bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 17
Revelation 17
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 18 →
1
Jennaan ergamtoota torbaan, qorii torbaan harkaa qabdu keessaa tokko gara kiyya dhufee, “Kootti akka shaarmuxittii guddoo gaargalchan si garsiisaa, isiin dira guddaa kana, ka afaan galaanaa hedduutti jaaran” naan jedhe.
2
Hayyootii lafaa shaarmuxittii tana waliin rafte, namii lafa cufaa la farsoo hammeennaa isii taan dhugee machaa'e.
3
Hafuurii ol na fuudhee, ergamaan lafa gammoojjiitti na geesse. Achiitti anin niitii tokko ta bineensa diimaa maqaa hamaamaa irratti barreessan gubbaa teettu arge; bineensii sun mataa torbaa fi gaafa kudhan qaba.
4
Niitiin wayaa diimtuu fi daalattii uyyifatteetti, miha warqii, dhakaa mimidhaagaa fi dooqa naqattee, buduunuu warqii ta waan nama jibbisiisa qabduu fi ta batti shaarmuxxummaa isii qabdu harkaa qabdi.
5
Adda isii gubbaa maqaa dhoossa ka, “Baabiloon guddoo, haadha shaarmuxootaatii fi battumma lafa keessa jirtu cufaa” jedhu irratti barreessan.
6
Anin akka niitiin dhiiga warra Waaqaatii fi ka warra Yesusiitti dhugeeffatee fixaaniin machoofte arge. Isii arginaan anin guddoo maadefadhe.
7
Ergamaan naan, “Maaf maadeffatte? Anin waan dhossaa ka niititii fi waan bineensa isii baatuu, ka mataa torbaa fi gaafa kudhan qabuu sitti hima.
8
Bineensii atin argite sun durii injira, amma ammoo hinjiru; armaan duuba boolla lafa jalaa keessaa ba'ee gara badi ufi deema. Namii lafa keessa jiru, ka maqaa warraa gaafa lafti uumamtee jalaqabee, kitaaba jireennaa keessatti inbarreesin, yo bineensa sun laalan inmaadeffatan. Wantii akkanatiif innii durii injira amma ammoo hinjiru, hegerii inmullata.”
9
“Wantii kunin qalbii fi hubachaa feeti. Mat. aan torbaan gaarreen torbaan niitiin gubbaa teettu. Ammallee mataan sun hayyoota torba;
10
shan yaayyuu hayyummaa dhabde, tokko ammallee moohuu jira, tokko hindhumne; yo dhufe diqqoo tokko callaa taa'uu male.
11
Bineensii durii jiru ka amma hinjirre, hayyuu saddeetessooti ka warruma torbaan kaan keessa jiru, inni ka'ee gara badii deema.”
12
“Gaafii kudhanan atin agarte ammoo, hayyoota kudhan ta ammallee hinmoohatin, ta ammoo jabeenna moohatuun bineensa waliin haga saatii tokko itti kennan.
13
Warrii kunin cuftii akka humnaa fi jabeenna ufii cufa bineensa sunii kennu herega takkaa qaba.
14
Warrii elemoo hoolaa inhadha ammoo elemoo hoolaatii fi jarii dhugaa ka isaa gula yaa'u, ka inni foohattee yaame, waan innni guddaa abbootii cufatii fi hayyuu hayyoota cufaa ta'eef warra dabsata.”
15
Eergamaan ammallee naan, “Bisaan atin garte, ka niitiin gubbaa teettu gosa gumii, lafaa fi afaan heddu.
16
Gaafa kudhannaan atin gartee fi bineensiilleen sharmuxittii taan injiba; warrii waan isiin qabdu cufa fudhateetti qullaa isii lakkisa; warrii foon isii nyaateetti ibidaalleen isii guba.
17
Waaqatti akka fedhii innii fedhu tolchan yaada kana garaa warraa keessa kaaye, akka warrii waan takkaa tahee, haga dubbiin Waaqaa guutamtuutti jabeenna moohatuun bineensaa kennu.”
18
“Niitiin atin garte sunin dira guddaa hayyootaa lafaa moohatu.”
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22