bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 49
Genesis 49
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 50 →
1
Achiin duuba Yaaqoob ilmaan ifii waammatee, «Waan gara duraa isinitti dhufu akka isinitti himuuf, wolitti dacha'a'a!
2
«Ilmaan Yaaqoobii, wolitti dacha'a'aa dhage'a'a; abbaa keessan Yaaqoob dhage'a'a.
3
«Ruuben, ati ilma kiyya angaficha, hunna tiyyaa fi jabeenna kiyya ka qaraa ti; ulfinnaa fi hunnaan ilmaan tiyya mara hin caalta.
4
Te'uu malee, ati ka akka bisaanii daaquu waan teeteef, obboleeyyan teeti hin sooressitu; rifanoo abbaa keetii irra waan baateef, dubartoota gursumeeyyii abbaa keetii woliin ratteerta.
5
«Shimi'oonii fi Lewwiin obboleeyyan; shallaagaan isaanii meya isaan hunnaan nama irratti ka'anu.
6
Isaan aari'iin namoota waan ijjeesaneef, taphaaf jedhanee korommii waan mogolchaneef, ani marii isaaniititti hin galu; yaa'ii isaaniille hin qoodamu.
7
Aariin isaanii jadduu, mufiin isaanii gadhi-jabeettii waan teeteef, ta abaarante teetuu ti! Ani gosa Yaaqoobii odduu isaan qoqoodee Israa'el keessa isaan hin bittinneessa.
8
«Yihuda'a, obboleeyyan teeti si hin leellisan; ati diina keeti hin injifatta; ilmaan abbaa keetii si duratti gad hin jedhan.
9
Ilmi kiyya Yihudaan akka ilmee neenqaa, ta adamo'oo gara mandhee ifii deebituu ti. Akka neenqaa diriirfatee irkata; eentu isa kaasiisaaf itti guula?
10
Ka kolbaan duudiin ajajantuuf, haga bara baraa ka bulchu, ka mootummaan isaaf malte, haga dhufutti, bokkuun harka Yihuda'aatii hin baatu. Mootoleen maatii Yihuda'aa irraa hin dhufan; nami tokko Yihudaa irraa yennaa mara barcumaa mootumma'aa irra hin tee'a. Ka mootummaan isaaf malte haga dhufutti Yihudaan hin bulcha; gosi biyya adda addaalle isaaf hin ajajaman.
11
Inni woynii bacaa qaba; harree ifii muka woyni'iititti, ilmayyoo harree ifii woynii filatantetti hidhata. Inni woyaa ifii daadhii woyni'iitiin, bullukkoo ifii dhiiga midhaan woyni'iitiin dhiqata.
12
Ilti isaa daadhii woyni'ii caalaa diimatti; ilkaan isaa aanan caalaa addaata.
13
«Zebuloon qarqara abbaaya'aa hin le'a; qarqarri abbaaya'aa ka isaa sun lafa buufata hoboloota gugurddo'oo hin te'a. Meessaan lafa isaa Sidoon hin te'a.
14
«Yisaakor akka harree jadduu, wodhakkaa fe'iisaa ciittuu ti.
15
Ammoo addeen isaa ta fooraa dansaa, latti isaalle attam akka gammachiittu yennaa dhagge, fe'amiisaaf dudda ifii cillaaffatee garba te'a.
16
«Daan kolbaa ifii gosa Israa'elii keessaa takkattii hin bulcha.
17
Daan akka dhudhuufaa karaa irgaa, akka buutii daandii cina'aa, ta kottee fardaa idditee nama irra tee'eeru irraa buuttuu ti.
18
«Ee Mootii Waan Maraa, ani fayyisiisa keeti eegadha.
19
«Saantuun Gaad hin miiti; inni ammoo deebisee isaan hin miidha.
20
«Latti Asheerii sagalee dansaa bacaa kenniti. Inni sagalee mootichaaf teetu hin kenna.
21
«Naftaalem akka ilmee dansaa gadansaa bilisa; inni jechoota dadansaa dubbata.
22
«Yoseef akka muka woyni'ii midhaanicha, madda bira jiru, ka dameen dalleya irra baatuu ti.
23
Worri daaya qabatu isa duchiisanee, diinumma'aan daaya itti gad lakkisan.
24
Ammoo hunna Waaqa Yaaqoobiitiin, maqaa tissee jabaa Israa'eliitiin, guubeen isaatii fi irreen isaa hin jabaatti.
25
Waaqi abbaa keetii ka si qarqaaru, Waaqi waan mara dande'u, rooba gubba'aatiin, madda golbaatiin, horii heddu'uu fi ijoollee hedduu kenniisaan si eebbisu.
26
Eebbi abbaa keetii waan eebba gaarota bara duriitii jalqabanee jiranuu fi kooba bara baraa irraa dhagganu caala. Eebbi kun marti mataa Yoseefii, ka obboleeyyan ifii irraa adda baye surrii isaa irratti bu'uu ti.
27
«Beniyaamin akka yayyii beelottee ti; ganamaan waan adanse nyaata; galgala waan booji'e qoqooda» jedhe.
28
Gosi Israa'elii kudhanii lama isaan kana. Abbaan isaanii eebba isaaniif te'uun tokko tokkoo isaanii yennaa isaan eebbise, wonni isaaniin jedhe tana.
29
Achiin duuba Yaaqoob, isaan gorsee, «Ani du'uu geyeera; isin abbootii tiyya woliin goda fichaa Efronii namicha biyya Heetii keessatti na awwaala'a.
30
Godi sun lafa Kana'aanii keessa, Mamree irraa gara aduun baatu, fichaa Makfela'aa keessa jirti; Abrahaam fichaa godi awwaalaa tun keessa jirtu, addee awwaalaatiif Efronii heeticha irraa bitate.
31
Abrahaamii fi niitii isaa Saaraa achitti awwaalane; Yisihaqii fi niitii isaa Ribqaa achitti awwaalane; anille Liyaa achitti awwaale.
32
Fichaan sunii fi godi fichaa san keessaa sun namoota biyya Heetii irraa bitamane» isaaniin jedhe.
33
Yaaqoob ilmaan ifiititti gorsee yennaa fixe, miila ifii taqee irratti ol deebifatee, du'ee, gara kolbaa ifii ta addee dhuga'aa jirtuu gale.
← Chapter 48
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 50 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50