bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
/
Genesis 39
Genesis 39
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 40 →
1
Yoseef gara biyya Gibxi'ii gad geessane; qondaaltota mootii Gibxi'ii keessaa tokkochi, phoxiifaariin nami biyya Gibxi'ii ajajaan eeddota mana mootumma'aa, worra Ishimaa'elootaa ka gara biyya Gibxi'ii isa fide irraa Yoseef bitate.
2
Mootiin Waan Maraa waan Yoseef woliin jiraateef, wonni inni huju teeteef; inni mana goottaa ifii, Phoxiifaarii nama biyya Gibxi'ii keessa le'aa ture.
3
Phoxiifaar akka Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiruu fi hujiin isaa marti akka isaaf teetu akka godhe dhaggee,
4
Yoseefitti gammadee, tajaajilaa ifii godhate; inni ajajaa mana ifii isa godhee, qabeenna ifii mara irralle'etti itti gaafatamaa godhe.
5
Yennaa saniin jalqabee, Mootiin Waan Maraa sababa Yoseefiitiif jedhee, qabeenna manaatii fi fichaa namicha biyya Gibxi'ii san mara eebbise.
6
Tanaaf Phoxiifaar waan qabu mara harka Yoseefiititti lakkise; Phoxiifaar waan nyaatu malee, waan tokkolle'eef hin yaaddawuuyyu. Yoseef akkaa fi dhaaballe'een nama miidhaga'a.
7
Yennaa diqqo'oon duuba niitiin goottaa isaa Yoseef ilaaltee jaalattee, «Ana woliin rafi» jetteen.
8
Inni ammoo didee, niitii goottaa ifii saniin, «Goottaan kiyya waan mana keessaa maraaf tokkolle hin yaaddawu; waan qabu mara irratti itti gaafatamaa na godheera.
9
Mana kana keessatti goottaan kiyya na caalaa baallii hin qabu; ati waan niitii isaa teeteef si malee, wonni inni natti hin kennin hamburate tokkolle hin jiru. Ani attam waan hantuu akkanaa hujee, Waaqa yakka ree?» jedhe.
10
Dubartittiin guyyuma guyya'aan Yoseefitti dubbattulle, inni ammoo isii woliin rafiisa yookiin isii biratti dhaggamiisa didate.
11
Gaafa tokko Yoseef hujii ifii hujatiisaaf, gara manaa yennaa seene, tajaajiltoota manaa keessaa tokkolle achi hin jiranuuyyu.
12
Niitiin goottaa isaa woyaa isaa qabattee, «Koy, na woliin rafi» jetteen. Yoseef ammoo woyaa ifii isii harkatti lakkisee, baqatee manaa baye.
13
Isiin akka inni woyaa ifii isii harkatti lakkisee, alatti baqatee baye yennaa dhaggite,
14
tajaajiltoota mana isi'ii keessa hujanu waantee, «Kunoo, namicha Ibraawicha nu fokkisiisaaf abbaan manaa kiyya as fide kana ilaala'a. Inni hunnaan na woliin rafiisaaf gara kolloo tiyyaa seene; ani ammoo qoonqoo ol qabadhee itti iyye.
15
Inni akka ani qoonqoo ol qabadhee iyye dhage'ee, woyaa ifii na biratti lakkisee, baqatee manaa baye» jette.
16
Isiin haga goottaan isaa galutti woyaa isaa ifi bira keyattee eedde.
17
Achiin duuba isiin, «Garbichi Ibraawichi ati as fidde sun na fokkisiisaaf gara kolloo tiyyaa seene.
18
Akkuma ani qoonqoo ol qabadhee iyyeen, woyaa ifii na biratti lakkisee, alatti baqate» jette.
19
Niitiin isaa, «Garbichi keeti akkana na godhe» jettee waan isatti hinte yennaa dhage'e, goottaan Yoseefii guddoo aare.
20
Tanaaf Yoseef fuudhee, mana hidha'aa ka worri mootichi hiisiseeru keessa jirutti isa galche. Yoseefille hidhaa keessa achi ture.
21
Mootiin Waan Maraa ammoo Yoseef woliin jiraatee, jaalala ifii ka bara baraa isatti mudhisee, ajajaa mana hidha'aa duratti akka Yoseef fudhatama dhaggatu godhe.
22
Ajajaan mana hidha'aa sun, namoota mana hidha'aa keessa jiranu maraa fi waan mana hidha'aa san keessatti hujamu mara irratti Yoseef itti gaafatamaa godhe.
23
Mootiin Waan Maraa Yoseef woliin jiraatee, wonni inni huju marti akka isaaf teetu waan godheef, ajajaan mana hidha'aa waan Yoseef itti gaafatamaa itti te'e isatti lakkisee, itti hin yaaddonne.
← Chapter 38
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 29
Chapter 30
Chapter 31
Chapter 32
Chapter 33
Chapter 34
Chapter 35
Chapter 36
Chapter 37
Chapter 38
Chapter 39
Chapter 40
Chapter 41
Chapter 42
Chapter 43
Chapter 44
Chapter 45
Chapter 46
Chapter 47
Chapter 48
Chapter 49
Chapter 50
Chapter 40 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28
29
30
31
32
33
34
35
36
37
38
39
40
41
42
43
44
45
46
47
48
49
50