bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 1
Revelation 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 2 →
1
Tunin waan Waaqii, akka innii waan dhi'ootuu tahaa hojjatoota Waaqaa agarsiisu Yesus kiristooti mullise. Kiristoon ergamaa ufi Yoh. aannisitti ergeetti waan kana beessise.
2
Yoh. aannis waan arge cufa ya hime. Kunin dhaamsa isaa ka waan dubbii Waaqaatii fi dhugaa Yesus Kiristoon mullise himu.
3
Namii dubbii himanaa tana dubbisu ingammadaa, namii caqasee waan keessaatti barreessan guutuulleen gammadaa argata. Wantii akkanaatiif yo'ii wantii kun taatu ya dhihaate.
4
Anin Yoh. aannis, gara gumii torba ta lafa Asiyaa keessa jirtuutti waan kana barreessa; Waaqii ka amma jiruu fi ka duriille jiru, ammallee ka hegeriillee jiruu fi lubbuu torbaan ta barcumaa isaa dura teteettuu fi Yesus Kiristoon, dhugaan dhugeeffatan, Ilmii angafaa ka du'a keessaa kaasan, ka hayyuu hayyoota lafa tanaa, eebbaa fi nagaa isanii kenninna! Innii nu jaalata, ammallee dhiiga ufitiin cubbuu keessaa nu baase.
6
Qaallolee hayyummaa Waaqaa ta abbaa isaatii hojjattuu nu tolche. Isaa guddinnaa fi jabeennii ha tahu, ammaa fi duranaallee! Ee'e jenne!
7
Me laali, innii duumansa keessa dhufuu jiraa! Namii cuftii isa arga, jarii durii isa waraaneelleen. Gochitii lafaa cufa marroo isaatiif bootti. Ha akkasuma taatuu! Ee'e jenne!
8
Aabboo Waaqii guddaan, “Anin Alfaa fi Omeegaa, ka amma jiru, ka duriillee jiru ammallee ka duranaallee jiru” jedha.
9
Anin obboleessii keessan Yoh. aannis ka karaa Yesus gulaan gaargalaa, mootummaa isatii fi obsa isan waliin qoodadhu. Waan anin dubbii Waaqaatii fi dhugaa Yesus mullisee odeesseef, lafa bisaan marsan, ta “Phaaximoo” jedhan, keessa jira.
10
Guyyaa Aabboo, Hafurii isaa na keessa seene, anin qoonqoo guddoo, akka magalataa uf duubaatti dhagaye.
11
Isiin, “Waan argitu kana kitaaba keessatti barreessi! Gara gumii Kiristaanaa, ta Efesoon, ta Simiirnaa, ta Phergamoon, ta Tiyaatiraa, ta Saardes, ta Filaadelfiyaa, ta Laa'odiiqeyaa jirtuu torbaaniifuu ergii” jette.
12
Jennaan anin akka qoonqoo naan dubbattu argu garagale. Gara gallaan waan fulaa ibseen hedduun irra ejaajjuu dandeettu qabaa ka warqiin midhaassan torba arge.
13
Jidduu ibsee sunii keessa waan akka namaa jira tokkootti ejja, hubbaara dheeraa miila gahu keeyyate, qoma isaa gubbaatti wayaa warqiitti maraa qaba.
14
Rifeensii mataa isaa akka cabbii yokaan akka haamaa addaata, iltii isaalleen akka ibiddaa bobeette;
15
miilii isaa akka sagaa bassanii qulqulleessanii ibsee, qoonqoon isaa akkuma galaanaa yaa'u dibbifti.
16
Innii urjii torba harka mirgichaa qaba, billaa aflammeeddaa ka garii lachuu qara qabuutti afaan isaa keessa jira. Fuulii isaa akka aduu guyyaa guddaa ibsa.
17
Isa arginaan anin miila isatti jigee, akka waan du'ee tahe. Innii ammoo harka mirgicha narra kaayee naan, “Hinsodaatin! Ka duraatii fi ka eegeelleen anaa.
18
Anin ka jiru! Durii la du'e amma ammoo haga hegeriillee injira. Du'aa fi jiru warra du'eelle furaan harka kiyya jira.
19
Duuba waan argitu kana barreessi, waan amma jiraatii fi ka hegerii tahaallee.
20
Wantii mamaa ta urjii torbaan atin mirga kiyyatti gartuu fi ta ibsee torbaaniilleen tana: urjiin torbaan sun Ergamtu gumii Waaqaa torbaani, ibseen torbaan sunilleen gumii Waaqaa torba” jedheen.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22