bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 16
Revelation 16
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 17 →
1
Jennaan anin qoonqoo guddoo Mana Waaqaa sun keessaa ergamtoota torbaaniin, “Beenaa, dhaqaa, qorii torbaan dallansuu Waaqaa lafaatti jissaa” jettee dubbattu dhagaye.
2
Jennaan ergamaan qaraa dhaqee qorii ufii lafaatti jisse; madaan hamtuun gargalchituun warraa beessisa bineensaa ufirraa qabuu fi warra akeeka isaa guddiseen baate.
3
Jennaan ergamaan lameessoo qorii ufii galaanatti jissee, bisaan cuftii akka dhiiga nama du'ee tahaanii, wantii galaana keessa jiraa cuftii raawwatte.
4
Jennaan ergamaan sadeessoo galaanaa fi maddoo bisaanitti qorii ufii jisse, jennaan dhiiga tahan.
5
Yoma sun anin ergamaa waan bisaanii beeku ka, “Ee atiin qulqulloon, ammaa fi duriillee jirtu, murtii tana muruun kee fulaa.
6
Warrii dhiiga raagootaatii fi ka warraa qulqulloo jisse, tanaaf atin ya dhiiga warraa hobaafte. Waan warraa malee argachuutti jiran” jedhu dhagaye.
7
Jennaan anin qoonqoo fulaa waan sooriyoo, irratti qalanii ta, “Aabboo Waaqaa guddaa! Murtiin tantee ta qajeelaatti ammallee ta dhugaati” jettu dhagaye.
8
Jennaan ergamaan afreessoo qorii ufii aduu gubbaatti jisse, akka isiin oowwa guddaan nama gubdu irree kennaniif.
9
Oowwi guddaan nama cufa gubee, warrii maqaa Waaqaa, ka gaargala kana irrati irree qabu inabaare malee, cubbuu irraa deebi'ee isa hinulfeesine.
10
Jennaan ergamaan shaneessoo qorii ufii barcumaa guddinna bineensaatti jisse; guddinnii bineensaa dukkanaa'ee, namii cuftii dhukkubsacha gargalaatiin, arraba ufi ciniine.
11
Mar. roo madaa fi dhukkubsachaa isaaniitiif, Waaqaa gubbaa inabaaran mallee, hammeenna ufii irraa hindeebine.
12
Jennaan ergamaan jaheessoo qorii ufii galaana Efraaxiitti jisse. Akka hayyootii mirgaa karaa argatte taakkitu Galaanii ingoggoge.
13
Jennaan anin jinni hamaamtu sadii ta raacha fakkaattu, ta afaan jawwee, afaan bineensatii fi afaan raaga dharaa keessaa yaatu arge.
14
Kunin hafuura jinnii ka waan mamaa tolchu; hafuurii kunin sadeen akka hayyoota tana guyyaa jabaa Waaqaa guddaa, waraanaa walti yaamuuf gara hayyoota lafaa cufa yaa'a.
15
“Caqasaa! Anin akka hattuu dhufaa! Nama akka qullaa biyyaa keessa deemee hincerre rafuu didee wayaa ufii qorqoratu nama kaayome.”
16
Jennaan hafuurii kaan fulaa afaan Ibrootaatiin, “Armaagedoon” jedhaniitti hayyoota cufa walti guure.
17
Jennaan ergamaan torbeessoo qorii ufii qilleensatti jissee, jennaan qonqoon guddoon “Amma ya taate!” jettu barcumaa hayyummaa ka Mana Waaqaa keessa jiru irraa dhufte.
18
Hangaasuu, iyyannaa fi mandiisuun dhuftee, laftii chochoote. Haga nama uumanii takka laftii akkana hinchochoone; chochoohaan tunin cufa irra hamtu!
19
Dirii guddaan fulaa sadiitti gargarii dayya'ee, dira lafa cufa keessa jiru balleesan. Waaqii dira Baabilon guddaa qaabatee, daadhii muduunuu ufi ta dallansu isaa akka isiin dhuddu tolche.
20
Laftii jidduu bisaanii keessa jirtu baddee, gaarreen cufa lafaa dhaban.
21
Dhakaan bokkahii roobuun ka tokko tokkoon haga kiilo giraamii shantamaa ulfaatu Waaqaa gubbaa nama irra bubbu'e; waan dhaanichii dhakaa sun guddoo gargalchiisaa ta'eef, sun irraa ka'ee namii cuftii Waaqaa abaare.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22