bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 1
Luke 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 2 →
1
Teefiloosii kabajjamaa'a! waan nu jiddu'utti raawwatamuuf namoonni hedduu seenaa kana haga isaanii danda'ame barreessaniiran.
2
Seenaan kun ka worri ijaan arganii fi worra tajaajilaa dubbii Waaqaa turan.
3
Anillee gara kiyyaan abuurraa maraan uf eegganna'aan haga qoradheen maayessa seenaa akka tartiiba eeggateen sii barreessuun akka waan mishaa ta'e arge.
4
Wonti kana godhuuf wonti baratte dhugaa akka ta'e sirri'itti haa beettu'uuf.
5
Bara Heroodisi mootii biyya Yihuuda'aa ta'eeru, balbala Abiya'aa keessaa gadicha Zakkaariyaas jedhamu tokkotu jira. Haati manaa isaa fiixaa ijoollee Aarooniiti. Maqaan isi'ii Elsaabeex jedhama.
6
Isaan lamaanuu ajaja Goofta'aatii fi seera maraanuu mudaa malee jiraachu'uun Rabbiin afo'otti qajeellota turan.
7
Elsaabeex waan dhabduu taateef finna hin qaban. Isaan lamaanuu guddisanii jaaraniiran.
8
Inni hennaa kochoo isaatitti afoo Rabbiititti yoo tajaajilu;
9
Akka seera gadootaatitti gara mana woyyuu Goofta'aa seenee akka hixaana aarsu hireen isa gaye.
10
Hennaa inni hixaana aarsu baniin martinuu diida dhaabatanii Rabbiin kadhata'aa turan.
11
Maleekkaan Goofta'aa mi'a kennaa hixaanaa itti aarsaniin gara mirgaatiin dhaabatee, Zakkaariyaasitti mudhate.
12
Zakkaariyaas hennaa isa arge rifatee sodaate.
13
Maleekkaan sun akkana jedheen, «Zakkaariyaas! kadhaan kee sii dhagayameeraa hin sodaatin! haati manaa tee Elsaabeex ilma dhiiraa sii deetti; maqaa isaallee Yohaannis jettee itti baafta.
14
Gammaddee usheexita; yoo inni dhalate namoonni hedduu hin gammadan.
15
Inni Gooftaa afo'otti waan nama guddaa ta'uuf daadhii woyini'ii yookaan dhuddoo nama macheessu sirimaa hin dhugu, uduu garaa haadha ufii keessa jiru Ayyaana Woyyu'uun guuttama.
16
Ijoollee Israa'elii keessaa namoota hedduu gara Waaqa Gooftaa isaaniititti deebisa.
17
Inni hafuura Eliyaasiitii fi hunnaan afoo isaa hin deema; Inni yaada abbooti'ii gara ijoolle'ee; worra hin ajajamnellee gara ogummaa qajeellotaa hin deebisa; banii dammassee Goofta'aaf akka qophaayan taasisa.»
18
Zakkaariyaas Maleekkaa saniin, «Wonti kun akka ta'u attamiin beeka? Anii fi haati manaa tiyyallee jaarreerra» jedheen.
19
Maleekkaan deebisee, «Ani Gabri'eelii afoo Rabbii dhaabadhu; oduu gammachu'uu kana sitti himu'uuf ergame.
20
Ati dubbii kiyya ka hennaa ufiititti raawwatamu waan hin amanneef haga gaafa wonti kun ta'uutitti afaaniin dubbachuu hin dandeettu» jedheen.
21
Baniinillee Zakkaariyaasiin eega'aa ture. Mana woyyuu keessa ol seenee waan tureef maalalan.
22
Haga achii bayellee womaa isaanitti himuu hin dandeenne. Isaanillee hennaa mana woyyuu keessa ture akka inni mudhata arge hubatan Inni waan duudaa dubbachuu hin dandeenne ta'eef malkataan isaanitti hime.
