bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 11
Luke 11
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 12 →
1
Gaaf tokko Yesuus hulee tokkotti faateffata'aa ture; Hennaa faatee fixe darasoota keessaa tokko, «Gooftaa keenna! Akka Yohaannis darasoota ufii barsiise akka Rabbiin kadhannu nu barsiisi» jedheen.
2
Inni, «Hennaa Rabbiin kadhattan akkana jedhaa'a, ‹[Abbaa keenna ka samii jirtu] maqaan kee haa woyyoomu, jeennanni tee haa dhuftu, fedhiin kee akkuma samii irratti ta'e akkasuma lafa irrattillee haa ta'u.
3
Nyaata nu barbaachisu guyyama guyya'aan nuu kenni!
4
Akkuma nu worra nu yakkaniif dhiifne, yakka keennallee nuu dhiisi. [Hamaa jalaa nu baasi]› ataabe'etti nu hin galchin.»
5
Inni akkana isaaniin jedhe, «Isin keessaa namni hiriyyaa qabu tokko halkan wodhakkaa gara hiriyyaa ufii san dhaqee, ‹Jaalalloo kiyya mee buddeena sadihii naa liqeessi,
6
Hiriyyaan kiyya tokko ka imala deema'aaru natti gore; ani waan isaa kennu dhabee› yoo jedhe;
7
Hiriyyaan isaa sun deebisee, ‹Amma balbala cufadheeraa na hin rakkisin ijoolleen tiyyallee na woliin rafteerti ka'ee sii kennuu hin danda'u› jedhaanii?
8
Ani akkana isiniin jedha, jaalalloo waan ta'eef hennaa san ka'ee kennu'uufii yoo baatellee waan kadhatee dhiisuu dideef ka'ee waan inni barbaadu maraa kennaaf» jedhe.
9
Anillee akkana isiniin jedha; kadhadhaa'a isinii kennamaa; barbaadaa'a hin argattanii; balbala dhadhayaa'a isin jalaa banamaa.
10
Namni kadhatu maruu hin argata; Ka barbaadullee hin argata; ka balbala dhadhayuufillee jalaa banama.
11
Isin keessaa ka abbaa ta'e, ilmi isaa yoo xoroshoo isa kadhate ka dhagaa kennuuf eennu? yoo inni Qurxummii kadhate ka bofa kennuuf eennu?
12
Yookaan yoo inni kallee kadhate buutii kennaafii?
13
Eegasuu isin hammeeyyii taatanii ijoollee teessaniif yoo kennaa mishaa kennuu ka beettan ta'e, abbaan keessan ka sami'ii worra Isa kadhataniif attamitti Ayyaana Woyyuu caalchisee isaanii hin kennineef ree?
14
Gaaf tokko Yesuus nama jinniin dhayee dubbachuu dhoogge keessaa jinnii baasa'aa ture. Jinniin haga keessaa bayeen maayessa namichi duudaan sun dubbannaan baniin hin maalalfate.
15
Haa ta'uu ammo isaan keessaa namoonni gari gariin, «Inni hunna Bi'elzebulii bulchaa jinni'iitiin jinnii baasa» jedhan.
16
Kuuwwanillee isa ataabu'uuf samii irraa malkata akka isaanitti mudhisuu soqa'aa turan.
17
Innillee yaada isaanii beekee «Mootummaan wol qoqqooddu maruu hin baddi; maatiin tokko yoo wol qoqqoode akkasuma hin diiggama.
18
Maarre Seexanni wol mormee yoo gar gar uf fooye, mootummaan isaa attamiin dhaabatuu dandeetti? waan isin anaan, «Inni hunna Bi'el Zeebuuliitiin jinnii baasa jettaniif» jedhe.
19
Ani yoo ka Bi'eel Zeebuuliin jinnii baasu ta'e ijoolleen teessan maqaa eennuutiin jinnii baasan? Kanaafuu isaan isin irratti hin murteessan.
20
Ani ammo hunna Rabbiitiin yoo ka jinnii baasu ta'e, eegasuu jeennanni Rabbii gara keessan dhufteerti.
21
Namni jabaan sibiilaa fi wontee qabatee, dallawa ufii yoo eege qabeenni isaa hin tuqamu.
22
Ka isa caalu dhufee yoo isa injifate ammo waan inni itti amanatee ture wonte'ee fi woraana irraa fudhata, qabeenna isaallee irraa fudhata.
23
Namni gara kiyya hin taane na morma. Namni na biratti wolitti hin qabanne hin bittinneessa.
24
Ayyaanni hamaan hennaa nama keessaa baye, hulee hara itti baafatu soqa'aa gara lafa bisaan hin jirree dhaqa; yoo dhabe ammo, ‹Gara mana kiyya ka keessaa bayeetitti deebi'a› jedha.
25
Hennaa deebi'u mana duwwaa ta'ee haxaayamee bareedee qophaaye argata.
26
Achiin maayessa ayyaanni hamaan sun deemee worra isa irra hamaa ta'an ayyaanota hammeeyyii biraa torba ka isa caalaa hamaa ta'an qabatee deebi'ee itti gala. Haalli nama saniillee ka duraa caalaa badooma.
27
Yesuus uduu kana dubbata'aaru, banii keessaa intalti takka laagaa ufii ol kaaftee, «Gadaamessi si baatee fi harmi ati hoote ka eebbifame» jetteen.
