bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 9
Revelation 9
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 10 →
1
Jennaan ergamaan shaneessoo magalata ufi dha'e. Anin hurjii Waaqaa gubbaa lafa buute tokko arge; hurjiillee furaa boolla gad qilee ta lafa jalaa itti kennan.
2
Hurjiin taan boolla gad qilee ta lafa jalaa taan bantee, aarii akka aara boolla ibidda guddaa keessaa yaa'e. Mar. roo aara sunitiif aduu fi laftiilleen dukkanoofte.
3
Awwaannisii aara kaan keessaa lafatti baafatee, jabeenna akka qaanjibbuu kennaniif.
4
Awwannisaan, “Buuyyoo, mukaa fi waan dottaataa tokkollee hintuqiinaa, ammoo nama beessisa Waaqaa adda irraa hinqamne miidhaa” jedhaniin.
5
Awwaannisaan, “Nama hinijjeesiinaa, ammoo haga jiha shanii cufa nama gaargalchaa” jedhaniin. Awwaannisii kaan akkuma qaanjibuun yo nama ciniintu nama dhukkubsitu nama dhukkubsa.
6
Jiha shanaan sun jarii sunin du'a barbaada, ammoo hinargatan; du'uu fedhanii, ammoo dooti warra baqatti.
7
Awwaannisii akka fardoo lolaa kurfeeffattee jira; mataa irraa waan akka surree hayyummaa ta warqii qaba. Fuulii isaa akka fuula namaa jira.
8
Rifeensii isaa akka rifeensa nadheenii jira, ilkaan isaa akka ilkaan nyeencaa jiran.
9
Qomtii isaa waan akka wantee sibiilaa qabdi, iyyantii koola isaa akka girreessa gaari sibiilaa ka fardoon harkiftuu fi akka kottee fardoo lolaa oriituu jirti.
10
Innii eegee akka qaanjibbuu ta namaan ciniinu qaba, innii eege tana keessaa jabeenna haga jiha shanii cufa namaan gaargalchan qaba.
11
Hayyuu warra moohatu qaban; innii ergamaa boolla gad qilee sun qorqoratu. Maqaan isaa afaan Yihudiitiin “Abadoon” afaan Giriikiitiin “Apholiyon” akkas jechuun, “ka wa gad dha'u” jechuu.
12
Gaargalii qaraa ya hobba'e; eegii waan kanaa gaargala lama dhibiitti hafe.
13
Jennaan ergamaan jaheessoo magalata ufii dha'e. Anin qoonqoo tokko dhagaye; isiin fulaa qotaa afran waan sooriyyoo irratti qalan ta warqii ta Waaqaa dura ejituutii dhufte.
14
Qoonqoon taan ergamaa jaheessoo ka magalata harkaa qabuun, “Ergamtoota afraan fulaa galaana Efraaxiisiitti hidhan gad lakkis!” jette.
15
Duuba ergamtootii afraan taan akka warrii nama lafaa harka sadii keessaa harka tokko ijjeessuuf, gad lakkisan. Yo kanaa, guyyaa kanaa, jiha kanaa fi ganna kanaa warra kurfeessan.
16
Henna nama duulaa ka fardaan yaa'u natti himnaan; milliyoon dhibba lamaati.
17
Oobju keessa anin fardoollee fi nama isii irra tataa'u arge: warrii wante sibiilaa ta akka barbada ibiddaa diimatuu, ta akka dooqa bulee, ammallee ta akka hadhoo qomaa qaba. Mat. aan fardoolee akka mataa nyeencaa jira, afaan fardoo keessaa ibiddaa, aaraa fi dhakaa boba'aa baqee lola'utti yaa'a.
18
Nama lafa tanaa harka sadi keessaa harki tokkoo balaa sadeen afaan fardoolee keessaa yaatu; ibidda, aaraa fi dhakaa boba'aa baqee lola'utti obbaase.
19
Jabeennii fardoolee afaanii fi eegee isii keessa jira. Eegeen isii akka bofaa jirti, mataa qabdi, eegee tanaan nama lafaa miiti.
20
Namii lafaatti hafe ka balaan tunin hinijjeesin kaan, waan hamtu ojjatan kaan irraa deebi'ani araara hingalle, jinnii fi waan harkaan bocan ka warqii, qarshii, saldaqaa, dhakaa fi mukhaan midhaasan, ka danda'ee lafa hingarre, ka homaa hindhageenne, ka danda'ee hindeemne, kadhachu hinlakkimne.
21
Ijjeechaa, falfalaa tolchaan, sharmuxoomaa fi hanna tokkolle irraa hindeebine.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22