bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 2
Revelation 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 3 →
1
Gara ergamaa gumii Efesoon, “Tunin dubbii nama urjii torba harka mirgichaa qabuu, ka jidduu ibsee warqii torbaanii dedeemuu;
2
Akka atin guddoo hojjatte, ammallee akka atin guddoo obsiteellee, akka atin dandeettee warra cubbichaa hinobsinne, ammallee akka atin warra ‘Nu ergamtoota’ ufiin jedhuu, ka ammoo ergamotoota hintahinii laaltee, akka warrii kiyyibe agarteellee waan atin tolchite inbeeka.
3
Akka atin obsa qabdu, maqaa kiyyaa jettee akka guddoo gaargalte, ammoo akka atin ufi jibbaachuu didde anin inbeeka.
4
Ammoo wantii anin si quufuu dhabe, ati jaalala duri naa qabdu ya dhiifte.
5
Akka guddoo jidde qaabadhu, cubbuu irraa deebii, waan durii hojjatte hojjadhu! Yo cubbuu irraa deebi'uu baatte, anin dhufeetti ibsee tantee fulaa isiitii fuudha.
6
Taatuullee waan tokko goomta; sulleen hujii warra Niqoolaawotaa jedhanii akkuma anin jibbe atilleen jibbita.
7
Namii gurra qabu, waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu!” “Nama dabsatu anin midhaan mukaa jireennaa, ka oobruu Waaqaa keessatti bahu, nyaachisa” jedhii barreessi.
8
Gara ergamaa gumii Simiirnaa, “Ergaan tunin dubbii nama qaraatii fi ka eegeeti, nama du'ee ka'e irraa dhufte” jedhii barreessi.
9
Ergaan: “Dhiphuu fi hiyyuma tantee, dhara jarii Yihudii hintahin ka ammoo Yihudii ufiin jedhuu sun maqaa ke balleessa sitti dubbatu anin inbeeka. Atin ammoo dureessa, warrii Yihudii ufiin jedhu sun ammoo gumii Sheexanaati.
10
Gaargala sitti dhufu hinsodaatin! Caqasi, Sheexanii isanii garii mana waankiitti naqee isan laallata; haga bultii kudhanii dhiphatanii gaargaltan. Haga dootuutti nama dhugeeffatan tahi, duuba anin eebba jireenna sii kenna” jedheen.
11
“Namii gurra qabu, waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu! namii dabsatu du'a lammeessootiin hingaargalu” jedha.
12
“Gara ergamaa gumii Phergamoonitti” “Ergaan tun nama billaa aflameedaa ka gamii lachuu qarame qabu biraa dhufe” jedhii barreessi!
13
Ergaan, “Anin fulaa atin teettu inbeeka, fulaa sun barcumaa guddinna Sheexanaati. Atin maqaa kiyya jabeesitee qabattee, gaafa Antiiphaas ka guddoo naa dhugeesse fulaa Sheexanii taa'uutti ijjeesaniillee, atin dhugeeffachaa na dhugeeffatte hinlakkimne.
14
Ammoo waan diqqoo tokkoo callaa si quufuu dhabe; nama haga tokkoo ka barsiisaa Bala'aam gula yaa'uu qabda, Balaaq, ijoollee Israa'el dura gufuu kaa'e; ammallee akka sagalee waan harkaan bocanii baasan nyaatanii fi akka sharmuxooma yaa'an barsiise.
15
Akkuma sun nama barsiisa warra Niqolaawotaa gula yaa'u qabda.
16
Cubbuu irraa deebi'i yoos. Yokaan anin hurriseetti sitti dhufee, warra sun goraadee afaan kiyya keessa jirtuun hadhaa.”
17
“Namii gurra qabu waan hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu! nama dabsatuu anin sagalee maannaa jedhan ta dhossan kennaaf. Ammallee cabbii adii maqaa haareessa irratti barreessan, ka nama argatu malee namii dhibiin hinbeenne kennaaf” jedha.
18
“Gara ergamaa gumii Tiyaatiraatti” “Ergaan tun ta Ilma Waaqaa, ka iltii akka bobaa ibiddaa bobeettuu, ka miilii isaa akka sagaa bassaani qulqulleesanii billiqu” jedhii barreessi.
19
Ergaan, “Anin waan atin tolchitu, jaalalaa, dhugeeffachaa, hujii fi obsa kankee inbeeka. Ammallee akka hujiin tantee ta eegee ta qaraa irra jirtu inbeeka” jetti.
20
“Ammoo wantii anin si quufuu dhabe tana; dubbii niitii Izaabel jedhanii ta ‘Anin raaga waaqaa’ ufiin jettuu obsita; isiin hojjatoota tiyya akka warrii hujii sharmuxoomaa tolchee, sagalee waan harkaan bocanii baasan nyaattu barsiiftee akkasiin balleessite.
21
Anin akka isiin cubbuu irraa deebitu guyyaa qabeef, ammoo isiin sharmuxooma sun irraa deebi'uu didde.
22
Tanaaf anin siree gubbaa isi buusa, yo warrii hujii isii waliin tolchu tana irraa deebi'uu baate achitti isii fi warra isii waliin shaarmuxu gaargalcha.
23
Anin ijoollee isiillee dha'ee fixa, duuba gumiin tiyyaa cuftii akka anin herregaa fi garaa nama cufaa laalu baratti. Ammallee anin isanii cufa, hujii teessan gula, wa isanii kenna.”
24
“Ammoo isaniin kaan warrii Tiyaatira keessaa, ka barsiisa hamtuu tana gula hin yaa'in, yokaan ka waan namii dhofaama Sheexanaa jedhuun hinbaraatin, anin bahaa dhibii isan irra hinkaa'u.
25
Ammoo haga anin dhufutti waan harkaa qabadan sun jabeessaa!
26
Nama dabsatee hujii tiyya haga muummee hojjatu, anin jabeenna akka ka Aabboo irraa argadhee, akka gosa cufaan fidan kennaaf. Innii ulee sibiilatiin warra fida, duuba akkuma okkotee faaraa cabsan gargarii warra caccabsa.
28
Ammallee anin bakkalcha barii warraa kenna.”
29
“Namii gurra qabu, waan Hafuurii qulqulloon gumiin jedhu ha dhaga'uu” jedhi.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22