nyaadhuu fi woyaa uffadhu yoo naaf kennite,
21
nageyaan gara mana abbaa kiyyaa yoo deebi'e, ati Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya hin teeta.
22
Dhakaan ani akka sooddu'uu dhaabe kunille, mana Waaqaa hin te'a; waan naaf kennitu mara keessaa kudhan keessaa tokko si'iif hin kenna» jedhe.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 29 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50