bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 19
Revelation 19
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 20 →
1
Eegii waan kanaa anin waan qoonqoo gumii hedduu fakkaataa ta, “ ‘Haalleluuyaa!’ baafamii, guddinnaa fi jabeennii ka Waaqaa keennaati.
2
Murtiin isaa ta dhugaatii fi ta qajeelaati. Innii ya shaarmuxittii guddoo ta hammeenna ufitiin lafa balleessitetti mure. Waaqii ya marroo isiin warra isaa hojjatu fixxeef gaargalche” jettuu Waaqaa gubbaa dhagaye.
3
Ammallee ittuma deebi'anii, “Haalleluuyaa! Aarii dira guddaa gubataa haga jiruu jireennaa oldeema” jechaa iyyan.
4
Jennaan jaarrollee diddamii afuritii fi wantii lubbuu qabaa afran taan Waaqaa barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u duraati lafaati jiddee, “Ee'e jenne Waaqaa galati ha ga'uu!” Jedhan isa guddisan.
5
Jennaan fulaa barcumaa guddinnaati, “Hojjatootii isaa cufti, nami diqqaa fi guddaalleen, namii isa sodaatu cuftii, Waaqaa keenna faarsaa!” Qoonqoon jettu dhuftee.
6
Jennaan anin waan akka qoonqoo nama hedduu, waan akka bisaan guddoo gubbaa gad jigaatiitii fi waan akka mandiisuu qawwee fakkaata ka “Waaqaa faarsaa! Aabboo, Waaqii keenna guddaan, inhayyoomaa!
7
Koottaa hingammannaa, hinqiliixamnaa; guddinna isaa faarsinaa! Fulaan hoolaan dubra fuudhu ya geette, intaltii inni fuudhu ya kurfeeffatte!
8
Ya wayaa midhaaddu angaatu akka keeyattuuf itti kenan. Wayaan midhaadduun angaatu sun hujii qajelumaa ta warra Waaqaa.”
9
Jennaan ergamaan sun, “Waarii gara fuudha elemoo hoolaa yaaman ha gammadu. Atilleen waan kana barreessi!” Ergamaan ammallee itti deebi'ee, “Tunin dubbii dhugaa ta Waaqii dubbate” naan jedhe.
10
Anin isa guddisuuf miila isatti jigee, innii ammoo, “Lakkii akkana tolchuu hinmalle. Anin hojjattuma akka keetitii fi akka obboleeyyaan teeti, warra dhugaa Yesus mullisee jabeessu cufaatii, Waaqaa sagadi!” Naan jedhe. Wantii akkanaatiif dhugaa Yesus mullisetti raagoota dubbachiisa.
11
Jennaan anin gubbaa Waaqaa ta banamtee fi farda adii tokko arge. Nama isa yaabbatu, maqaan isaa, “Ka dhugaatii fi ka dhugeeffatame” jedhan; yo namatti muruu fi yo duuluullee dhugaa callaan hojjata.
12
Iltii isaa akka arraba ibiddaa jirti, surree hayyumaa hedduu mataa irraa qaba, barruu maqaa ta isa malee namii tokkolleen maqaa sun hinbeennetti irra jira.
13
Wayaan innii uyyifate dhiiga qabdi. Maqaan isaa, “Duubbii Waaqaa” jedhan.
14
Duulii waraana Waaqaa ka gubbaa fardoollee adaadii yaabbateetti, wayaa marduufaa adii uyyifate isa gula yaa'a.
15
Afaan isaa keessaa goraadee qara qabdu ta innii gumiin dha'uutti ba'a. Innii ulee sibiilatiin warra fide, fulaa daadhii dallansu Waaqaa Gudda waan cufa danda'uu garsiiftu itti cunfan irra ejjatee cunfa.
16
Wayaa isatii fi gudeeda isaa gubbatti, “Hayyuu hayyootaa, Goofta gooftota cufaa” jedhanitti maqaan isaa barreefame.
17
Armaan duubati ani ergamaa aduu keessa ejju ka simphirree Waaqaa gubbaa barriftu cufaa qoonqoo guddoon, “Gara soora guddo Waaqii qopheessetti koottaa, wal waldaa!
18
Koottaa, foon hayyootaa, ka abbootii duulaa, ka warra warraanaa, ka fardaatii fi ka nama farda yaabbatuu, foon nama cufaa; ka tisseellee, balchaalle, diqqaa fi guddaallee nyaadhaa” jedhee iyyee yaamu arge.
19
Jennaan anin bineensaa, hayyoota lafaatii fi duula warraa, ka namicha farda borora irra taa'uu fi duula isa hadhuuf waltibaate arge.
20
Jennaan duuba bineensa kaanii fi raaga dharaa, ka waan mamaa isa duraatti tolche kaallee waliin qaban. Innii qaraa waan mamaa kanaan warra beessisa bineensaa ufirraa qabuu fi warra fakkeenna bineensa bocanii kadhatullee sobe. Bineensaa fi raaga dharaa kaan, adoo warri lubbuun jiruu, galaana ibiddaa ka dhakaa baqee lola'uu keessa jisanii guban.
21
Duula warraa, goraadee afaan namicha farda borora irra taa'u keessaa baatutti fixee, simphirreen cufti foon warraa nyaattee quufte.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22