bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Luke 13
Luke 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
1
Hennaa san namoonni gara Yesuusii dhufanii, «Namoonni Galiila'aa hennaa ciincaa dhiyeessan, Philaaxoos isaan ajjeesee dhiiga isaanii ciincaa isaan Rabbiif dhiyeessan woliin wolitti make» jedhanii Yesuusitti himan.
2
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Namoota Galiila'aa kanniinitti wonti kun wonti isaan irra gayeef, namoota Galiila'aa maraa caalaa cubbamtoota waan ta'aniif isinitti fakkaataa?
3
Wa'a! Ani isinitti hima akkasii miti; isin maruu cubbuu irraa deebitanii yoo aagii hin galle hin baddan.
4
Namoota kudha saddeetii ka Saalihoomitti dalloofni dhaga'aa isaanitti jigee ajjeese sun namoota Yerusaalemiin keessa jiraatan caalaa cubbamtoota isinitti fakkaataa?
5
Ani isinitti hima akkasii miti, isinillee cubbuu keessan irraa deebitanii yoo aagii hin galle isin maruu akkasuma baddan» isiniin jedha.
6
Kanaan maayessa Yesuus akkana jedhee mammaaka kanaan isaanitti dubbate, «Nama ashaakiltii woyini'ii keessatti muka hurbu'uu dhaabate tokkotu jira; Sanyii irraa argadha jedhee laalu'uuf dhufe; garuu womaa irratti hin argine.
7
Innillee hojjataa ashaakiltii woyini'iitiin, ‹Muka hurbu'uu tana irraa sanyii fudhachu'uuf woggaa sadihiif deddeebi'aa ture; haa ta'uu ammo womaa irraa hin arganne. Muri, maaf lafa balleessitii?› jedheen.
8
Inni ammo deebisee, ‹gooftaa kiyya shuqunee dikee itti buusaa woggattii tanaaf dhiisi.
9
Uf afoo yoo daraarteef misha'a; yoo hin taane ammo hin murta›» jedheen.
10
Yesuus guyyaa Sambataa mana sagada Yihuudotaa tokkotti barsiisa'aa ture.
11
Hennaa san dubartiin woggaa kudha saddeetiif ayyaana hama'aan qabamtee ta duddi isi'ii gad goge takkatu achi ture. Isiinillee waan gad goddeef ol qajeeltee deemuu hin dandeettu.
12
Yesuusillee hennaa isii arge gara ufii isii waamee, «Dubartii nana, ati dhibee kee irraa fayyiteerta» jedheen.
13
Innillee harka ufii isii irra kaayee, isiinillee yoma san ol jettee qajeeltee dhaabattee Rabbiin galatoonfatte.
14
Bulchaan mana sagada Yihuudotaa ammo Yesuus Sambataan waan nama fayyiseef aaree akkana jedhe, «Guyyoonni hujiin itti hojjatamuu barbaachisu jahatu jira; Kanaaf guyyoota sanniinitti kootta'aa fayyaa malee, guyyaa Sambataatiin hin ta'u.» jedhe.
15
Gooftaanillee deebisee, «Isin fakkeessitoota nana, isin keessaa gari gariin guyyaa Sambataatiin ka qotiyyoo yookaan harree urgee okaya nyaatuu hiikee bisaan obaasu'uuf hin finne eennu?
16
Intalti tun Fiixaa Abrahaamii taatee woggaa kudha saddeetiif ta jinniin hidhe guyyaa Sambataatiin hidhaa kana keessaa hiikkamuun isii hin barbaachisuu ree?» jedheen.
17
Hennaa inni waan kana dubbate worri morman maruu saalfatanii waan maalalee isaan jiddu'utti godhame maraaf baniin maruu hin gammade.
18
Achiin maayessa Yesuus, «Jeennanni Rabbii maal fakkaatti? Ani maali'iin wol fakkeessa?» jedhee gaafate.
19
«Jeennanni Rabbii gumaa heexo'oo ka namni fuudhee maasaa ufii keessatti dhaabe fakkaatti. Isiin guddattee muka guddaa taate; simbirroonni sami'iillee dhuftee damee isi'ii irratti maandhee ijaaratti» jedhe.
20
Yesuus ammallee akkana jedhee gaafate, «Jeennata Rabbii maaliin wol fakkeessa?
21
Raacitii dubartiin takka fuutee daakuu kooboo sadihiititti safartee haga bukaawutti wolitti matte fakkaatti» jedhe.
22
Yesuus hennaa gara Yerusaalemii deemu qachootaa fi gandiin keessatti barsiisa'aa keessa lufa'aa ture.
23
Namichi tokko, «Gooftaa kiyya, worri fayyan hago'oo mitii?» jedheen.
24
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Balbala dhipha'aan ol seenu'uuf tattaafadhaa'a; ani isinitti himaa, namoonni hedduu seenu'uuf tattaafatan. Haa ta'uu ammo seenuu hin dandeenne.
25
Abbaan mana sanii haga balbala cufeen maayessa isin diida dhaabattanii, ‹Gooftaa! Gooftaa! nuu bani›! jedha'aa balbala dhaya'aa kadhattan. Inni garuu deebisee, ‹Eessaa akka dhuftan isin hin beeku› isaaniin jedha.
26
«Isin ammo hennaa san, ‹Nu si woliin nyaannee dhunneerra; gumii keenna irrattillee nu barsiifteerta› jechuu jalqabdan.
27
Inni garuu deebisee, ‹Ani isin hin beeku; eessaa akka dhuftan isin hin beeku; isin worri hamaa hojjattan maruu na irraa fagaadhaa'a› isiniin jedha.
28
Hennaa Abrahaam, Yisaaq, Yaaqoobii fi raattota maraa jeennata Rabbii keessatti argitan isin ammo gara diidaa gatamtan; achitti booya'aa ilkaan qartan.
29
Baya biiftu'uutii fi dhiya adu'uutii, kaabaa fi kibbaa namoonnillee hin dhufan. Jeennata Rabbii keessa taa'anii hurbaataa nyaatan.
30
Worra maayessaa keessaa worri dura ta'an, worra duraa keessaallee ka maayessa ta'u hin jira.»
31
Hennaa san Fariisota keessaa gariin gara Yesuusii dhufanii, «Heroodiis si ajjeesuu waan barbaaduuf asii bayii deemi» jedhaniin.
32
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Dhaqa'aatii jeedalattii saniin, ‹adhaa fi boru jinnii baasa; namoota dhukkubsatan hin fayyisa; guyyaa sadeesso'ootittillee hujii kiyya hin raawwadha› jedha'aanii.
33
Haa ta'uu ammo, raattichi Yerusaalemiin alatti du'uun waan hin barbaachifneef adha, boru yookaan haga iftaaniititti hin deema» isaaniin jedhe.
34
«Yerusaalem! Yerusaalem! Ati ammo ta raattota ajjeeftee, worra gara kee ergamanillee dhaga'aan tumtu! Akkuma lukkuun ilmoolee ufii koola ufii jalatti wolitti qabattu anillee ijoollee tee wolitti qabu'uuf hennaa meeqa barbaade! isin ammo hin diddan.
35
Amma manni keessan ona ta'ee hafa. ‹Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame› haga jettanitti ammaa achi na hin argitan» jedhe.
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 14 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24