28
Inni deebisee, «Worri dubbii Rabbii dhagayee ajajamu caalaa ka eebbifame!» jedhe.
29
Hennaa gumiin hedduu wolitti qabame Yesuus akkana isaaniin jechuu jalqabe, «Dhaloonni kun dhaloota hama'a; isaan malkata gaafatan, malkata raatticha Yoonaasii malee malkanni biraa hin kennamuuf.
30
Akkuma Yoonaas banii Nanawwe'eetii malkata ta'e; akkasuma ammo Ilmi namaa dhaloota kanaaf malkata ta'a.
31
Mootittiin Azeeb dhaloota kana woliin kaatee isaanitti murteessiti. Isiin ogummaa Solomoonii dhagayu'uuf daangaa biyya lafaatii waan dhufteertuuf. Ka Solomooniin caalu kunoo as jira.
32
Namoonni Nanawwe'ee dhaloota kana woliin ka'anii isatti murteessan. Lallaba Yoonaasiitiin waan aagii galaniiraniif kunoo ka Yoonaasiin caalu as jira.
33
Ifaa ibsanii gombisoo jala hin kaayan. Hulee nama mana keessa jiru maraaf ifu baattuu ibsa'aa irra kaayan malee.
34
Ifti nafa keetii ija; ijji tee yoo fayyaa taate, nafti kee maruu ifaa ta'a; ijji tee yoo dhibamtuu taate ammo nafti kee maruu dukkana ta'a.
35
Kanaaf ifni si keessa jiru dukkana akka hin taane uf eeggadhu.
36
Eegasuu nafti kee maruu ifaa ta'ee huleen takkallee yoo hin dukkanoofne akka waan ifaan tokko ifa ufii sii ibsa'aaruutitti nafti kee maruu ifaa ta'a.
37
Yesuus uduu waan kana dubbata'aa jiru, Fariisichi tokko akka inni isa woliin hurbaata nyaatu gara mana ufii isa waame; innillee mana isaa dhaqee taa'e.
38
Fariisichi sun akka inni nyaataan dura harka ufii hin dhiqanne argee maalaleen.
39
Gooftaanillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin Fariisonni sabaree itti dhuddanii fi qorii itti nyaattan duuba isaa hin qulqulleessitan; keessi keessan ammo saamaa fi hammeennaan guuttameera.
40
Isin worra gurraan hin dhageenne! Rabbiin gubbaa uume keessa hin uumnee?
41
Isin garuu waan sabare'ee fi qorii keessa jiru hiyyeeyyi'iif kennaa'a. Yoo san wonti maruu isinii qulqullaayaa.
42
Haa ta'uu ammo isin Fariisonni urgoo caarotaa fi ashaakiltii maraa irraa kurneessoo waan kaffaltaniif, murtii qajeela'aa fi jaalala Rabbii waan tuffattaniif isin hobbaas! Haa ta'uu ammo waan kaawwanillee uduu hin dhiifne kana godhu'utu isin barbaachisa.
43
Isin Fariisota mana sagadaatitti barcumma kabajja'aa; gabaya'attillee akka nagaya isin gaafatan waan jaalattaniif isin hobbaas.
44
Isin fakkeessitoota barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisonni, awwaala soodduu hin qabne ka namoonni uduu hin beekin irra deeman waan fakkaattaniif isinii aanne'e!»
45
Beekaa seeraa keessaa tokko, «Barsiisaa'a! ati hennaa kana dubbattu bee nullee arrabsa'aartaa» jedheen.
46
Yesuus deebisee, «Barsiisota Seera Muuse'ee isin aanne'e! Isin ba'aa ulfaataa rakkisaa dudda namootaatitti baachiftan; ufii ammo qubaanillee hin tuxxan.
47
Awwaala raattotaa ka abboonni keessan ajjeesan waan hojjattaniif isinii aanne'e.
48
Kanaafuu isin waanuma abbootiin keessan hojjatan san gargaara'aa dhugaa taasiftan. Isaan raattota ajjeesan, isin ammo awwaala isaanii midhaassitan.
49
Sababaa kanaaf Rabbi ogummaa ufiitiin, «Ani raattotaa fi ergamtoota isaanitti erga. Namoonni sunillee isaan keessaa gari garii hin ajjeesan, kaawwan ammo hin ari'an» jedhe.
50
Maarre dhaloonni kun dhiiga raattota maraa urga adunyaan uumamte irraa jalqabee dhangala'e maraafuu hin gaafatama.
51
Kana jechuun, dhiiga Aabeelii irraa jalqabee haga dhiiga Zakkaariyaasii ka hulee ciinca'aatii fi mana woyyuu wodhakka'atti ajjeefame saniifillee hin gaafataman. Ee; Ani isiniin jedha, dhaloonni kun maruu hin gaafatama.
52
Isin beettonni seeraa, furtuu balbala beekkumsaa waan fudhattaniif isin hobbaas! Ufii hin seenne, worra seenu'uuf ta'ullee hin dhooggitan.
53
Hennaa inni waan kana isaanitti dubbate, barsiisonni seera Muuse'eetii fi Fariisonni waan inni dubbateen isa qabu'uuf yaadanii guddisanii morma'aa waan hedduu ka Inni dubbatuun tuttuqu'uunii jalqaban.
← Chapter 10
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 12 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24