23
Inni ji'oonni tajaajila isaa dhumnaan gara mana ufii deeme.
24
Achiin maayessa haati manaa isaa Elsaabeex ulfoofteerti, hennaa «Gooftaan mudaa kiyya na irraa kaasuuf jedhee namoota jiddu'utti na yaadatee akkana naa godheera» jettee ji'a shaniif uf dhossite.
26
Maleekkaan Rabbii Gabri'eel ji'a jaheesso'ootitti gara qachaa Naazireetii Galiilaa keessatti argamtuu,
27
Gara durba duudaa Maariyaam jedhamtuu ta namicha fiixaa Daawitii irraa dhalate ka maqaan isaa Yooseef jedhamuu qaadhimamteetitti Rabbiin biraa ergamee dhufe.
28
Maleekkaan sun gara isi'ii dhufee, «Ati ta badhaadhaan guuttamte gammadi Gooftaan si woliin jiraa; Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte!» jedheen.
29
Maariyaam dubbii Maleekkaa Rabbii mamtee, «Kun nagaya attamiiti?» jettee yaadde.
30
Maleekkaan akkana isi'iin jedhe, «Maariyaam hin sodaatin! Rabbiin afo'otti badhaadha argatteertaa.
31
Ati hin ulfoofta; ilma dhiiraallee hin deetta; maqaa isaa Yesuus jettaan.
32
Inni guddaa ta'a; Ilma Rabbii maraa olii jedhama. Waandhi Gooftaan teessoo Abbaa isaa ka Daawitii hin kennaaf.
33
Mana Yaaqoobii irratti haga bara baraa mooya; Jeennanni isaallee dhuma hin qabu.»
34
Maariyaam Maleekka'aan, «Ani durba duudaa waan ta'eef kun attamitti ta'a?» jetteen.
35
Maleekkaanillee deebisee akkana jedheen, «Ayyaanni Woyyuun sitti dhufa; hunni Rabbii maraa oliillee si golga. Kanaafuu ka si irraa dhalatu Woyyuu Ilma Rabbii jedhama.
36
Firtittiin teetuu Elsaabeex jaarruma keessa ilma dhiiraa ulfoofteerti. Isiin dhabduu jedhamtu kunoo ji'a jaheessoo keessa jirti.
37
Wonti Rabbiif dadhabamu hin jiru» jedhe.
38
Maariyaamillee, «Ani hojjattuu Goofta'aati, akkuma ati jette naa haa ta'uu» jetteen. Achiin maayessa Maleekkaanillee isii biraa deeme.
39
Maariyaamillee ji'uma san kaatee, gara biyya gaaraa qachaa biyya Yihuudaa ariifattee dhaxxe.
40
Isiin gara mana Zakkaariyaasii seentee Elsaabeexiin nagaya gaafatte.
41
Elsaabeex hennaa nagaya Maariyaamii dhageette, rimeenni gadaamessa isi'ii keessatti utaale; Elsaabeexillee Ayyaana Woyyu'uun guuttamte.
42
Laagaa ufii ol fudhattee akkana jette, «Ati dubartoota keessaa ta eebbifamte. Fiixaan gadaamessa keetiillee ka eebbifame!
43
Haadha Gooftaa kiyyaa! gara kiyya dhufuun kee naa ulfinna attamiiti?
44
Hennaa laagaa nagaya keetii gurra kiyyaan dhagaye rimeenni gadaamessa kiyya keessatti gammachu'uun utaale.
45
Dubbiin Gooftaa irraa isi'itti himame waan raawwatamuuf ta amante ta eebbifamte» jette.
46
Maariyaam akkana jette, «Lubbuun tiyya Gooftaa kabajjiti;
47
Garaan kiyyallee Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
48
Salphinna garbittii ufii waan argeef, adha irraa jalqabee dhaloonni maruu ta eebbifamte naan jedhan.
49
Inni jabaan na irratti waan guddaa hojjate. Maqaan isaallee woyyu'u.
