bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 3
Luke 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 4 →
1
Hennaa Qeesaar Xibaariyos mooye woggaa kudha shaneesso'ootitti Pheenxenichi Philaaxoos bulchaa biyya Yihuuda'aa ture; Heroodisi biyya Galiila'aatitti, obboleessi isaa Filiphoos biyya Xuriya'aatii fi Xuraakondoositti, Lisaaniyaasillee biyya Saabilamiisiititti bulchitoota turan.
2
Hennaa Haannaanii fi Qayyaaffaan bulchoota gadootaa ta'aniiranitti dubbiin Rabbii gammoojjii keessatti gara ilma Zakkaariyaasii gara Yohaannisii dhufe.
3
Yohaannis biyya naannoo Yoordaanosii keessa deemee, «Cubbuu keessan irraa deebi'aatii cuuphamaa'a; Rabbillee cubbuu keessan isinii araaramaa» jedhee lallabe. Kitaaba Raatticha Isaayyaasii keessatti, ‹Karaa Goofta'aa qopheessaa'a! karaallee qajeelchaa'a! jedha'aa laagaan nama biyya gammoojji'ii keessatti iyyuu, Dhoondhi maruu haa guuttamuu! gaarrinii fi tulloonni maruu haa diriiruu, karaan daddabaanillee qajeelaa haa ta'uu, namni foon uffate maruu fayyisuu Rabbii haa arguu!› » jedhamee akkuma barreeffame cuuphaa dhiifamsa cubbu'uu lallaba'aa gara biyya naannaya Sooriya'aa maraa dhaqe.
7
Kanaafuu Yohaannis gumii harka isaatitti cuuphamu'uuf dhufaniin akkana jedhe, «Isin ijoollee bofaa! dheekkamsa dhufa'aaru jalaa akka baqattan eentu isinitti hime?
8
Kanaafuu cubbuu irraa deebi'aa'a, waan mishaa hojjadhaa'a, Eegasuu abbaan keenna Abrahaam hin jedhinaa'a, Rabbii dhagaa kanniin keessaa Abrahaamiif ijoollee taasisuu waan danda'uuf.
9
Amma dhagaraan muka jala jira. Kanaafuu munni daraaraa mishaa hin daraarre maruu muramee ibiddatti gatama» jedhe.
10
Hennaa san gumiin, «Maal haa goonu ree?» jedhanii gaafataniin.
11
Innillee deebisee, «Ka uffata lama qabu ka biraatiif haa kennuu. Ka waan nyaatu qabullee akkasuma haa godhuu» jedhe.
12
Qaraxxoonnillee akkasuma cuuphamu'uuf dhufanii, «Barsiisaa'a! maal haa goonu?» jedhanii isa gaafatan.
13
«Waan seeraan murtaaye caalchiftanii hin guurinaa'a» isaaniin jedhe.
14
Loltoonni gariin, «Nu hoo ree? maal goona?» jedhanii isa gaafatan. Inni isaaniin, «Eennuun irrattillee waan hamaa hin hojjatinaa'a; eennuunillee sobaan hin himatinaa'a; mindaan keessanuu isin haa gayuu» isaaniin jedhe.
15
Uduu gumiin isa eega'aaru isaan martinuu garaa ufii keessatti, «Yohaannisiin kun Kiristoosiin ta'innaa?» jedha'aa yaada'aa turan.
16
Yohaannis deebisee, «Ani bisaaniin isin cuupha. Haa ta'uu ammo ka ani miseensa kophee isaa hiikuun naaf hin malle ka na caalu hin dhufa. Inni ayyaana woyyu'uu fi ibiddaan isin cuupha.
17
Mashiinillee harka isaa keessa jira. Ooyidiillee sirima hin qulqulleessa. Qamadii gaaguratti galcha. Buraa ammo ibidda hin dhaamnetti guba» isaaniin jedhe.
18
Kanaafuu banii karaa adda addaatiin gorsa hedduu gorsa'aa Dubbii Nagayaallee isaanitti lallaba'aa ture.
