bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 8
Revelation 8
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 9 →
1
Elemoon hoolaa beessisa torbeessoo bannaan haga wadhakkaa saa'ati wantii cuftii gubbaa caqali jette callifte.
2
Jennaan anin ergamtoota torbaan ta fuula Waaqaa dura ejaajjitu arge; magalata torba warraa kennan.
3
Ergamaan eelee hixaanaa ta warqii harkaa qabu dhufee, fulaa waan sooriyyoo irraatti qalanii ejje. Hixaana hedduu itti kennan, akka innii kadhachaa warra Waaqaatti daree ammallee waan sooriyyoo irratti qalan ta warqii ta barcumaa guddinnaa dura ejjitu dura kaa'u.
4
Aarii hixaana aarsanii kadhachaa warra qulqulloo waliin harka ergamaa sun keessaa gara fuula Waaqaa olka'e.
5
Jennaan ergamaan waan hixaana itti aarsan sun fuudhee, ibidda fulaa waan sooriyoo irratti qalanii sunii guutee lafatti gadi darbate; Mandiisuu fi iyyanti lafaa dhuftee, gubbaan angaatee, lafti chochoote.
6
Jennaan ergamtootii torbaan ta magalata torba harkaa qabdu magalata dha'uuf kuurfeeffatte.
7
Ergamaan qaraa magalata ufii dha'ee. Bokkaa dhakaan roobuu fi ibiddii dhiigaan walitti makhame lafatti jigee, laftiilleen harka saddii keessaa harkii tokko ingubate; mukhiilleen harka sadii keessaa harkii tokko ingubate; marrii dotiilleen cuftii ingubate.
8
Jennaan ergmaan lammeessoo magalata ufii dha'e. Waan guddoo gaara guddaa ibiddii irraa boba'u fakkaatu galaana keessaatti darbate. Bisaan galaanaa harka sadii keessaa harkii tokko dhiiga ta'e.
9
Wanti lubbuu qabaa ka galanaa keessa jiraataalleen harka sadii keessaa harkii tokko inraawwate; hoboloolleen harka sadii keessaa harkii tokko inbadde.
10
Jennaan ergamaan sadeessoo magalata ufii dha'e. Urjiin guddoon, akka ibsee bobeettu gubbaa gadi dhaqatte, bisaan yaa'uu fi maddoollee bisaanii harka sadii keessaa harka tokko irra buute.
11
Maqaan urjii sunii “Hargeessa” jedhan; bisaalleen harka sadii keessaa harkii tokkoo gara hadhaa jijjiiramanii, waan bisaan guddoo hadhaa'aniif namii hedduun bisaan sun dhugeelleen inraawwate.
12
Jennaan ergamaan afreessoo magalata ufi dha'e. Aduun harka sadii keessaa harkii tokko, jihiilleen harka sadii keessaa harkii tokko, hurjiilleen harka sadii keessaa harkii tokko ifii isaniilleen harka sadii keessaa harkii tokko akkuma dukkanaa'eetti dhaame. Duuba akkanaan ifii guyyaa harka sadii keessaa harkii tokko, ifii halkaniilleen akkasuma harka sadii keessaa harkii tokko hinibsine.
13
Anin millannaan risaa fagoo Waaqaa gubbaa barrisu tokko argee, ka qoonqoo guddoon iyyee, “Waan ergamtootii sadeen taan magalata ufii dhooftuuf warra lafa irra jiraatuuf, gaargala! Gaargala! Gaargala guddaa” jedhu dhagaye.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22