bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 22
Revelation 22
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
1
Jennaan ergamaan galaana bisaan jireennaa ka guddoo bibiliqu, ka fulaa barcumaa guddinna Waaqaatii fi elemoo hoolaatii ba'u na garsiise.
2
Galaanii jidduu karaa diraa keessa yaa'a. Moggaa galaanaa lachuu muka jireenna namaa kennu tokkootti ejja; mukii kun waan ganna tokko keessaatti marroo kudhanii lamaa midhaan baasuuf, jiha jihaan midhaan irraa argatan; baalii isaa qorsa nama gosa lafaa cufa.
3
Wantii Waaqii abaare tokkolleen dira sun keessatti hinargamtu. Barcumaan Waaqatii fi ka elemoo hoolaa dira keessa jira, hojjatuun isaa isa wayyoomsit.
4
Warrii fuula isaa arga, ammallee maqaa isaa adda isaanii gubbaatti barreessan.
5
Halkan deebi'aanii hinargaman; waan Aabboo Waaqii ibsee warraa ta'uuf, ifa ibseetii fi aduu hinfedhan; duuba akka hayyootaa haga jiruu jireennaa lafa fidan.
6
Jennaan ergamaan, “Dubbiin tun ta dhugaa, ta dhugeeffachuu malan. Aabboo Waaqii, ka hafuura ufi raagootaa ufiitii keennu, waan dhi'oottuu tahaa hojjatoota ufii garsiisuuf ergamaa ufii erge” naan jedhe.
7
Yesusilleen, “Caqasi! Anin dhi'oottuu dhufaa. Namii dubbii himanaa ta kitaaba kanaa keessa jirtu guutuu akkam hagammaduu” jedhe.
8
Anin, Yoh. aannis, ya waan kana cufa argee dhagaye. Anin eegii waan kana cufa argee dhagaye, miila ergamaa waan kana cufa naa garsiisee irratti sagaduuf jigee.
9
Innii ammoo, “Lakkii! Anin akkuma keetii fi akkuma obboleeyyan tantee ta raagootaatii fi akkuma nama dubbii kitaaba kana keessa jirtu guutuu cufa hojjataa, Waaqaa sagadi” naan jedhe.
10
Ammallee innii, “Waan yohii wantii kun cuftii taatuu dhi'aateef, dubbii himanaa ta kitaaba kana keessa jirtu hindhossin.
11
Nami jallaan ha waan jalluu tolchuutii, battichilleen ha waan battii tolchuutii; nami qajeelaan waan qajeeltuu tolchuutii, nami qulqulloon ha waan qulqulloo tolchuutii” jedhe.
12
Yesus, “Caqaaqasi! Anin dhi'oottuu dhufaa! Nama cufa waan innii hojjatee gula galata kennaaf.
13
Anin Alfaa fi Omeeggaa, ka duraatii fi ka duubaat, ka qaraatii fi ka eegee” jedhe.
14
Warrii wayaa ufii miicatee ka badhaadhe! Akkasiin midhaan mukii jireenna namaa kennuu irraa nyaatani, fuloo suniin dira olseenan.
15
Moggaa diraa ammoo, warra hamamaa, falfalaa, warri rifano dhibi barbaadu ka nama ijjeesu, ka waan harkaan bocan kadhatu, nama dubbii fi hujiin kiyyi buutti jira.
16
“Anin Yesus, akka waan kana gumii tiyyaatti himu ya ergamaa kiyya isanitti erge. Anin hiddaa fi dhaloota Daawit; anin bakkalcha bari ibsu.”
17
Hafuuraa fi intaltii fuudhaa, “Kootti” jedhan. Namii waan kana dhagaye cuftii ha “Kootti” jedhuutii! Namii dheebu qabu cuftii ha dhufuutii! Namii fedhu bisaan jireennaa tolaan ha dhuguutii.
18
Anin Yoh. aannis, nama dubbii himanaa ta kitaaba kana keessa jirtu dhagaye cufa jabeesse gorsa! Yo namii dubbii tanatti waan dhibii dare, Waaqii balaa kitaaba kana keessatti barreessan nama sunitti dara.
19
Yo namii waan kitaaba kana keessatti himan tokkollee keessaa hanqisee, Waaqii qooda midhaan mukaa jireennaatii fi qooda isaa ka dira qulqulloo ka kitaaba kana keessatti barreessaniillee isa duraa hanqisa.
20
Namii waan kana cufaa dhugeessuu, “Dhugumaa, anin dhi'oottuu dhufa” jedha. Ee'e jenne! Aabboo Yesus kootti.
21
Eebbitii Aabboo Yesus ha nama cufaa taatuu!
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22