50
Dhiifamsi isaallee worra isa sodaataniif dhaloota irraa haga dhalootaa jiraata.
51
Inni dandeettii ufii mudhisee, worra boonan yaada garaa isaanii woliin bittinneesse.
52
Bulchoota teessoo isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
53
Worra beelayanillee waan misha'aan quubsee, dureeyyiillee harka duwwaa geegesse.
54
Akkuma inni abbootii teenna Abrahaamii fi fiixaa isaatiif dubbate araara ufii ka bara baraa san yaadachu'uun, hojjataa ufii Israa'eliin gargaareera» jette.
56
Maariyaam haga ji'a sadihii isii bira teettee achiin maayessa gara mana ufii deebite.
57
Elsaabeex jiini isiin deettu geennaan Ilma deette.
58
Akka Gooftaan arjummaa ufii isi'ii guddise dhagayanii ollaanii fi firoonni isi'ii isii woliin gammadan.
59
Worri daa'ima gadoomsu'uuf guyyaa saddeetesso'ootitti dhufan, daa'ima maqaa abbaa isaa Zakkaariyaasiin itti baasuu fedhan.
60
Haati ammoo inni Yohaannis haa jedhamuu malee akkas hin ta'u jette.
61
Isaan isi'iin «Worra kee keessaa maqaa kanaan ka waamameeru tokkollee hin jiru» isi'iin jedhan.
62
Abbaan Ilma ufiitiin eennu jedhee maqaa akka itti baasu malkataan gaafataniin.
63
Innillee waan irratti barreessu gaafatee, maqaan isaa Yohaannis jedhee barreesse. Isaan Martinuu hin maalalfatan.
64
Yoma san afaan isaa banamee arrabni isaallee hiikkatee Rabbiinillee galatoonfata'aa dubbate.
65
Ollaan isaanii martinuu hin sodaatan. Wonti kun biyya Yihuuda'aa marattuu odeeffame.
66
Hunni Goofta'aa waan isa woliin jiruuf worri dhagayan martinuu, «Daa'imni kun maal ta'inna laata?» jedha'aa garaa ufii keessatti yaadan.
67
Abbaan isaallee Zakkaariyaas Ayyaana Woyyu'uun guuttamee akkana jedha'aa raaga dubbate.
68
«Banii ufii gargaaree bilisa waan isaan baaseef, Waandhi Israa'eelii Gooftaan haa eebbifamu.
69
Bara durii irraa jalqabee afaan raattota woyyootaatiin akkuma dubbate, fiixaa Daawitii keessaan fayyisaa jabaa nuuf kaaseera.
71
Worra diina keenna ta'anii nu jibban maraa irraa nu fayyisa.
72
Akka kanaan abbootii teennaa dhiifama godhe.
73
Waadaa abbaa keenna Abrahaamiif gale woyyuu ufii qaabate.
74
Isuma kanaan harka diintotaa jalaa baane.
75
Bara keenna maraa sodaa malee woyyumma'aa fi qajeellumma'aan afoo isaatitti akka isa tajaajillu nuu kenne.
76
Akkasuma ati daa'ima nana! raagaa Rabbii maraa olii hin jedhamta, Karaa isaallee haxaayu'uuf Gooftaa afoo deemta.
77
Akka kanaan ka dhiifamsa cubbu'uu ta'e, beekkumsa fayyinnaa banii Rabbiitiif kennita.
78
Waandhi keenna Waaqa araaraatii fi gara laafessa waan ta'eef, Inni aduun fayyinnaa gubba'aa akka nuu ifu taasisa.
79
Ifni isaallee worra dukkanaa fi gaaddidduu du'aa keessa jiraniif hin ifa. Luka keennallee gara karaa nagayaa qajeelcha» jedhee raage.
80
Daa'imni guddatee, Ayyaanaan jabaatee haga gaafa banii Israa'eliititti mudhatuuf lafa udume'ee keessa jiraate.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24