bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 3
Revelation 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 4 →
1
“Gara ergamaa gumii Saardesitti” “Ergaan tunin ta nama hafuura Waaqaa torbaa fi urjii torba harkaa qabuuti” jedhii barreessi! Ergaan, “Anin waan atin tolchitu inbeeka; atin maqaa nama jiruu qabda, ammoo la doote.
2
Tanaaf ka'ii, waan hafe jabeessi, adoo cuftii hindu'in. Anin akka hujiin tantee Waaqaa kiyya duratti qixxee hintahin ya arge.
3
Barsiisa qara dhageettee fudhatte qaabadhu; jabeessii cubbuu irraa deebi'i. Yo atin dammaquu diddee, anin akka hattuu sitti dhufa, atin yo anin dhufullee hinbeettu.
4
Ammoo isan namii garii ka saardes, wayaa teessan hinxureessine. Isan wayaa adii naqattanitti na waliin yaatan, wantii sun ya isanii malte.
5
Nama dabsatu wayaa adii akkanaa uyyisaniif, ammallee anin maqaa isaa kitaaba jireennaa keessaa hinballeessu; Aabboo fi ergamtoota isaa duratti akka warrii nama kiyyaa diideessee hima.”
6
“Namii gurra qabu, waan hafuurii gumiin kiristaanatin jedhu ha dhaga'uu!” jedhi.
7
“Gara ergamaa gumii Filaadelfiyaatti” “Ergaan tun qulqullichaa fi ka dhugaa ka te'e, ka furaa Daawit harkaa qabu, ka waan innii bane namii tokkolleen cufuu hindandeennee, ka ammallee waan innii cufe namii tokkolleen banuu hindandeenee sun biraa dhufte” jedhan.
8
Ergaan, “Anin waan atin tolchitu inbeeka; akka atin ka guddoo jabeenna hinqamne barsiisa tiyya gula deemtee maqaa kiyya hinmormatin inbeeka. Anin ya balbala namii tokkolleen danda'ee hincumne sii bane.
9
Caqasi! Gumii Sheexanaa ta kiyyibdee gosa Yihudii ufiin jettu sun, anin si duratti jissee, akka warrii si guddisu tolcha. Warrii cuftii akka anin si jaaladhu inbeeka.
10
Waan atin akka anin obsi siin jedhe obsiteef, anin gaargala lafa cufaatti dhufee nama lafa cufaa laallatu duraa si baasa.
11
Anin dhi'oottuu dhufaa, waan harkaa qabdu jabeessi, akka namii tokkolleen waan atin dabsattee argattu sirraa hinfudhanne.
12
Nama dabsatu anin utubaa Mana Waaqaa kiyyaa tolcha, innii haga jiruu keessaa hinbahu. Maqaa Waaqaa kiyyaatii fi maqaa dira Waaqaa kiyyaallee, Yerusaalem haareetti, ta gubbaa fulaa Waaqaa kiyyaati baatu, isa irratti barreessa. Anilleen maqaa kiyya haaraa irratti barreefadha.”
13
“Namii gurra qabu, waan hafuurii gumii kiristaanatin jedhu ha dhaga'uu!” jedhi.
14
“Gara ergamaa gumii Laa'odiiqeyaatti” “Ergaan tun ta ‘Ee'e jenne’ jedhu, innii ka dhugeeffatanii fi ka dhugaati, Waaqii waan cufa isaan uume.”
15
Ergaan, “Anin waan atin tolchite cufa inbeeka; akka atin hinoowwinne yokaan hinqabbanoomne inbeeka. Yo silaa atin tokko gula baate guddoo fedha.
16
Atin ammoo diqquma tokko bulluxxa, waan ati oowwaa yokaan qabbana'aa hin ta'iniif, anin afaan keessaa si buufachuu fedha.”
17
“Atin, ‘Anin dureessa, waan cufa inqaba’ ufiin jettaa, akka gaargalaa fi dhiphuu qabdu ufi hingartu. Atin hiyyeessa, qullaa deemta, lafa hingartu.
18
Tanaaf anin si gorsaa, akka dureessa taatu Warqii qulqulloo ibidaan laalamte, akka uyyifattee qullaa tantee dhossitu wayaa adii, akka lafa gartu qorsa ilaallee naraa bitaadhi.
19
Ani nama jaaladhu cufaa loletti harkaan gahaa, jabaadhii dabaa ke irraa debi'i.
20
Caqasi! Anin balbala dura ejjeetti dhadha'uutti jiraa; yo namii qoonqoo tiyya dhagayee naa banee, anin itti olseeneetti isa waliin nyaadha, inniilleen na waliin nyaata.
21
Akkuma anin dabsadhee amma Aabboo waliin barcumaa isaa ka guddinnaa irra taa'u, nama dabsatu anin barcumaa kiyya ka guddinnaa irra teessisa.”
22
“Namii gurra qabu, waan hafuurii gumiin kiristaanatin jedhu ha dhaga'uu” jedhi.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22