bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 21
Revelation 21
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 22 →
1
Jennaan anin gubba oli haaraa fi lafa haareettii arge; lafa qaraatii fi gubbaan oli ta qaraa la dabarte, galaanilleen armaa achi hinjiru.
2
Ammallee anin dira Qulqulloo, Yerusaalem haareettii, ta gara Waaqaa gubbaa akka intala fuudhaa ta wayaa midhaadduu naqattee kurfeeffattee dhiirsa eedduu gad buutu arge;
3
Anin qoonqoo guddoo tokko ta gubbaa dubbatte dhaga'e; isiin, “Amma manii Waaqaa nama waliin jira! Innii warra waliin taa'a, warriilleen gumii isaa taha. Waaqiilleen warra waliin taa'a, inniilleen Waaqaa warraa taha.
4
Innii imimmaan cufa ila warraa irraa haaqa. Wantii durii ya dabartee du'aa, laleeffachaa, boo'aa fi dhukkubsachaan itti deebitee hinjirtu” jette.
5
Jennaan namii barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u ammoo, “Amma anin waan cufa haaraa tolcha!” jedhe; Ammallee deebi'ee, “Dubbiin tun dhugaa fi ta dhugeeffatamu dandeetu waan taateef barreessi” naan jedhe.
6
Wantii cuftii la hobbaatte! Anin Alfaa fi Omeeggaa, anin ka qaratii fi ka eegeeti. Nama dheebu qabu cufa maddoo jireennaa keessaa tolaan bisaan obaasa.
7
Namii dabsatu waan kana narraa argata: Anin Waaqaa isaa taha, innii ilma kiyya taha.
8
Ammoo warri daafanaa, warri dhugeeffacha hinqamne, warri battichi, nami nama ijjeesuu, warri rifanoo dhibii barbaadu, ka murma baafatu, ka waan harkaan bocan guddisu, ka nama sobu cufaa, fulaan warraa galaana ibiddaa, ka dhakaa bobaa'e baqee lola'uu ka du'a lammeessoo.
9
Ergamtoota torbaan, ta qorii torba ta balaa torba qabdu keessaa tokko, gara kiyya dhufee, “Koottii, anin intala fuudhaa, niitii elemoo hoolaa sii garsiisaa” jedhe.
10
Hafuurii gara fiixee gaara dheeraa tokkoo na fuudhee, dira Qulqulloo, Yerusaalem, ka gubba, fulaa Waaqaati gad dhuftu,
11
dira guddinna Waaqatiin bibilliqu na garsiise. Dirii akka dhakaa gatiin guddoo, akka duloo cululuqee dooqa culkitti fakkaatu na garsiise.
12
Dirii kunin naaboo dhakaan jaaran dheertuu qaba, ta fuloo kudhanii lamaa qabdu, ammallee ergamtootii kudhanii lamaa fuloo sun keessa ejaajjitee tissit. Fuloo sun gubbaatti maqaa gosa Israa'eli kudhanii lamaan barreessan.
13
Moggaan cuftii fuloo sadii qabdi, sadii moggaa mirgaati, sadii bitaa, sadii ila galchuu, sadii ila boruu.
14
Naaboo dhakaa ta dira yayyaba kudhanii lamaa ka dhakaayyee irraatti jaaran, dhakaa sun gubbaatti maqaa ergamtoota elemoo hoolaa kudhanii lamaanii barreessan.
15
Ergamaan naan dubbate ulee warqii ta dheerinna diraa, fuloo fi naaboo diraatiin laakka'an harkaa qaba.
16
Moggaan diraa cuftii, dheerinnaa fi ballinnalleen walqixxee. Ergamaan ulee ufitiin dira laakka'ee, kiloo metrii kuma lamaa fi dhibba afuri ta'e, oldheerinnaa fi ballinniilleen hagasuma.
17
Ergamaan akka laakkomsa dhundhuma namaa gula naaboo laakka'ee, oldheerinni dhundhuma dhibba tokkootii fi afurtamii afurii taate.
18
Naaboo sun dhakaa culkichaan jaaran, dira ammoo warqii qulqulloo akka daawwitii bibillixxun jaaran.
19
Yayyaba naaboo diraa dhakaa gati guddoo ka bifa gosa akka akkaatiin cokan dhakaan qaraa culkicha, ka lammeessoo duloo dooqaa, ka sadeessoo haama, ka afreessoo dotii.
20
Ka shaneessoo bulee, ka jaheessoo diimaa fakkaata, ka torbeessoo daalachaa, ka saddeeteessoo dotii fakkaata, ka sagaleessoo barricha, ka kudhanneessoo haama fakkaata, ka kudhanii tokkeessoo bulee hadhicha, ka kudhanii lammeessoo hadhoo fakkaata.
21
Fuloon kudhanii lamaan dooqa kudhanii lamaati, fuloo cufa dooqa tokkoon midhaassan karaan diraa warqii qulqulloo akka daawwitii ifa dabarsituun jaaran.
22
Anin Mana Waaqaa dira sun keessatti hingarre, Manii Waaqaa sun Aabboo Waaqaa Guddaa fi elemoo hoolaa.
23
Dirii waan guddinnii Waaqaa itti ibsee, Ilmeen Hoolaalleen ibsee isaa taatuuf ibsee adutii fi ta jihaa hinfedhu.
24
Namii cufa ibsee isaa keessa yaa'a, hayyootii lafa cufaa durooma ufii dira sunitiin dhufti.
25
Fuloon diraa, marroo halkan hinjireef yoma tokkollee hincufan guyyaa cufa baniisa qabdi.
26
Guddinnaa fi duroomaan hayyoota cufaa gara dira kanaatiin dhufan.
27
Ammoo wanni hamtuu ta'e, yokaan namii waan battii tolchuu fi ka dhara dubbatuulleen tokkolleen keessa hinseenu. Warra maqaa isaanii kitaaba jireennaa ka elemoo hoolaa keessaatti barreessan callaatti seena.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22