bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 14
Revelation 14
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 15 →
1
Jennaan anin millannaan elemoo hoolaa ka gaara Xiyoon jedhan gubbaa ejjitu arge. Isa waliin nama kuma dhibba tokkotii fi afurtamii afuriti jira, ka maqaa isaatii fi maqaa Abbaa isaa adda irraa qabu.
2
Jennaan anin qoonqoo guddoo mandiisu fakkaatu ta akka bisaan gooddoo irraa oomachaan gadi yaa'ati dhagaye. Qoonqoon anin dhagaye akka qoonqoo kiraaraa jirti.
3
Warri sun barcumaa guddinnaatti, waan lubbuu qabaa afraanii fi jaarrolleetti fuula deefatee sirba haaraa warra malee namii tokkolleen danda'ee hinsirbine sirbe. Namii lafa keessa jiru ka baasan warruma callaa.
4
Warrii sun nama nadheeniin ufi hinxureesin, ka takka nadheen hinfuudhin. Fulaa elemoon hoolaa deemu cufa gula yaan; ya nama lafa cufa keessaa warra baasan, ammallee warrii sun warra angafaa ka Waaqaa fi elemoo hoolaatii baasan.
5
Warrii takka hinkiyyimne, wallaala hinqabu.
6
Jennaan anin ergamaa dhibii, ka oduu dansaa ta haga jiruu jirennaa jirtu nama lafa cufaatti, gosa cufaatti, afaan dubbatan cufaan nama cufaatti himuuf ka gubbaa barrisu arge.
7
Innii qoonqoo guddoon, “Gaafii murtii isaa la gahee, Waaqaa sodaadhaa, guddisaa! Waaqa; lafa, gubbaa, galaanaa fi maddoo bisaanii cufa uumee gad jedhaa” jedhe.
8
Ergamaan lammeessoo qoonqoo guddoon “Dirii Baabilon guddaan daadhii ufii hamtuu dharraa sharmuxoomaa gosa cufa obaaftee macheesitee ya jidde, ya jidde” jechaa ka qaraa kaan gula deemee.
9
Ergamaan sadeessoo dhibiilleen, warraa gula deemee, qoonqoo guddoon, “Namii tokkolleen yo bineensaa fi akeeka isaa ka bocan ammallee akeeka addaa yokaan harka ufii irraa fudhatee guddise,
10
innii daadhii dallansuu Waaqaa, ta adoo hinlaaffisin muduunuu dallansuu isatti naqan dhuga. Ammallee ibiddaa fi dhakaa boba'aa baqee lola'uun fuula ergamtoota qulqullootii fi elemoo hoolaa duratti isa gaargalchan.
11
Nama bineensaa fi akeeka isaa kadhatu, ka beessisa maqaa isaa argate ufirraa qabulleen alkaan fi guyyaa boqota hinargatu. Aarii ibiddaa ka warra gaargalchuu haga jiru jireennaa oli deema.”
12
Jara qulqulloo seera Waaqaa guutee dhugeeffachaa Yesus jabeessu, obsi isaani arma irra.
13
Jennaan anin qoonqoo gubbaa, “Waan kana barreessi, namii armaa achi adoo Aabboo hojjachuu jiruu du'e ka badhaadhe” jettu dhagaye. Hafuurii qulqulloolleen, “Dhuguma akkas; warrii sun waan hujiin warraa warra gula deemtuuf, hujii jabduu irraa boqota” jedha.
14
Anin miillannaan, duumansa adii tokkoo, ka namii ilma namaa fakkaatu ka surree warqii mataa qabu, ka ammallee haamtuu qara qabdu harkaa qabu, irra taa'uu arge.
15
Ergamaan dhibiin Mana Waaqaa keessaa bahee, nama dumansa gubbaa taa'u qoonqoo guddoon yaamee, “Midhaan ya bilchaatanii fulaa dabranii, yohii haamanilleen ya gahee, haamtuu tantee fudhadhuu haami” jedheen.
16
Jennaan namii dumansa gubbaa taa'u kaan haamtuu ufii fudhatee haamee, akkanaan midhaan lafaa haaman.
17
Jennaan ergamaan dhibiin Mana Waaqaa ka gubbaa keessaa bahe; inniilleen haamtuu qara qabdu harkaa qaba.
18
Ergamaan dhibiin ka ibidda qorqoraatu fulaa waan sooriyoo irratti qalaniittii dhufee, qoonqoo guddoon ergamaa haamtu harkaa qabu yaamee, “Midhaan wayinii waan bilchataniif haamtuu tantee lafa keeyyadhuu, walti qabii lafaa guuri” jedhe.
19
Tanaaf ergamaan haamtuu ufii fudhatee, midhaan zabiibuu kutee, fulaa dalaansu Waaqaa garsiiftu ta midhaan Waynii itti caccarassan keessa buuse.
20
Fulaan wayini itti caccarasan sun moggaa dira jirti. Achitti irra sirban; dhiigii fulaa caccarassan sun keessaa yaa'e, haga luugama fardaa bira gahuutti olka'e; haga kiiloo metirii dhibba sadii lafa irra lola'e.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22