bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 20
Revelation 20
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 21 →
1
Jennaan anin ergamaa dhibii ka Waaqaa gubbaa gad bu'u arge; innii furaa boolla guddootii fi haada sibiilaa guddaa harkaa qaba.
2
Innii bineensa akka jawwee gudda, bofa dullacha durii, ka “Diiyaabiloos yokaan Sheexana” jedhn sun qabee, haga ganna kuma tokkoo hidhe.
3
Ergamaan kaan akka innii haga gannii kuma tokkoo hobaa'uutti itti deebi'ee nama tokkollee hinsobne boolla gad qilee keessa jawwee taan buusee, balbala itti cufee, beessisa irra keeyyate. Achiin duubatti ammoo haga diqqa tokkoo hiikamuu male.
4
Jennaan anin barcumaa guddinnaatii fi warra jabeennaa muraa kennaaniif ka barcumaa sun irra tataa'u arge. Akkasuma ammallee lubbuu warra, marroo warrii dhugaa Yesus mullisee dubbi Waaqaa himeef qaqqalanii arge. Warrii bineensa yokaan akeeka isaallee, hinguddimne; yokaan beessisa isaa harkaa fi addalle irraa hinqabu. Warrii akka hayyootaa tahee, Kiristoo waliin ganna kuma tokkoo lafa fide.
5
Tuunin du'aa ka'iisa qaraat. Namii du'e dhibiin kaan ammoo haga ganna kuma tokkoo kaan du'aa hinkaane.
6
Eebba guddoo fi gammadii ka warra du'aa ka'iisa qaraa kana keessaa qooda qabuuti. Dooti lammeessoo warra irrati irree hinqabdu, warrii qaalloollee Waaqaatii fi ta Kiristoo tahee, isa waliin haga ganna kuma tokkoo lafa fida.
7
Yo gannii kuma tokkoo hobba'ee, Sheexana hidhaansa keessaa gad lakkisan, innii
8
dhaqeetti gosa lafa keessa jirtu cufa, Googinii fi Maagoogin, gumii guddoo akka maansa afaan galaanaa sobee warraanati naquuf walti guura.
9
Warrii lafa cufa keessa yaa'ee, gumii Waaqaatii fi dira innii jaalatu marse. Ammoo ibiddii gubbaa gad bu'ee gubee warra hobbaase.
10
Jennaan Sheexana, warra sobe, galaana ibiddaatii fi ka dhakaa bobaa'ee baqee lola'uu fulaa bineensaa fi raaga dharaa qaraa harcaasan taan keessa buusani, haga jiruu jireennaa halkanii guyyaa warra gaargalchan.
11
Jennaan anin barcumaa guddinnaa adii guddaa fi nama irra taa'uullee arge; lafaa fi gubbaalleen isa duraa baqatte, fulaallee warraa hin argine.
12
Ammallee anin nama du'e, diqqaa fi guddaallee, ka barcumaa guddinnaa dura ejaajju arge. Kitaaba hedduu banan ammallee kitaaba jireennaa ka ta'e tokko dhibiillee banan. Warra qaraa du'e akkuma waan warrii tolche ta kitaaba keessatti barreefamee gula itti muran.
13
Jennaan galaannii nama keessatti du'e cufa baasee kenne. Du'aa fi qileen fula ekheraan teettulleen nama du'e ka warra keessaa jiru cufa gad yaaftee kennite, nama cufa akkuma waan innii tolchee gula itti muran.
14
Jennaan du'aa fi qilee fula ekheraan teteettu galaana ibiddaa keessa harcaasan. Galaanii ibiddaa kunin du'a lammeessooti.
15
Nama maqaa isaa kitaaba jireennaa keessatti hinbarreessin cufa galaana ibiddaa keessa harcaasan.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22