19
Heroodisiin bulchaan kutaa arfeesso'oo ammo waan haadha manaa obboleessa ufii ta Filiphoosii Heroodiyaadaa waan hamaa inni godhe saniif Yohaannis waan isa gorseef,
20
Wonti kun waa maraa caalee wolitti eda'amee Yohaannisiin akka hidhamu taasise.
21
Haga baniin maruu cuuphameen maayessa Yesuusillee hin cuuphame. Inni hennaa faateffatu samiin hin baname.
22
Ayyaanni Woyyuun akka bifa qaamaatiin handarii fakkaatee isa irratti bu'e. Yoma san laagaan, «Ilmi kiyya ka ani jaaladhu si'i; ani si'iin gammada» jedhu samii irraa dhufe.
23
Yesuus hennaa tajaajila jalqabu umuriin isaa woggaa soddoma ture. Baniin Yesuusiin ilma Yooseefii seeya; Yooseefiin kun ilma Eeli'iiti.
24
Eeliin ilma Maati'iiti, Maati ilma Leewwi'iiti, Leewwi ilma Miilkiiti, Miilki ilma Yoona'aati,
25
Yoonaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Matatiyuuti, Matatiyu ilma Amootsiiti, Amootsii ilma Naahoomiiti, Naahoom ilma Esliimiiti, Esliim ilma Nage'eeti,
26
Nage ilma Ma'aatiiti, Ma'aati ilma Matatiyuuti, Matatiyu ilma Seemeyiiti, Seemeyi ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoodaati,
27
Yoodaan ilma Yoonaaniiti, Yoonaan ilma Reesiiti, Reesi ilma Zarubaabeliiti, Zarubaabeli ilma Salatiyaaliiti, Salatiyaali ilma Neeriiti,
28
Neeri ilma Miilkiiti, Miilki ilma Haadiiti, Haadi ilma Yoosasiiti, Yoosasi ilma Qosaamiiti, Qosaami ilma Elimodameeti, Elimodame ilma Eeriiti,
29
Eeri ilma Yosee'iiti, Yoosee'i ilma Eli'aazariiti, Eeli'aazari ilma Yooraamiiti, Yooraam ilma Maaxaatiiti, Maaxaati ilma Leewwi'iiti; Leewwiin ilma Simooniiti.
30
Simoon ilma Yihuuda'aati, Yihuudaan ilma Yooseefiiti, Yooseef ilma Yoonaaniiti,
31
Yoonaan ilma Eliyaaqeemiiti, Eliyaaqeemi ilma Meliyaati, Meliyaan ilma Maayinaaniiti, Maayinaan ilma Maaxaatiiti, Maaxaati ilma Naataaniiti,
32
Naataan ilma Daawitiiti, Daawiti ilma Isseyiiti, Isseyi ilma Iyyoobeediiti, Iyyoobeedi ilma Boo'eeziiti, Boo'eez ilma Solmooniiti,
33
Solmooni ilma Na'aasooniiti, Na'aasoon ilma Amiinaadaabiiti, Amiinaadaabi ilma Araamiiti, Araami ilma Arooniiti, Arooni ilma Esiroomiiti,
34
Esiroomi ilma Faaresiiti, Faareesi ilma Yihuuda'aati, Yihuudaan ilma Yaaqoobiiti, Yaaqoob ilma Yisaaqiiti, Yisaaqi ilma Abrahaamiiti, Abrahaam ilma Taara'aati,
35
Taaraan ilma Naakooriiti, Naakoor ilma Seerohiti, Seerohi ilma Ragawuuti, Ragawu ilma Faaleeqiiti, Faaleeqi ilma Abeeriiti, Abeer ilma Saalaatiiti,
36
Saalaan ilma Qaayinaamiiti, Qaayinaam ilma Arifakisidiiti, Arifakisidi ilma Seemiiti, Seemi ilma Noohiiti, Noohi ilma Laamehiiti, Laamehi ilma Maatusaala'aati,
37
Maatusaalaan ilma Heenookiiti, Heenooki ilma Yaareediiti,
38
Yaareed ilma Malali'eeliiti, Malali'eeli ilma Qayinaaniiti, Qaayinaan ilma Heenoosiiti, Heenoosi ilma Seeti'iiti, Seeti ilma Aadamiiti, Aadam ilma Rabbii ti.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24