bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 4
Revelation 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 5 →
1
Anin Eegii waan kana milladhee, balbala gubbaa ta banamte arge. Qoonqoon akka magalataa jirtu ta qaraa isiin naan dubbannaan dhaga'e tokkoo, “Garana ol kootti, waan eegii tanaa tahaa si garsiisaa” jette.
2
Yoma tokkoon Hafuurii qulqulloon Waaqaa na seenee, olmillannaan barcumaa guddinnaa tokko ka namii irra taa'u gubbaatti arge.
3
Fuulii nama barcumaa sun irra taa'uulleen akkuma dhakaa daalachaa fi diimaa ibse; ammallee dhawattuu barcumaa sunii ulee Waaqaa, ta waan dottaattu fakkaattutti jira.
4
Dhawattuu barcumaa sunii barcumaa diddamii afurii dhibiitti jira, ammallee barcumaa sun gubbaa jaarrollee diddamii afurii, ta wayaa adii uyifattee surree hayyumaa ta warqii maratteeti jira.
5
Barcumaa guddinnaa sun keessaa hangaasuu, iyyannaa fi mandiisuun baate. Ammallee barcumaa duraalle ibsee torba ta ibidaatti bobaa; tunin hafuura Waaqaa torban.
6
Barcumaa sun duraalle waan akka galaana Daawitii ka bibiliqaatti jira. Ammallee dhaattuu barcumaa sunii, gama cufa waan lubbuu qabaa afuriitti jira; ka ila hedduu duraa-duubaallee qabdu.
7
Wantii qaraa ka lubbuu qabaa sun nyeenca fakkaatti; ka lammeessoo yabbiyyee loonii fakkaatti; ka sadeessoo fuula akka fuula namaa jiru qabdi; ka afreessoo risaa barrisu fakkaatti.
8
Wantii lubbuu qabaa sun cuftii koola jaha jaha qabdi; alaa fi keessaallee ila qabdi; halkanii guyyaa adoo hafuuraa hinbaafannee, “Aabboo Waaqii guddaan ka waan cufaa danda'u, ka duriillee jiru, ka ammallee jiru, ka duranaallee jiru qulqulloo, qulqulloo, qulqulloo” jettee, Waaqaa faarsiti.
9
Yo wantii Lubbuu qabaa afraan sirba guddinnaa, ka ulfinnatii fi ka galataa nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u, ka haga hegerii taa'uu sirbitu,
10
jaarrolleen diddamii afurii taan nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u kaan duraatti jiddeetti isa guddifti. Surree hayyumaa taan isa duraatti jissaniitti faarsan.
11
Yoos, “Aabboo fi Waaqaa keenna! Atin Guddinna, ulfinnaa fi jabeenna argachuu malte. Atin waan cufa uumtee, fedhii teetiin wantii cuftii uumamtee, jireenna argatte” jedhan.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22