bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Revelation 11
Revelation 11
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 12 →
1
Jennaan ulee wayiin biimman natti kennanii, “Ka'ii, Mana Waaqaatii fi waan sooriyyoo irratti qalaaniillee biimmi, nama keessatti kadhatuullee cufa hedi!
2
Ammoo cichaa Mana Waaqaa dhundhuma hindha'in! Isii ya, akka warrii Dira Qulqulloo jiha afurtamii lamaa irra ejaajjatu gosa dhibiitti kennanii.
3
Anin dhugaa tiyya lama erga; isiin wayaa nami nami irraa du'e uyyifatu, uyifatteetti guyyaa kuma tokkoof dhibba lamaa fi jaatamaa dhaamsa Waaqaa himti” jedhe.
4
Dhugaan lamaan sun mukha ejersaa lamaanii fi ibsee lamaan ta fuula gooftaa lafaa dura ejaajjitu.
5
Yo namii tokkolleen warra tuquu fedhuu, ibiddii afaan warraa keessaa baheetti, nyaapha warraa balleessa; akkanaan nama warra tuquu fedhu cufa ijjeessan.
6
Warrii akka haga warrii dhaamsa Waaqaa himu bokka'ii hinbuune jabeenna bokkaan dhowwu qaba. Jabeenna maddoo bisaanii cufa dhiiga tolchaniin qaba; ammallee jabeenna gaargala gosa gosaa yo fedhan cufa lafaan dhufan qaba.
7
Yo warrii dhaamsa ufii hobbaafate, bineensii boolla qilee keessaa gad bahu warra hadheetti, dabsatee fixa.
8
Reeffii warraa fulaa Abbaa warraa itti mukhaatti fannisan karaa diraa guddaa keessa cicisa. Maqaan akeekaa ka dira sunin yaaman, “Sodooma yokaan Gibxi” jedhan.
9
Nama cufa keessaa, gosa cufa keessaa, lafa cufa keessaa, afaan cufa keessaa, warrii dhufe, guyyaa sadii fi wadhakaa reeffa warraa daawwachaa awwaaluu dhowwa.
10
Namii lafa cufaa marroo du'a jara kana lamaaniitiif gammadeetti, jila tolfatee, wa walii erga, waan raagii sun lamaan qara gaargala guddaa lafattiin dhufeef.
11
Eegii guyyaa sadii fi wadhakaa Hafuurii jireennaa gara Waaqaatii dhufee warra seenee olkakkaanii; namii warra arge cuftii guddoo sodaate.
12
Jennaan raagootii lamaan qoonqoo guddoo Waaqaa gubbaa, “Garana olkoottaa warraan” jettu dhageette. Akkuma nyaaphii warraa arguu, ka'aanii duumansa keessa gara Waaqaa olgalan.
13
Yo sun laftii chochootee, harka kudhan keessaa harkii tokkoo ka dira jijjige. Lafatti chochoonaan, namii kuma torbaa raawwate. Namii hafe sodaatee jabeenna Waaqaa ka gubbaa faarse.
14
Gaargalii lammeessoo ya dabre; gaargalii sadeessoo ammoo kunoo dhufuu jira.
15
Jennaan ergamaan torbeessoo magalata ufii dha'ee, qoonqoon guddoon gubbaa dhuftee, “Jabeennii lafaan fidan amma ka Aabboo keennaatii fi ka Kiristoo isaati, innii haga jiruu jireennaa fida” jette.
16
Jennaan jaarroolleen diddamii afurii, ta barcumaa guddinna Waaqaa dura teteettu, fuula duraatti jiddee, lafaatti gogombifamtee Waaqaa sagaddee,
17
“Ee Aabboo Waaqaa ka waan cufaa dandeettu, ka ammaa fi duriillee jirtu! Waan ati jabeenna kankee garsiiftee finna lafaa itti keeyyateef nu galata sii galchinaa!
18
Warrii Waaqaa hinbeenne ya dallane, dallansuun tantee ammoo ya dhufte, fulaan warra du'e itti muraaniilleen ya geette; ammallee fulaan hojjatootii tantee raagotii, nama diqqaa fi guddaallee cufa nama si sodaatu cufaa galata warraa galchaniif ya dhufte. Yo'i nama lafa balleessu balleessan ya gahe!”
19
Mana Waaqaa ka gubbaa jiru bannaan, Sanduuqa Waldhaqiisaa kaan Mana Waaqaa keessatti argan, hangaasuun hangaatee, mandiisuu indhuqqiftee, laftii in chochoote, bokkeenii dhakaan roobe.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22