bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 21
Genesis 21
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 22 →
1
Mootiin Waan Maraa akkuma jedhe Saaraa yaadatee, waadaa gale isi'iif muummesse.
2
Dullummaa Abrahaamii keessa, yennaa Waaqi isatti dubbatetti, Saaraan ulfoottee ilma isaaf deette.
3
Abrahaam ilma Saaraan isaaf deette san, «Yisihaq» jedhee maqaa baase.
4
Ilmi isaa Yisihaq dhalatee guyyaa saddeetesso'ootitti, akkuma Waaqi ajajetti, Abrahaam haqanqabaa isa qabe.
5
Yennaa Yisihaq dhalate, Abrahaam nama woggaa dhibbaa ti.
6
Saaraan, «Waaqi gammadaa fi kolla naaf fideera; nami waan kana dhage'e marti na woliin hin kolla» jette.
7
Saaraan itti dabaltee, « ‹Saaraan Abrahaamiif ijoollee deettee hin hoositti fa'a› eentu jedheera? Ani ammoo bara dullummaa isaa keessa ilma deyeef» jette.
8
Mucaan guddatee, harma irraa gu'e; Abrahaam guyyaa Yisihaq harma irraa gu'e, jila guddoo godhe.
9
Saaraan ammoo, ilmi Aggaarii Gibxittii sanii, ka isiin Abrahaamiif deette, ilma isi'ii Yisihaq woliin taphatuun dhaggite.
10
Maarre Saaraan, Abrahaamiin, «Ilmi garbittii tanaa, ilma kiyya Yisihaq woliin dhaaluu waan hin malleef, garbittii tana ilma isi'ii woliin ari'i» jette.
11
Ishimaa'elille ilmuma isaa waan te'eef, dubbiin tun guddoo Abrahaam rakkitte.
12
Waaqi ammoo Abrahaamiin, «Marroo muca'aatii fi dubartii garbittii teetiitiif hin rakkatin; karaa Yisihaqiitiin sanyii ani waadaa sii gale waan qabaattuuf, waan Saaraan siin jettu mara godhi.
13
Ilmi garbitti'iille ilmuma keetii waan te'eef, ani gosa guddoo isa hin godha» jedhe.
14
Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, daabbo'oo fi bisaan qalqallu'utti guutee dudda isi'iititti ba'achiisee, mucaalle kenneefii ari'e. Isiin achii baatee goomolee Bersheeba'aa keessa joonjite.
15
Yennaa bisaan qalqalluu keessaa sun dhumate, Aggaar mucaa tusee takka jalatti lakkittee,
16
haga darbata laaye'ee irraa fagaattee teettee, «Yennaa mucaan kiyya du'u, tee'ee hin ilaalu» jette. Adduma teette sanitti iyyitee bowiisa jalqadde.
17
Waaqille iyya bowiisa muca'aa dhage'e; ergamaan Waaqaalle ol-gubba'aa Aggaar waamee, «Aggaar, maanti si rakkise? Hin sodaatin. Waaqi iyya bowiisa muca'aa dhage'eera.
18
Ani gosa guddoo waan isa godhuuf, ka'ii mucaa habbaariitii, harka keetille'een jabeessii isa qabi» jedheen.
19
Achiin duuba Waaqi ila isi'ii banee boolla bisaanii dhaggite. Isiin dhaxxee, bisaan qalqallu'utti guuttee, mucaa ifiille obaatte.
20
Akkuma mucaan guddataa deemeen Waaqi isa woliin jiraayyu; inni goomolee keessa le'ee, nama adhii guube'eetiin beekkame te'e.
21
Inni goomolee Phaaraanii keessa le'e; haati isaalle durra worra Gibxi'ii isa fuusifatte.
22
Yennaa san Abiimelek, ajajaa loltuu ifii Fikool woliin dhaqee, Abrahaamiin, «Waaqi waan ati hujju maraan si woliin jira.
23
Anaa fi ijoollee tiyya yookiin sanyii tiyya akka hin sonne, akkuma ani si'iif addatame, atille anaa fi lafa alagaa teetee leetuuf addatamummaa akka mudhittu, amma asitti maqaa Waaqaatiin naa kakadhu» jedhe.
24
Abrahaamille, «Tole, hin kakadha» jedhe.
25
Abrahaam marroo boolla bisaanii ta tajaajiltooti Abiimelekii fudhatteertuu Abiimelekitti iyyate;
26
Abiimelekille, «Kana ka godhe eennu akka te'e ani hin beeku; ati natti hin hinne; haga adhaalle ani hin dhageenne» jedhe.
27
Achiin duuba Abrahaam hoolotaa fi loon fuudhee Abiimelekiif kennee, isaan lamaanuu wol gondoorane.
28
Abrahaam goromee hoole'ee torba tika san irraa fowe.
29
Abiimelekille, Abrahaamiin, «Goromee hoole'ee torba tana ati maaf foote?» jedhe.
30
Abrahaam deebisee, «Akka ani boolla bisaanii tana qote dhugaa akka naaf baatu, goromee hoole'ee torba tana na irraa fudhadhu» jedhe.
31
Tanaaf isaan lamaanuu achitti waan wolii kakataneef, addeen sun, «Bersheebaa » jedhante.
32
Abrahaamii fi Abiimelek Bersheeba'atti wol gondooraneen duuba, Abiimelekii fi ajajaan loltootaa Fikool, ka'anee gara lafa Filisxeemotaa deebi'ane.
33
Achiin duuba Abrahaam Bersheeba'atti muka «Tamariiski» jedhamu tokko dhaabee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa bara baraa waammate.
34
Abrahaam biyya Filisxeemotaa keessa alagaa te'ee yennaa hedduu le'e.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50