bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 18
Revelation 18
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
1
Eegii waan kanaa anin ergamaa tokko ka jabeenna guddaa fudhatee Waaqaa gubbaa gad bu'uu jiru arge; laftii cuftii midhaaguma isaatiin ibsite.
2
Innii qoonqoo guddoon lalabee, “Isiin ya jidde! Baabilon guddoon ya jidde! Isiin yaayyuu teessoo Sheexanaatii fi ta jinnii hamtuu taate. Simphirreen hamtuun jibban cuftii isii keessatti galti.
3
Isiin daadhii ufii gosa cufa obaafte, daadhii jabduu ta dharraan isii hamtuu. Hayyootii lafaa isii waliin raftee, daldaltuun lafaa dharraa isii hamtuun duroomte” jedhe.
4
Jennaan anin qoonqoo dhibii Waaqaa gubbaa: “Gumii tiyya isii biraa kootta! Cubbuu isii keessaa hinseeninaa, gaargala isii hinqoodatinaa!
5
Wantii akkanaatiif tuulaan cubbuu isii ya gubbaa ga'e. Waaqii karaa isii hamaa inqaabata.
6
Akkuma isiin isan tolchite isaniilleen isii tolchaa, marroo lama waan isiin baafte baasaaf. Farsoo isiin isan obaafte ta marroo lama irra jabduu buduunuu isitti naqaa.
7
Akkuma isiin guddinnaa fi gammada ufii kennite isaniilleen gaargalaa fi laaleffachaa kennaaf. Isiin ufiin: ‘Anin akka hayyitii taha! Anin niitii dhiirsii irraa du'eeniti; anin laaleffadhee hinboohu’ la jette.
8
Mar. roo waan kanaatiif gaargalii isii cuftii, ka akka dhukkubaa, laaleffachaa fi beeltiilleen guyyaa tokko isii dha'a; ibiddiilleen isii guba. Wantii akkanaatiif Aabboo Waaqii ka isitti muru guddoo jabaa” jettu dhagaye.
9
Hayyootii lafa tanaa isii waliin rafte, hameenna tolchite, aara gubachaa ka isii keessa yaa'u argite bootti.
10
Warrii marroo gaargala isii sodaatuuf fagoo ejaajjeetti, “Waan Cubbuutti! Waan hamtuu! Dira Baabilon guddaan kana! Saatuma tokko keessatti ya sitti murani” jedha.
11
Naggaadeen lafaa waan armaa achi namii miha isaani irraa bitu hinjirreef, isiin laaleffattee bootte.
12
Miha warqii, qarsii, dhakaa dadansaa, dooqaa, wayaa marduufaa, wayaa didiimtuu, wayaa midhaadduu, siida; mukaa dadansaa urgaa'u, miha gosa cufaa, miha ilka arbaa irraa hojjatan, miha mukaa gatii guddoo irraa hojjatan, saldaqaa, ka sibiilaa fi ka cabbii midhaasaniin;
13
ammallee fixoo, qundhii, hixaana, qumbii fi qayya; daadhii fi dhadhaa, dargaayyee daakhanii fi midhaan dargaayyee, loonii-re'ee, fardoo, gaarii, tisseelee fi lubbuu namaatuu namii warraa irraa bituu hinjiru.
14
Naggaadeen isiin: “Wantii dansaan atin argachuu feete kaan cuftii ya badde, duroomaa fi shoobii kankee cuftii yaayyuu badee, itti deebitee hingartu” jette.
15
Naggaadeen dira sun keessatti duroomte waan gaargalaa isaa sodaattuuf fagoo irraa ejaajjiteetti iyyitee boottee.
16
“Waan cubbuu! Gaargala dira guddaati! Durii wayaa marduufaa, diimtu fi shiida uyyifatte, faaya warqii, faaya cucculuqaa dooqaa naqatte.
17
Amma saa'atii tokko keessatti ya durooma ufii cufa dhabde!” Jetti. Warrii gugurdaan hoboloo ajaju, warrii hoboloo yaabbaatu, ka hoboloo keessa hojjatuu fi ka galaana keessaa liqimsaa argatuulleen cuftii fagoo irraa ejaajja.
18
Aara gubachaa isii arginaan iyyanii boohanii, “Dirii akka dira guddaa kanaa tokkolleen lafa wa jiraa?” jedhan.
19
Awwaara mataa gubbatti guurratanii, iyyanii boohanii, “Waan cubbuutii! Gaargala dira guddaatti! Warrii hoboloo bisaan irraan yaatu qabu cuftii isa keessatti duroome. Ammoo saahatuma tokko keessatti ya waan cufa dhabe” jedhaniin.
20
Qoonqoon tokko ammoo, “Ee gubbaa badii isiitti gammad! Isan warrii Waaqaa qulqulloo taatan, ergamtootaa fi raagoota, Waaqii waan dirii kun isan tolche ya itti isanii muree Gammadaa” jette.
21
Jennaan ergamaan guddaan tokko dhakaa guddaa haga dhakaa daakuu fuudhee, galaana keessa buusee, “Dira guddaa Baabilon akkanuma fuudhanii galaanaa keessa buusan, akka namii deebi'ee hingarre!
22
Qoonqoon warraa kiraara dhahee sirbuu, ka fuulidoo, dha'uu fi ka magalata afuufuu itti deebi'aanii si keessatti hindhagayani! Ogeeyyi tokkollee deebi'anii si keessatti hinargan; qoonqoo dhakaa daakuu itti deebi'aanii si keessatti hindhagayan! jette.
23
Ibsee deebi'anii si keessatti hinargan; qoonqoo intala fuudhatii fi gurbaa fuudhaa deebi'anii si keessaatti hindhagayan. Naggaadeen tantee durii naggaadee lafa cufaa irra jirti, hammaattee atin falfala dharaatiin nama lafa cufaa sobdee” jedhan.
24
“Wantii Baabilon gaargalchaniif, waan dhiiga nama lafa keessaatti ijjeessani, dhiiga raagootaatii fi warra Waaqaa cufa isi keessaatti arganiif” jedhaniin.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22