bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 32
Genesis 32
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 33 →
1
Yaaqoob adoo deemiisatti jiruu, ergantooti Waaqaa isa woliin wol wolde'ane.
2
Inni yennaa isaan dhagge, «Kun quttuma Waaqaa ti» jedhee, maqaa addee sanii Mahanaayim baase.
3
Yaaqoob ifiin dura gara biyya Edoomii, gara lafa Se'iir jedhantuu obboleessa ifii Esaawutti ergantoota erge.
4
Yaaqoob worra erge san ajajee, «Goottaa kiyya Esaawu'uun, ‹Ani tajaajilaan keeti Yaaqoob haga ammaa alagaa te'ee Laabaan bira le'aa ture.
5
Ani loonii fi harree, hoole'ee fi re'ee, tajaajiltoota dhiiraatii fi dubarti'ii qaba. Ani fudhatama akka dhaggadhuuf ergaa tana si goottaa kiyyatti himadha› jedheera Yaaqoob jedha'a» jedhe.
6
Ergantooti yennaa gara Yaaqoobii deebi'anee dhufane, «Nuuti gara obboleessa keeti Esaawuu dhandheerra; innille amma gara keeti dhufiisatti jira; namooti dhibba afuriille isa woliin jiran» jedhane.
7
Yaaqoob guddoo sodaatee, yaaddowee, namoota isa bira jiranu, hoole'ee fi re'ee, loon, gaalalle golii lamatti gargar qoode.
8
Inni, «Esaawuun golii tokko yoo miidhe, goliin tuun miliquu hin dandeetti» jedhee yaadee ti.
9
Achiin duuba Yaaqoob daadimatee, «Ee, Waaqa akaakoo kiyya Abrahaamii, Waaqa abbaa kiyya Yisihaqii naa dhage'i! Sittuu, ‹Biyya keetitti, fira keetitti deebi'i; anille waan dansaa si'iif hin godha› anaan jedhe.
10
Gadhi-laafumma'aa fi addatamummaan ati ana tajaajilaa keetitti mudhitte sun, naaf hin malle; yennaa qaraa ulee malee, ani womaa qabadhee laga Yordaanosii hin buune; amma golii lama tana woliin deebi'eera.
11
Inni dhufee ana, haadhoti'ii fi ijoollee hin ijjeesa fa'a jedhee waan sodaadheef, ati harka obboleessa kiyya Esaawuu jalaa akka na baachu si gaafadha.
12
Atuu, ‹Ani waan dansaa si'iif hin godha; sanyii teetille akka maansa abbaaya'aa, ka sababa bacinna isaatiif laakkowamuu hin dandeennee hin godha› jetteerta» jedhe.
13
Maarre inni halkan san achuma bulee, waan ifii qabu keessaa kennansa obboleessa ifii Esaawu'uuf dhikeessu,
14
re'oota dhaltuu dhibba lamaa fi korbeeyyii re'ootaa diddama, hoolota dhaltuu dhibba lamaa fi korbeeyyii hoolotaa diddama,
15
gaalota hoosisanu soddoma ilmoolee isaanii woliin, sa'oolee afurtamaa fi korommii kudhan, harreelee dhaltuu diddamaa fi harreelee wodala kudhan file.
16
Inni horii kana cinna cinnaan qoqoodee, tajaajiltoota ifiititti kennee, «Anaan duratti dabara'aatii, wodhakkaa cinna cinna hori'iititti lafa lakkisa'a» jedhe.
17
Yaaqoob tajaajilaa dura jiruun, «Esaawuun obboleessi kiyya sitti dhufee, ‹Ati ka eennuu ti? Eessa dhaxxa? Horiin ati oofattu kun ka eennuu ti?› jedhee yennaa si gaafate,
18
ati, ‹Horiin kun ka tajaajilaa keeti Yaaqoobii ti. Inni horii kana goottaa kiyya Esaawu'uuf kennansa erge. Innille duuba keennaan dhufiisatti jira› jettaan» jedheen.
19
Yaaqoob cinna lammeesso'ootiin, cinna sadeesso'oolle'een, worra cinna hori'ii san oofu maraanuu, «Isinille yoo Esaawu isinitti dhufe, dubbuma tana itti hima'a.
20
‹Kunoo, tajaajilaan keeti Yaaqoob nu duubaan dhufiisatti jira› jedha'aan» jedhee gorse. Yaaqoob, «Kennansa ani ifi dura ergeef kanaan Esaawu naa araarama fa'a. Achiin duuba ani yennaa isa dhagge, inni na fudhata fa'a te'a» jedhee yaade.
21
Yaaqoob kennansa san dursee dabarsee ergee, ifiif ammoo halkan san addee quttumaa san bule.
22
Yaaqoob halkanuma san ka'ee, niitota ifii lamaan, tajaajiltoota ifii ta durraa lamaanii fi ijoollee ifii kudhanii tokko fudhatee laga Yaaboqiitiin gamatti bu'e.
23
Inni gamatti isaan buuseen duuba, waan qabu maralle gamatti buuse.
24
Inni ammoo qofuu hafe. Achiin duuba nami tokko dhufee haga boruun dayya'utti Yaaqoob woliin wodhaantoo qabate.
25
Namichi sun akka dande'ee Yaaqoob hin injifanne yennaa dhagge, luqqee Yaaqoobii dhowe; Yaaqoobille adoo isaa woliin wodhaantoo qabatuu kurreen Yaaqoobii buqqaate.
26
Achiin duuba namichi, Yaaqoobiin, «Boruun dayya'aaraa, na lakkis!» jedhe. Yaaqoob ammoo, «Yoo na eebbitte malee, ani si hin lakkisu!» jedheen.
27
Maarre namichi, «Maqaan keeti eennu?» jedhee gaafate. Innille deebisee, «Maqaan kiyya Yaaqoob» jedhe.
28
Achiin duuba namichi, «Ati Waaqaa fi nama woliin wodhaantoo qabattee injifatteerta; tanaaf, haganaa achi maqaan keeti Israa'el jedhamuu ti malee, Yaaqoob hin jedhamin» jedhe.
29
Achiin duuba Yaaqoob, namichaan, «Maganne'ee maqaa keeti natti himi!» jedhee isa gaafate. Inni ammoo, «Maqaa kiyya maaf gaafatta?» jedhee, achitti isa eebbise.
30
Yaaqoobille, «Ani Waaqa fuula kiyya duratti dhaggee, haga ammaa jiru'uun jira» jedhe; tanaaf maqaa addee sanii, «Pheeni'el » jedhee moggaase.
31
Yaaqoob pheeni'elii ka'ee deemiisatti jiruun aduun baate; inni luqqee waan miidhameef hokkoliisatti jiraayyu.
32
Yaaqoob namicha woliin wodhaantoo qabatuun, namichi foon kurree luqqee isaa irraa waan dhoweef, Israa'elooti haga adhaa foon kurree luqqee irraa hin nyaatanu.
← Chapter 31
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 33 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50