bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 12
Revelation 12
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 13 →
1
Akeekii jabaan gubbaa bahe. Niitii tokko ta aduu uyifattee, jiha miila ufi jala qabdutti jira, mataan isii surree hayyummaa ta hurjii kudhanii lamaa qaba.
2
Isiin ulfa qabdi; ciniinsuu da'aatiin rakkattee teettee bootte.
3
Akeekii dhibiilleen gubbaa bahe. Jawwee diimtuu guddoo tokko, ta mataa torbaa fi gaafa kudhan qabdu jira, ammallee mataa cufa gubbaa surree qabdi.
4
Eegee ufitiin hurjii Waaqaa irraa harka sadii keessaa harka tokko guurrattee lafatti jissite. Jawween taan akka yo niitiin deete da'iima kaan nyaattu niitii diqquma hindayiin taan dura ejjite.
5
Jennaan niitiin taan ilma gosa cufa ulee sibiilaatiin moohatuu deette; daa'imii kaan ammoo duraa butaniitti, fulaa barcumaa guddinna Waaqaa geessan.
6
Niitiin gara lafa gammoojjii baqattee, achiitti fulaa Waaqii akka isii guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaa itti qorqortan midhaaseef qabdi.
7
Jennaan lolii Waaqaa gubbaatti ka'e! Mikhaa'el ergamtoota isaa waliin jawwee taaniin walhadhe, jawweelleen ergamtoota ufitiin waliin haate.
8
Ammoo jawwee dabsatanii, isii fi ergamtoota isiillee Waaqaa gubbaa taa'u dhowwan.
9
Jawwee guddoo taan gara lafa gad gatan! Isiin sun bofa durii kaan, ka Sheexana yokaan Jinnii jedhaniin, ka lafa cufaa sobe. Isaa fi ergamtoota isaa cufa lafaatti gatan.
10
Jennaan anin qoonqoo guddoo: “Amma baafamii Waaqaa yaayyuu dhufe! Waaqii ya irree ufii akka hayyuu garsiise! Kiristoon isa ya jabeenna ufii garsiise! Wanti akkanatiif nama obboleeyyaan teenna himatu, ka halkanii guyyaa Waaqaa dura ejjee warraa himatu, la gubbaa gad gatan.
11
Obboleeyyan teenna dhiiga Elemoo hoolatii fi dhugaa warrii odeesuun isa dabsatti; warrii akka jireenna ufii baasee dhumu kurfoo jira.
12
Tanaaf, Waaqaa gubbaa fi warrii achi taa'uulleen gammada. Ammoo lafaa fi galaanati gaargala! Wantii akkanatiif Sheexanii ya sitti dhufe, ya dallane, innii akka yo'ii isaa hobba'uu gahe inbeeka” jettu dhagaye.
13
Jawween taan akka gubbaa gad darbatan arginaan, niitii ilma deette taan gussite.
14
Niitii taan koola risaa gugurdaa lama kennaniif akka isiin lafa gammoojjiittii baqattee ganna sadii fi wadhakaa achi teetee achiitti qorqoratan, akka ammllee isiin hadhiisa bofaa sun duraa baatu.
15
Jennaan jawween bisaan akka galaanaa afaan ufii keessaa yaaftee, akka lolaan fudhatu niitii taan gussite.
16
Laftii ammmoo niitii qarqaartee, afaan bantee, bisaan afaan jawwee keessaa yaa'e kaan cufa gad liqimsite.
17
Jennaan jawween niitii taanti aartee, sanyii isii, warra seera Waaqaa gula deemuu fi ka dhugaa Yesus mullise dhugeeffatu cufa hadhuu dhaxxe.
18
Jawween taan maanssa afaan galaana irra ejjite.
← Chapter 11
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 13 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22