bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 13
Revelation 13
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 14 →
1
Jennaan anin bineensa tokko ka galaana keessaa bahuu jiru arge. Gaafa kudhanii fi mataa torba qaba, gaafa cufa irra surree hayyumaatti jira, mataa cufa irratti maqaa hamamaa barreessan.
2
Bineensii sun akka qeeramsaa jira, miilii isaa akka miila goorjamaa jira, afaan isaa akka afaan nyeencaa jiran. Jawween taan jabeenna, guddinnaa fi humna ufii cufa bineensa sunii kennite.
3
Mat. aan bineensa sunii tokko madaa guddoo hamtuu qaba, madaan taan ammoo la fayyite. Laftii cuftii mamtee, bineensa kaan gula yaate.
4
Namii cuftii jawwee guddisee, waan innii jabeenna ufii cufa bineensa kaanii kenneef. Bineensallee guddisan sagadaanii, “Eentu akka bineensa kanaa jira? Eentu danda'ee isa hadha?”
5
Bineensa kanaa akka inni abaarsa hamaa dubbatu jabeenna kennan, ammallee jabeenna jiha afurtamii lamaa kennaniif.
6
Innii Waaqaa, maqaa Waaqaa, fulaa innii taa'uu fi warra gubbaa oli taa'uullee inabaare.
7
Akka innii jara Waaqaa hadhee dabsatu, “Ee'ee” jedhan, ammallee jabeenna innii gosa, afaanii fi lafa cufaan dabsatu kennaniif.
8
Namii lafa jiru cuftii isa guddisa, akkas jechuun, nama maqaa isaa, adoo laftii hinuumamiin, kitaaba jireennaa ka elemoo hoolaa ka ijjeessanii keessatti hinbarreessin cufa jechuu.
9
Yo gurra dhageettaniin qabaattan, caqasaa!
10
Nama booji'uu fedhan inbooji'an; nama goraadeen ijjeessuu fedhan inijjeessan. Warrii Waaqaa obsaa fi dhugeeffachaa qabaachuu male.
11
Jennaan anin bineensa dhibii ka lafa keessaa bahe arge. Innii gaafa lama ka akka gaafa hoola jiru qaba, ammallee akka jawwee dubbata.
12
Ammallee jabeenna bineensii qaraa qabu cufa fuula isaa duratti garsiise. Innii lafaa fi waan isii keessa jiraa cufa bineensa qaraa kadhachiise, ka madaan hamtuun taan fayyite.
13
Bineensii lammeeessoo kunin waan mamaa hedduu tolche; ibiddaayyuu Waaqaa keessaa fuula namaa cufaa duratti lafaatti gad buusa.
14
Nama lafa cufa keessa taa'u, waan mamaa ka innii fuula bineensa qaraa duratti tolcheen sossobe. Bineensii kaan nama lafa cufaatiin, akeeka bineensa gooraadeen waraanan ammoo hindu'in kaan fakkaatu guddisa midhaassa, jedhe.
15
Ammallee bineensa lammeessoo kaan akka inni akeeka bineensa qaraa kaan hafuura jireennaa itti guuru, akka akeeki kaan dubbatuu fi akka nama isa hinguddimne cufa ijjeesu, “Ee'e” jedhan.
16
Bineensii kaan nama cufa, diqqaa fi guddaallee, dureessaa fi hiyyeesaallee, tissee fi balchaallee, beessisa harka mirgichaa yokaan adda gubbaa keeyyachiise.
17
Yo akeeka kana qabaate malee namii tokkolleen dandaa'ee homaa hingurguru yokaan hinbitatu, akeekii sun maqaa bineensaa yokaan akeeka henna maqaa isaati.
18
Wantii kunin qarooma feeti. Namii qalbii qabu cuftii waan henna sun ha hubatuu, hennii sun maqaa namaati. Hennii isii dhibba jahaa fi jaatamii jaha (666).
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22